2013 Irreechaa

November 2014
M T W T F S S
27 28 29 30 31 1 2
3 4 5 6 7 8 9
10 11 12 13 14 15 16
17 18 19 20 21 22 23
24 25 26 27 28 29 30

Category Key

  • General

World Irreecha Events

Irreechaa 2013

  • September 29, 2013 – Irreechaa Festival 2013
    11:00 am, General
  • September 29, 2013 – Welcome to the coming 2013 Irreechaa!
    11:00 am, General
  • October 5, 2014 – Irreechaa Festival 2014
    11:00 am, General

Seenaa Maallimaa

SEENAA UUMAMA MAALLIMAA

Leellisaa Aadaa

SEENSA

Alagaan daba nu irratti hojjate keessaa Sirna Gadaa, Qaalluu, Aadaa
Oromoo , Duudhaa keenya, Seeraa fi Safuu Waaqeffannaa, waan qabnu
hundaa, maqaa jibbamaa fi fokkisaa itti moggaasan. Ummanni keenya waan
qabu hundaaf gatii akka hin kennine, ulfina dhoowwame, akka itti
qaanawu gochaa turan. Yeroo ammaas eenyumaa keenyatti akka qaanofnu
toftaa bifa adda addaatiin halkanii guyyaa nurratti hojjachaa jiru.
Dhugeeffannaa keenya balleessanii kan isaanii nu fudhachiisuf waggaa
dhibbaa ol tattaafataniiru. Galata Waaqayyoo fi ulfina manguddoota
Oromoof haa ta’uu, raacita aadaa keenyaa fi dhugeeffannaa Waaqeffannaa
nuuf dabarsaniiru. Kanaaf Aadaa keenya dhugeeffannaa (amantii ) keenya
dhabamsiisuu hin dandeenye.
Waltajjii Oromootaa keessattii fi bakka sirni Gadaa amma illee
hojjataa jirutti uummanni keenya Kallachaa fi Caaccuu, Bokkuu fi
Siiqqee otoo itti hin qaanayiin otoo hin dhoksiin ifatti baatanii
Waaqayyoon araarfachuuf waggaa waggaan bakka araarfannaa deemu.
Kallachaa fi Caaccuu qabatanii ilmaan isaanii ittiin kaadhimatu.
Maseena isaanitti ilmoo ittiin guddifatu. Gosa wal ajjeese ittiin
araarfatu, harkatti qabatanii waadaa/kakuu ittiin walii seenu.
Ayyaantuu fi Qaalluu isaaniif kabajaa guddaa kennu, waan isaan jedhan
dhagahu, karaa isaanii waan dogoggoraan dabe sirreeffatu.

