2013 Irreechaa

April 2014
M T W T F S S
31 1 2 3 4 5 6
7 8 9 10 11 12 13
14 15 16 17 18 19 20
21 22 23 24 25 26 27
28 29 30 1 2 3 4

Category Key

  • General

World Irreecha Events

Irreechaa 2013

  • September 30, 2012 – Irreechaa: The Oromo National Thanksgiving Day
    N/A, General
  • September 29, 2013 – Irreechaa Festival 2013
    11:00 am, General
  • September 29, 2013 – Welcome to the coming 2013 Irreechaa!
    11:00 am, General
  • October 5, 2014 – Irreechaa Festival 2014
    11:00 am, General

Norway

Irreecha Norway

Irreecha Bergen 2010

Kabajaan Ayyaana Irreechaa fi Seminaarri dhimma Waaqeffannaa magaalaa Bergen irratti qophaa’e, milkii, nagaa fi gammachuun hofkale.

 Ayyaanni Irreechaa biyya Norway, magaalaa Bergen jedhamutti yeroo 5ffaaf sirna ho’aa fi haala miidhagaa ta’een fulbaana guyyaa 11, bara 2010 kabajamee jira. Akka Aadaa Oromoo fi Amantii Waaqeffannaatti ganni dukkanaa fi roobni darbee yeroo birraan barihu, Waaqa nagaan ganna dukkana keessaa gara Birraa Booqaatti nagaan hulluuqsise malkaa bu’anii gamtaan irreeffatanii galateeffatu. Akkuma kanaatti hirmaatonni gara Malkaa Irreechaa kana yeroo bu’an Waaqa faarfachaa, Sirbaa dhiichisaa turan. Yeroo Malkaa gahan, haaluma kanaan dura barameen sirni eebba maanguddoon erga kennamee, booda Irreeffannaan akka duudhaa isaatti raawwate. Ayyaana Irreecha baranaa kan darbe irraa waanti adda godhu, hayyuu Argaa Dhageettii kan ta’e obbo Dabbasaa Guyyoo fi Qees Bantii Ujuluu sirna Irreechaa kanarratti argamuun nu waliin irreeffachuu isaaniiti. Kunis kan mirkaneessu Ayyaanni Irreechaa Aadaa Oromoon gamtaan Waaqa isaa galateeffatu ta’uu fi amantii kamiinuu waliin kan  wal hin faallessine ykn wal hin mormine ta’ee isaati. 

Sirna irreeffannaa booda, akka sagantaa baheetti namuu gara galma walgahii  qophaa’etti yeroo walgahan obbo Asnaaqaa Irkoo, gaafatamaan Adulaa Gumii Waaqeffannaa Norway, baga nagaan dhuftan jechuun keessummoota erga simataniin booda, sagantaa barumsaaf qabamee fi keessummoota barsiisan hirmaattota walgahichaan walbarsiisan.

 Akka kanaatti jalqaba barumsa mata duree BUNAA fi WAAQEFFANNAA jedhutu dhihaate. Kan dhiheesse, obbo Caalchisaa Waamii biyya Danmark irraa kan dhufan fi aadde Angaatuu Baalchaa biyya Holland irraa kan dhufte. Isaan lamaanuu, namoota aadaa Oromoo naannoo keessatti dhaltanii guddatan qajeelchanii kan beekanii fi Amantii Waaqeffannaa kan hordofanii fi ittiin bulan.

Bunni araada qofaaf kan dhugamu ykn danfisamu osoo hin taane, Jila Oromoon godhatu kamuu keessatti iddoo guddaa kan qabu ta’uu, yeroo nama keessumsiisan, yeroo ayyaana addaa kajaban ykn akka amantiitti sirna tokko qopheeffatan, sirni Bunaa fi Buna qalaan keessaa kan hin hafne ta’uu ibsan. Buna qaluun ittiin Waaqa kadhachuu, araarfachuu fi wayita sirni gaa’elaa tokko ykn ayyaanni tokko jiraatu ammoo akka dhangaa aadaa fi kabajaatti akka dhihaatu barsiisan Yeroo buna dhaabbatan akkatti eebbifatanii dhugan  milkii akka itti ilaallatan, akkasumas bunni aadaa fi amantii keessatti dhimma bahuu qofa osoo hin taane seenaa Oromoo waliin walqabataa ta’uullee ibsanii jiran.