SEENAA MAALLIMAA

Akka abaabilee, akaakilee, akaakayyuu fi abbootii keenya irraa
darbaa-dabarsiin dhageenyetti, akka warri beektonni barreeffamaan nuuf
dabarsanitti, akka warri keenya nutti himaa nu guddisanitti, seenan
Maallimaa, Kallachaa fi Caaccuun akkas fakkaata.
Ilmaan Booranaa keessaa, Walaabu Gurraacha dhalche, Gurraachi immoo
Odaa dhalche, Odaan Tuulama dhalche,Tuulamni Daaccii dhalche, Daacciin
immoo Sooddo dhalche, abbootin kun immoo, ilmaan biraa qabaatan illee,
amma ani kanan barreessaa jiru kun hidda dhalootaan Maallima ti.
Sooddo ilmaan sadii qaba. Odituu, Tum’ee fi Liiban jedhamu.
Odituun ilmaan shan qaba. Siibaa, Abbaadhoo, Idooroo, Soolee fi
Maallima jedhamu.
Maallimni ilmaan sadii qaba. Waayyu, Oborraa fi Gurraa jedhamu.
Maallimni Ayyaantuu ta’uu kan danda’e seenaa kanaa gaditti ibsamee
jiru kanaani jedhama. Innis:-
Bari tokko Waaqni roobuu dide. Hongeen/gadadoon ilmaan namaa,
bineensa, margaa fi muka hunda balleesse. Ennaa kana manguddoonni
Oromoo mala barbaaduuf walitti yaa’anii mariyatan. Furmaata
argachuufis gara waa beekaa ykn raagduu dhaquu akka qabatan irratti
walii galan. Maal yoo goone Waaqni nutti araarama? jedhanii gaafatan.
Raagdichis/Raajichis akkas jedheen, “Yoo nama tolchaaf qaltan
Waaqayyoon imimmaan keessan ilaalee, kadhaa keessan dhaggeeffatee,
fedhii keessan isinii guuta” jedheen.
Rakkoo kana irra aanudhaafis Oromoonni ammas walitti yaa’anii erga
mariyatanii booda, hixaa buusuu irratti walii galan. Abbaa hixaan itti
fuute qaluuf jecha.
Hixaan tolchaaf baasaniis Odituu ( Abbaa Siibaa) irratti fuute.
Odituunis tolchaaf qalama jechuudha. Ykn Odituu fi haati warraa isaa
(haadha Siibatin) yoo walii galanii ilmaan qaban keessaa tokko yoo
kennan Odituun hin qalamu jechaadha.
Ilmaan isaanii keessaa isa kam qalmaaf kenninaa irratti abbaan Siibaa
fi haati Siibaa yoo walii galuu baatan ykn dhimmi biraan kan walii
galtee isaan dhoowwu yoo mudate ykn haati Siibaa ilmaan ishii yoo
dhorkatte, Odituun qalamuu isaati. Odituun immoo mana lama (dubartii
lama) qaba ture.
Manguddoonni warri jaatanii raagotaan himamee bakkaan gahuuf
filataman, Odituu waamanii, akkas jedhaniin. “Odituu, haati Maallimaa
tokkichuma qabdii, sana homtuu irraa hin kajeelu; haati Siibaa garuu
dhiira afur qabdii kana keessaa tokko siif haa kennitu, gara ishii
dhaqiitii waan ta’e hunda ibsiifii, kanaachi situ qalama” jedhaniin.
Odituunis rifaatudhaan hollatee, callisee otuma lafa ilaaluu imimmaan
ofirra lolaase. Yeroo gabaabduu eega callisee booda, “koottaa yaa fira
koo gara mana haadha Siibaa dhaqnee, kan haati Siibaa kennituu anis
nan kenna” jedhee dura qajeele. Jaarsoliinis wal qabatanii gara mana
haadha Siibaa dhaqan. Haati Siibaas jara gara mana ishiitti dhufaa
jiran fagootti agartee, balbala ishii irra dhaabattee eegde.

I Haati Siibaa Ilmaan ishii kennuu diduu

Haati Siibaa akkuma jaarsoliin itti dhihaataniin gubanii/qarmammeettii
balbalaa lamaan qabattee dhaabachuun akkas jetteen. “Isin manguddoonni
ulfoon maaliif dhaamsa tokko malee mana koo dhuftan? Silaafuu nagaaf
akka hin taane qalbiin koo na beekera, farra maalii baattanii mana
koo dhuftan?” jetteen.
Manguddoonnis hojii haadha Siibaatti otoo hin aariin, dhugaa qabaachuu
ishiis beekaniifii obsumaan akkas jedhani. “Mee yaa obboleettii keenya
waan hundaafuu ol nu seensis” jedhanii kadhatan. Ishiinis
gubanii/qarmammeettii balbalaa gad-dhiifteefii ol seensifte.
Ilmaan haadha Siibaa arfanuu; Siibaa, Abbaadhoo, Idooroo fi Soolen
haadha isaanii wajjin mana turan. Manguddoonnis eega ol seenanii waan
dhufaniif hunda haadha Siibaatti himan. Abbaan Siibaas “kan ati
kennite anaafis nita’a” jedheen.
Haati Siibaas waan jaarsoleen jedhaniin eega dhaggeeffattee booda,
“mee egaa ilmaan kiyya yeroo tokko gara diinqatti fudhee ija isaanii
keessa ilaalee tokko isinii kenna” jetteen. Jaarsoliinis “tole,
dhaqii ilaalii kan qalbiin kee kennuu feete kenni” jedhaniin.
Haati Siibas ilmaan ishii qabattee diinqa seente. Ija isaanii keessa
ilaaltee kan kennitu walii wallaalte. Akkas jette, “Yaa ilmaan koo,
isin keessaa kamiin kenna laataa?” jette.
“Soolee yaa ballaa koo, bakkalcha koo si hin kennu.
Idooroo yaa nafa-laafatta sirriiqaa koo si illee hin kennu.
Abbaadhoo yaa albaadhecha koo, lugna koo siinis hin kennu.
Siibaa yaa waa butaa koo, butee fiigaa koo siinis hin kennu” jetteen.
Deebiftee hunda isaanii ija keessa ilaaltee, hunda isaanii dhungatte,
hirqitee booche.
“Ilmaan koo isin kaman kenna?” jette. Imimmaanin fuulaa dhiqatte, Ofii
boochee ilmaan ishiis boochifte.
Sana booda, garaa kuteettiin haati Siibaa, karaa diinqaa mana hurtee,
duuban bahuun ijoollee ishii hunda qabattee jalaa badde.
Manguddoowwan gara hagaa turan, sagalee haadha Siibaa dhabnaan, ishii
fi ijoollee waamanii, kan jalaa deebisu/howwaatu dhaban.
Akka aadaa Oromootti, dhiirri gaafa rakoo qale ykn niitii duraa
fuudhee jalqabee diinqa/gola dubartii hin seenu , Safuudha. Otoo hin
fuudhinis diinqa haadha ofii malee kan nama biraatuu hin seenu
dhiirti. Kanaafuu, manguddoonni diinqa seenanii ilaaluu waan
hoodeffataniif manaa bahanii, karaa alaa manduubee nannawanii yoo
ilaalanii waaman, karaa ishiin cabsitee, ijoollee ishii yaafattee
sokkite argan.
Haadha Siibaa fi ilmaan ishii barbaadanii dhaban. Itti fufee waan
gochuu qabanis wal mariyatanii, eega walii galanii booda, mana niitii
quxisuu fi mana haadha Maallimaa dhaqan.

II Haati Maallimaa biyyaaf haa tolu jettee ilma ishii tokkicha
wareegamaaf kennite