Itti fufuun kan kan barsiisan, hayyuu Argaa Dhageettii Oromoo kan ta’an obbo Dabbasaa Guyyoodha. Obbo Dabbasaa Guyyoo waggoota shanan asi aanan keessa biyyoota kan akka Guatmala, USA fi Raashiyaatti afeeramuun saboota aadaa fi amantiin isaanii akkuma Waaqeffannaa ukkaamamee turee fi amma dagaagfataa jiran, Sirna Gadaa fi Argaa Dhageettii Oromoo bal’inaan barsiisaa jiran

Obbo Dabbasaan barumsa isaanii ennaa eegalan ” Sabni Aadaa hin qabne garbicha” jedhan. Garbi  aadaa fi amantii mataa ofii hin qabu. Kan ormi humnaan fudhachiise hordofa. Garuu sabni Oromoo humna alagaan biyyaa fi mirga isaa haa dhabu malee, aadaa, seenaa, seeraa fi safuu mataa isaa qaba. Sirni Gadaa, osoo dimokraasiin Addunyaan  har’a leelliftu kun hin dhalatiin dura sabni keenya akka ittiin bulaa ture, alagaanillee kanarraa akka waraabbatte ibsan.

Ittaansuun, waa’ee Yaayyaa shananii, akkaataa Gadaan maree marmaaruu fi Oromoon ittiin bulaa ture, Seera Uumaa keessatti waa’ee Urjiilee fi waan Qoollo keessa jiran, waan Dachii keessaa fi irra jiran, Gumaa, Buusaa Gonofa, seera Aloo fi Aloolo, akkasumas akkaataa Oromoon mirga lubbuu qabeenyii fi kan lubbuu hin qabnellee tiksu, qabeenya waloo fi dhuunfaa akkamiin akka tohatuu fi nama haala adda addaan ofi hin dandeenye akkatti gargaaru bal’inaan ibsan.

Waaqeffannaan amantii Oromoo fi ummata Afrikaa isa ganamaa fi angafaa ta’uu hubachiisan. Namni amantii qabu , amantii nama biraa hin tuqu, hin tuffatu, nama amantii hin qabnetu amantii ormaa tuqa. Kanaaf Waaqeffataan amantii nama biraa kabajuu qaba jechuun yaada isaanii gudunfan.

 Sagantaan itti aane  mata duree ” Sirnaa fi Naamusa Waaqeffannaa” jedhu ilaalchisee kan barsiise obbo Geetaachoo Camadaa biyya Jarman irraa kan dhufan. Obbo Geetaachoo Camadaa hayyuu qorannoo aadaa fi amantii Oromoo yeroo ta’u, asiin dura yeroo adda addaatti waa’ee aadaa fi amantii Waaqeffannaa ilaalchisee barruu gaggabaabaa hedduu barreessee jira.

Barumsi obbo Geetaachoon guyyaa kana hirmaattotaaf dabarse, gabaabaatti yeroo cuunfamu, naamusaa fi sirna Waaqeffataan tokko hordofuu qabu, safuu fi laguu, eebbaa fi abaarsa, sirna gaa’elaa fi gaa’ela raawwachuuf waan namni tokko guutuu qabu, akkasumas, firri akka walhin fuuneef akaakuu hedachuu akka qabu, fira dhihoo fuudhuun ” haraamuu” akka nama taasisu, haraamuun nama safuu fi laguu cabse akka ta’e, ijoolleen warra haraamuu irraa dhalattu hir’ina sammuu fi qaamaa akka godhattu, Waaqeffannaan nagaa fi araara, waliin jireenya ummata kamiifuu bu’uura akka ta’e hubachiisuun, hordoftoonni amantii kanaas aadaa fi amantii nama biraaf safuu fi kabajaa qabaachuu akka qaban hubachiisan.

Itti fufuun akka sagantichaatti, mata duree ”Aadaa fi Amantii” jedhu irratti namni barumsa dhiheesse, Qees Bantii Ujuluudha. Qees Bantiin barumsa amantii kiristaanaa sadarkaa olaanaatti kan baratanii fi ammallee doktorummaaf qorannoo geggeessaa kan jiran  yeroo ta’u, ammatti  biyya Jarman keessatti hojii amantii Kiristaanaa hojjetaa jiru. Mata duree Aadaa fi Amantii jedhu irratti barumsa bal’aa qorannoo irratti hundaawe dhiheessan. Cuunfaan isaa akka armaan gadiitti.