Haati Maallimaa, yoo halaalattii manguddootaa gara mana ishiitti
deeman argitu, gara balbala manaatti fiigdee, dhaabattee eegde. Yeroo
Manguddoonni bira gahan “anatti haadhufu, eenyu isin maanguddoonni
Waaqni eebbise, kan mana koo mana quxisuu dhuftan?” jettee, fuula
ishii akka biiftuu ibsitee, gammachuun simattee, mana ishiitti ol
seensifte.
Haati Maallimaa itti fufuun, “ maal isin manguddoonni faana milkii,
Ayyaantuwwan maal dhageessanii mana koo, mana haadha tokkichaa
dhuftan?” jetteen. Itti aansunis “maal isinii marqu?, maal isin
obaasu?,waanti nyaatan fi dhugan alaa mana guutudhaa!” jetteen.
Manguddoowwanis nyaata fi dhugaatii dura rakkina isaan argatee fi gara
mana ishii dhaqaniif itti himan. Dabalanii waan haati Siibaa dhirsa
ishii Odituu irratti raawwatte itti himan. Achumaan haati Maallimaas
akkas jetteen “amma tokkicha koo Maallima barbaaddu jechuu dhaa?”
jetteen. Manguddoowwanis, “eeyyeen yoo fedhii kee taate, yookaan
dhirsi kee Odituun (Abbaan Siibaa) qalamuu isaatii” jedhaniin.
Haati Maallimaas akkas jetteen, “ Egaa yoo isin na eebbiftan, abbaan
Siibaa Odituun lubbuun jiraatee, bakka Maallimaa ilmoo biraa Odituu
irraa Waaqayyoon akka naaf kennu naaf kadhattan, an immoo niitii
quxisuudha, angafoomaa naaf kennaa. Abbaa Siibaa immoo, rakoo
angafoomaa anatti haa qalu, Yoon ilmoo dhabe, ilmaan masaanuu kootii
sana akka natti hin guddifne, fira biraa irraa akka naaf guddisuu haa
ta’u” jetteen.
Itti fufuun, “Ilma koo tokkicha koo!, Maallima!, Waaqni abbaa keetii,
Ateeten haadha keetii si biraa hin hafiin. Deemi ilma koo, bakka si
geessan dhaqi. Waan abbaan kee siin jedhe hin didiin. Of duuba hin
mil’atiin. Waaqni koo siif jira” jettee, ilma ishii dhungattee, harka
qabdee “kunoo akka Waaqni isinitti agarsiise godhaa” jettee, tokkicha
ilma ishii kenniteef.
Manguddoonni fi abbaan Siibaa, Maallima mucaa kurkuraa kan mataan
guduruu, kan waggaa saddeeti hin guutin, gara lagaatti gad-qajeelchan.
Laga gayanii Odaa irreechaa/irreessaa jala qubatan. hixaana aarsanii,
buna qalanii, booyanii/boowanii, Waaqayyo araara kadhatan.
Akkas jedhan “ Kunoo yaa Waaqayyo ilma keenya qalmaaf sii
dhiheessinee, nuu araarami. Bokkaa nagaa nuu roobi. Nagaa nuu kenni,
balleessa keenya nuu dhisi, sa’aa namatti, uumama keetti nuu araaram,
humbaaaaa!” jedhanii, boowanii/booyanii araara Waaqaa kadhatan.
Odituun, Maallima qaluuf ija isaa hidhee, ciibsee, yoo hablee isaa
morma Maallimaatti aggaammatu, obomboleettin(bubbee hamaa) kaatee
lafti hurriin cufame, namni wal arguu dadhabe. Kana keessa Hoolaan,
Kallachaa fi Caaccuun Waaqayyo irraa gadi ergaman. Odituun itti fufuun
kan qalaa jiru ilma isaa sehee, hoolaa morma buuse/mure.
Yeroo dhiigni hoolaa qalamee lafa tuqu, bubbee fi obomboleetiin
qabbanaaye. Hurriinis gara roobaatti jijjiiramee bokkaan roobe.
Maallima irraa hidhaa ija isaa hiikaniif. Yeroo ijji Maallimaa banamu,
namoonni achi jiran hundi ija Maallimaa baachuu dadhabanii kukkufan.
Yeruma sana, manguddoowwan, Maallimni ayyaantuu ta’uu isaa hubatanii,
dafanii ija isaa qaban.
Akkas jedhaniin “Ija doomi !. Ayyaana qaroomi!” jedhanii eebbisan.
Yeroo ija isaa irraa banan, namni hundinuu nagaa ta’ee roobni qofa
itti fufe.

III Jaarsolin fi Abbaan Siibaa Milkiin gara manaatti deebi’uu

Kallachaa fi Caaccuu argatan sana immoo, Kallacha Maallimni baatee,
Caaccuu Odituun baatee, faaruu Waaqayyoo faarsaa manguddoota waliin
gara mana haadha Maallimaatti qajeelan. Haati Maallimaas fagotti jara
mana ishiitti deemu agartee itti fiigun mucaa ishii Maallima
dhungattee , Caaccuu immoo, dhirsa ishii Odituu harkaa fuutee qoma
ishii irra keewwattee, ililchaa keessummoota ishii waliin gara mana
ishiitti galte.
Mooraa/moonaa haadha Maallimaa ennaa seenan, Odituun karra/bitimaa
irratti “Rakoo” angafummaa haadha Maallimaatii qale.
Haati Maallimaa seerri angafummaa guutameefii haadha warraa Odituu
angafaa taate. Haati Maallimaa ni eebbifamte. Haati Maallimaas
dabalataan kan Caaccuu baattu Ayyaantuu taate. Ollaan hundi itti
yaa’anii, Waaqaaf galatoo galchaniif.
Haati Siibaa fi ijoolleen ishiis gammachuu kana keessa bakka itti
dhokatanii dhufan.
Abbaan Siibaa, haati Siibaa fi obbolaan Maallimaa hafan hundi, haadha
Maallimaa fi Maallimaaf ulfina kennan. Haadha Maallimaas akka niitii
angafaatti beekaniif. Haati Siibaas gammachuun angafummaa haadha
Maallimaaf eebbiftee dabarsiteef. Haati Siibas akka niitii quxusuutti
biyya hundaan beekamtee, eebba quxisuuf kennamu argatte. Hongee fi
gadadoon biyya irraa godaane. Biyyi quufaa, gabbina fi badhaatuu
taate.
Bara sana irraa qabee hamma ammaatti Maallimni fi horteen isaa
ayyaantummaan jiraatan.
Bara sana irraa kaasee hamma ammaatti Caaccuu kana kan muuduu fi
baatu, karaa dhirsa ishiitiin kan angafa dubartii taate malee,
dubartiin hundumti hin baatan, hin muudanis. Maallimni bara sana irraa
kaasee ayyaantuu ta’ee, kan abaare cubbisaa, kan eebbise badhaasaa fi
barsiisaa ta’ee as gahe.
Maallimni inni angaftichaa bara isaa yoo roobni hammaatee namaa fi
loonif toluu dide, Maallimni fi haadha isaa ta’anii, eega haadha
warraa fuudhee immoo, niitii isaa Caaccuu baachisee inni immoo
kallacha baatee, hawaasa naannoo isaa waliin bahanii Waaqayyo akka
leekkee roobuu fi yeroonis akka caamu kadhatee dhageessifata.

IV Kallachii fi Caaccuun miya aadaa Oromoo fi kabajamaa ta’uu isaanii

Gosa Oromoo hundumaa keessatti Kallachaa fi Caaccuu baachuuf kan
mirga qabu warra angafa gosa isaaniti malee, dhiirri Oromoo hundumti
abbaa Kallachaa, dubartiin Oromoo hundumti haadha Caaccuu miti.
Ennaa sana irraa kaasee hamma ammaatti, horteen Maallimaa, dhiiraa-
dubartii ijoolleen daa’imni illee akka ayyaantuu ta’anitti hubatama.
Warri Maallimaa hundi Indaanqoo/lukkuu, talbaa fi daagussaa kkf ni
lagatu. hin nyaatan.
Warra Qaalluu hin dhaqan. Daa’ima (ilmoo) isaanii warra Qaallutti hin
hammachiisan. Ofumaa hammatu malee.
Gosa Maallimaa yoo gosti biraa ajjeese gumaa hin nyaatan, biyyaa baafatu malee.
Akka Qaalluu galma qobaatti hin ijaarratan. Manuma gosa Maallimaa
tokko ijaarratu. Yoo kan keessuummaa illee ta’e, manuma namaa
jiraatee, imaltuu illee godaanee, karaa illee yoo bule, iddoo ykn
bakki Maallimni jiru sun akka galma Waaqayyootti ilaalama.