  • Aadaa fi amantii adda baasuun rakkisaa akka ta’ee fi amantiin kiristaanaa fi kan isilaamaa kan inni yayyabame akka aadaa saba Yihudaa fi Arabaatti ta’uu, akkasumas yeroo adda addaa keessatti fooyya’aa guddataa akka asi gahe,
  • Amantiin lamaanuu ummata Afrikaa irratti duula aadaa balleessu kan raawwate ta’uu ragaa qabatamaa hedduun akka jiru,
  • Saba tokko saba biraa irraa kan adda baasu, Afaan, Uffata, Maqaa, Duudhaa fi Safuu isaati. Maqaa amantiin maqaa ofii gara maqaa alagaatti jijjiirrachuun, aadaa saba ofii lagachuun, safuu fi laguu ummata ofii toobbachuun gabrummaa olaanaa fi eenyummaa ofii dhabuu akka ta’e,
  • Amantiin kiristaanaa yeroo biyya keenya seenu Galma Qaalluu gubuun  balleessuuf akka itti duule, Galma Qaalluu gubuu jechuun amanticha balleessuu qofa osoo hin taane hambaa seenaa fi aadaa Oromoon qabu waliin dhabamsiisuu akka ta’e, keessattuu dhiha Oromiyaatti yeroo ammaa waan aadaa Oromoo calaqqisan akka badaa jiru,
  • Akka ilaalcha geggeessitoota amantii warra Awuropaa tokko tokkootti, amantii jechuun, kan kitaaba qabu, seera qindaaween kan masakamuu fi sirna amantii ittiin geggeessu kan qabudha jedhanii amanu. Garuu amantii tokkoof kitaabaa fi seera tolchuuf dura amantich jiraachuun  bu’uura akka ta’ee fi ummanni Afrikaa kitaaba amantii hin qabaatiin malee amantii hordofu Waaqeffannaa akka qabu, jarri ammoo maqaa jibbansa ykn duubatti hafiinsaa ibsu ” Pagan” jedhu akka itti moggaasan,
  • Sirbi Oromoo, kan akka geerarsaa, faaruu loonii fi sirba jaalalaa, mararoo, sirba da’umsaa fi wkf dhorkamuun Oromummaa balleessuu irraa akka adda hin taane,
  • Qeesonni fi Sheekonni Oromoo tokko tokko dhugaa kana osoo beekanii Aadaa Oromoo irratti duuluun yakka seenaa keessatti isaan gaafachiisu akka dalagaa jiran
  • Aadaa keenya qabannee amantii feene hordofuu akka dandeenyu, akka Oromootti waan walitti nu qabu ayyaana kan akka Irreechaa kabajuun cubbuu tokkollee akka hin qabnee fi amantii kamiinuu akka hin faallessine ibsanii jiru.
  • Walumaa galatti barumsi keessummoonni maqaan isaanii asiin olitti eerame kennan bal’aa fi barruu kana keessatti ibsamee kan dhumu waan hin taaneef fuula dura bal’inaan barruu ofi danda’e irratti baasuuf yaalla

    Namni dhimma Waaqeffannaa fi Irreecha Oromoo irratti qorannoo godhe Brite Servan jedhamtu Norwegean kan taatetu gara xumuraatti barumsa kennite. Isheenis Aadaa, Amantii fi Hawaasummaa Oromoo irratti qorannoo gooteen MA ishee fudhattee jirti. Ayyaana Irreechaa yeroo adda addaatti akka hordofaa turtee fi itti gammaddu,  ammallee gara Oromiyaa deemuun ayyaana Irreecha Hora Arsadii irratti argamuuf sagantaa akka qabduu fi qorannoo akka gochaa jirtu ibsitee, Aadaan ayyaana Irreechaa kun akka guddatuu fi jabaatu hirmaattotaaf hawwii fi dhaamsa qabdu dabrsitee jirti.

    Dhuma irratti bifa gaaffii fi deebiin marii bal’aatu godhame. Hirmaattota irraa akka hubannetti qophiin seminaaraa kun barumsa seena qabeessa akka turee fi fuula dura haala kana fakkaatuun barumsi hawaasa Oromoo bal’aa hirmaachisu qopheessuun akka barbaachisu yaadni dhiyaatee jira.

    Sagantaa galgala aadaa ilaalchisee ammoo, wallistoonni keenya yeroo fi bakka barbaadamanitti argamanii ummata isaanii bohaasrsuu fi bashannansuuf aaddeffatan, Ilfinesh Qannoo, Abbabaa Abbashuu, Hirphaa Gaanfuree, Tottoobaa Taaddasaa fi Angaatuu Baalchaa turan. Kana malees kaa’imman Oromoo uffata aadaa Oromoo kan godina Oromiyaa bakka adda addaa calaqqisu  uffachuun ragada, dhiichisa, tirrii, shaggooyyee fi kan kana fakkaatan dhiheessuun hojii boonsaa hojjetan. Marti isaaniituu galata guddaa qaban.