V Hariiro fi garaagarummaa warra Maallimaa fi warra Qaalluu

Warri Maallimaa akka warra Qaalluu hin dalagan, warra dalagaas hin
dhaqan, bakka Maallimni jiru eebbi hin dhabamu.
Warri Maallimaa Qaalluu hin jibban, hojii Qaalluu keessa hin seenan,
Qaalluu waliin atakaroo hin seenan, Warri Qaallus akkanuma, Hojii
Maallimaa keessa hin seenan.
Akka tasaa Maallimni mana Qaalluu yoo dhaqe/dhaqxe, “jarana, Maallima
taatanii isinuu ayyaantudha deemaa mana keessanitti galaa” jedhani.
warri Qaalluu otoo ayyaanni hin bu’iin nama Maallima ta’ee isaan
keessatti argame ulfinaan of irraa gaggeessu. Akkasitti Qaalluunii fi
Maallimni Ulfina Waaqaa, ulfina aadaa fi ulfina Oromummaa walii kennu.
Gosa Maallimaa dura hin eebbisan, hoofkaltii gaafatan malee. Maallima
dura hin dubbatan, Maallimtichi/Maallimtittiin yoo hoofkaltii
kennaniif malee. Malkaa lagaa gosa Maallimaa dura hin cehan. Hofkaltii
maallimaa yoo argatan malee.
Namni karaa deemu yoo malkaa qarqaratti nama biraa kan loon bishaan
obaasu, kan bishaan waraabdu, yookin daa’imman malkaa qarqara xabatan
yoo argan. “Yaa firaa, Maallimni yoo isin keessa jiraate, yaa Maallima
nu hoofkalchi” jedhanii gaafatu. Maallimnis yoo achi jiraate,
“hoofkali, hoofkali, hoofkali, nagaan galaa, nagaan gali” jedhaan.
Maallima karaa hin muran/hin qaxxaamuran, Maallima afoo hin bahan, yoo
karaa walqaxxaamuru bira gahanii nama halaalatti argan, hamma namni
sun ani maallima mitii deemi jedhuunitti dhaabbatanii eegu.
Gosti Maallimaa waa tokko nama kadhatee hin dhabu. Yoo dubartii warri
ishii heerumaaf kennuu didan, warri gurbaa, Maallima qabatanii dhaqu.
Maallimni mana namaa dhaqee waan kadhate hin dhoowwatan. Yoo namni wal
ajjeese, warri namni jalaa du’e sun gumaa nyaachuu didan, araaras yoo
didan, Maallima qabatanii itti dhaqu. Maallima dura hin dhaabbatan,
dubbii Maallimni keessa jiru milkiin nitola. Kallachi hin hoofkala.
Egaa bara sana irraa kaasee hamma ammaatti ilmaan Maallimaa biyya
Oromoo keessa faca’anii dhala Oromoo hundaaf rooba ykn caama akka
argatan, quufa fi nagaan Oromoota jidduu akka jiraatu Waaqayyoon
kadhatuufi. Garuu bara Dargii irraa kaasee bakka tokko tokotti aadaan
kun laaffataa dhufe.
As irratti mee waa’ee gara jalqaba seenaa Maallimaatti yoo deebinu,
waan “Ija doomii Ayyaana qaroomi” jedhamee sana xiqqoo ifa gochuuf.
Tarii sodaa kana irraa ka’amee seera isa Maallima hin qaxxaamuran
jedhamu faa tumanii laata? Isa yeroo inni ija hidhamee ture irraa
hiikan sana, namni ija isaa dura dhaabbachuu dadhabee kukkufe sana
sodaatanii waan kana tumanii laata? kan jedhu gaaffii qormaata
barbaachisu ta’a.
Sanaa asittis hortee Maallimaa keessatti mucaan baayyee ayyantuu ta’e
ija qaroometu dhalate jedhu; jaarsoleen argaa dhageettiin seenaa
mucichaa nutti dabarsan.
Gurbaan jedhamu kunis mucaa xiqqaa jabbilee tiksu ture. Waaree dura
jabbilee tiksu sana gara manaatti dachaasee yeroo ol seenu, haati isaa
dhihana (nyaata) abbaa isaatiif ta’u foon kichilaa/kochisaa turte.
Achumaan muccichis dharra’ee “harmee, waan kana, mee naaf kenni?”
jedheen. Haatis dhoowwachuu feetee, “deemi asii! raammodha. Siif hin
kennu” jetteen. Mucaanis afaanumatti dhufee “egaa akkuma jette siif
haa ta’u” jedhee deeme. Haatis hojii ishii itti fuftee foonicha
kichiltee fixuun waan barbaachisu hunda (dhadhaa fi mi’eessituu) itti
gootee xaabee/ waciititti naqxee, qadaaddee hanga abbaan warra ishii
dhufutti eegutti jette.
Yeroo dhirsi waareef loon dachaasee dhufu, nyaata qopheesiteef sana
dhiheessiteef. Ennaa, fuuluma dhirsaa duratti qadaada xaabee irraa
bantu, waantichi raammoo ta’ee argame. Haati mucichaa baayyee rifattee
gara duubatti dheessite. Ennaa kana abbaan warraa dubbiin galeefii,
akkas jedhee haadha warraa isaa gaafate. “Mucaan farroon sun argee
turee?” jedheen. Achuman haatis eeyyee jette, waan mucaan jedheen
hunda itti himte. Achumaan abbaan xaabee/waciiti sana cufee mucichaan
koottu mee jedhee waame. Mucichis ennaa dhufu abbaan akkas jedheen.
“Ulee harkaa qabdu, jabbiin tiksitu kana, xaabee kanatti qabiitii
doomi jedhiin” jedheen. Mucichis waan abbaan jedheen hunda raawwatee,
yeroo xaabee qadaadamte sana banan waantichi foon ta’ee argame. Abbaan
hin nyaatee, haatii hin didde. Mucaaf immoo laachun dhoowwaa waan
tureef, kanuma akkasii foon biraa irraa haati mucichaa qopheessitee
kenniteef.
Egaa haati hin beektu turte malee, abbaan garuu mucaan akka ayyaantuu
ta’e waan adda addaa irraa hubatee hordofaa ture. Wantoonni akkasii
yeroo adda addaa mudachaa akka turan abbootin keenya ni dubbatu turan.