                                             Xumura

    Ayyaana irreechaa fi sagantaa Seminaaraa kana milkeessuuf kanneen fagoo fi dhihoo irraa dhufanii irratti hirmaatan galata guddaa qaban. Warri balbla cufatanii ” foddaa keessan ilaaluu ” yaalanis akkasuma yaadaan nu waliin turaniif galata qabu. Mammaaksa tokkotu jira. Innis akkas, Namicha naannoo baadiyyaa keessa jiraatu tokkotu ganda keessa jiraatu keessa darbee gara mana ofiitti yeroo galaa jiru, manneen aaraa jiran argaa ture. Ennaa mana isaa gahu haati manaa isaa waa aarsaa hin jirtu. Yeroo kana isheetti gaddee ” yeroo ollaan kee mana aarsitu ni gubdi seetee?” jedhe jedhama. Waan manni aaruuf namuu ni beeka.

    Sheekotii fi Qeesonni Oromoo akkasumas hordoftoonni isaanii marti, amantii hordoftanii fi barsiiftan cinatti waa’ee Aadaa fi Seenaa, akkasumas Oromummaa keessan hin dagatiinaa jenna. Seenaa Sheek Bakarii Saphaloo, Qees Kumsaa Boroo, Abbaa Gammachiis fi Aster Gannoo hojjetanii darban yaadadhaa! Maqaan boollaa oli jedhu mitiiree !

    Waaqayyo yeroo nu uume, akkuma saba biraa Afaan, Aadaa, Safuu fi Biyya nuuf kennee jira Kanaaf kennaa isaa eeggachuu fi tikfachuun Oromummaa keenya waliin haa dagaagfannu!

    Gadaan Quufaa, Gabbina !!

    6 comments to Norway

    • maafan

      akkam baayyee nama gammachiisa! rabbiin isin irraa haajaalatu!

    • akkam baayyee nama gammachiisa ra

    • wanti isin gootan baay’ee nama gammachisa .kanaaf nut ammoo waaqeffaatoota biyya keessaa waan taanef tokkummaa amantii keenyaaf koottaa waliin haa hojjannuu. walin amantii ,duudhaa fi seenaa keenya walin haa dagaagsinu .

    • Hayyee, webiste Waaqeffannaa dubbisuu fi yaada keef galatoomi.

      Yoo fedhii kee ta’e miseensa keenya akka taatu si gaafanna !

      Nagaa waliin

    • Turuneshi

      namati tola jiradha

    • gubataa

      Waaqeffanaan irreechaa ofumaa margaafi baala ciranii balleessuudha. Oromoofi rabbi dhaga`aa hinjiru nibeektuu kana? Diinnis ta`ee nu`i waliikeenyaafi ciisnee bulaa hinjirru kanaafuu nageenyi Oromoo yoomi irra iyyuu boora`aa jra. Sababisaas waaqeffachuu malee waaqa isa kamitti akka waaqeffanu hinbariin jirra.Bu`urri irreechaa ajjechaa hangafi ilma oromoo quxusuu irraan ga`eefi irra madda. similar to Kael and Abel story. Mee gaafa uummatini Oromoo irreeffachuufi lagatti yaa`e baranaa wayyaneen maali goote turte? Waaqa qulqqulluu utuu ta`ee afaan leencaa kana gargar hanbise ture ykn akka fareon cirracha xinnoon baddekaa wayyaaneen.Waaqeffannan waa lama yoo amantii qabdu ta`e. kaan waaqa dhugaatti sagaduu kaan immoo utuu hinbeekins beekaas seexanati sagadu.Harra yeroo dunuunfanne waan logic hintaane tokko logikii gochuufi yaallu utuu hintain hubannee qorannee waan dhugaa ta`e, bu`aa buusu tokkoofi yeroofi jireenya keenya laannuudha.
      Amantiin kan abbaati adaraa naqeeqxuu laataa? nagaan turaa

    Leave a Reply

      

      

      

    You can use these HTML tags

    <a href="" title=""> <abbr title=""> <acronym title=""> <b> <blockquote cite=""> <cite> <code> <del datetime=""> <em> <i> <q cite=""> <strike> <strong>