VI Ayyaantumaan Maallimaa mirkanaayu fi Kallachii fi Caaccuun akka
kana Oromoo mara ta’u Caffee Gadaatin murtaayyuu

Bara ayyaantummaan Maallimaa uumame sana irraa kaasee, Kallachii fi
Caaccuun Waaqaa bu’anii booda, akkuma Bokkuu sana Gadaan Oromoo
Caffeen irratti haasawanii, gosti Oromoo hundumtuu, Kallachaa fi
Caaccuu tokko-tokko akka qabaatan mirga kennaniif. Eegasii qabee
Oromoon hundumtuu gosa gosaan Kallachaa fi Caaccuu qabu.
Kallachaa fi Caaccuun hundumtuu bifuma Kallacha fi Caaccuu Waaqa irraa
Maallimatti ergame sana fakkeeffamee ogeessan tolfamee eebbaan gosa
gosatti hirame. Irra Caalan gosni Oromoo Kallacha harkatti baatu,
Caaccuu qomatti/gateetitti fannifatu.
Bakka tokko tokotti ammoo addatti hidhatanii akka sirna Gadaatti
eenyummaa isaanii ittiin beeksisu. Bakka tokko tokkotti ammoo warri
amantii halagaan hacuucaman ni dhofkatu. Gaafa barbaachisaa ta’e qofa
Kallachas, Caaccus gadi baasanii muldhatanii muudu.
Hundeen Maallimtootaa Sooddo ta’uun beekamadha. Bakki horteen
Maallimaa baayyinaan keessa jiraatan keessaa Sooddo bakka guddaa qaba.
Bakkeen, Ona(aanaa) Maallimaa fi Qarsaa, Maallimaa fi Qondaaltittii
jedhamanis asuma bakka Sooddo jedhamee beekamu kana keessatti argama.
Kanaafuu Sooddon handhuuraa Maallimaati jedhamee beekama.
Horteen ykn Ilmaan Maallimaa Bacho, Ada`aa Aabbu, Galaan, Jiillee,
Jidda, Waliso fi naannoo isaa keessa heddumminaan jiraatu. Akkasumas
Macca bahaa (Jibaati fi Macca) gara moggaa Tuulamaa keessa baayyinaan
jiru.
Karaa biraa Oromiyaa hundumaa keessa akka jiran oduun argaa dhageettii
nu hubachiisa.
Fakkeenyaf Boorana kibbaa keessatti akkuma gosa Odituu keessaa
Maallimni ayyaantuu ta’e. Booranatis Qaallun/Ayyaantun gosa Odituu
keessaa akka ta’e dubbatu warri dhalootan Boorana kibbaa ta’an.
Maallimtoonni baayyeen bakka jiranitti waan isaan irraa eegamu hunda
otoo hin jallisin, otoo hin hir’isin jaatanichaan jiraatu. Warri tokko
tokko ammoo seera uumameef ala beenyaa ykn matta’aa itti nyaatanii
cubbamaa jiru.
Yeroo ammaa bakka tokko tokkotti ilmaan Maallimaatin “Roobsituu fi
Caamsituu” jedhanii waamu. Keessaahuu bara Dargii irraa kaasee haga
tokko hojii warra Maallimaa jeeqanii turan. Warri” Koministii” turan
yaada “Namni wal qixa! amantiin kamuu meeshaa cunqursaati!” jechuun
ilaalchi Maallimaa fi Qaalluuf qaban badaa ture. Hawaasa tokko tokko
birattis laaffataa deeme.

VII Babal’ina Maallimaa Oromiyaa keessatti

Maallimummaan Sooddo irraa akkaataa gara Macca bahaatti babal’atee fi
enyummaa isaanii isinii ibsuu yaala.
Maallimni Macca keessaa seenaadhuma sana, isuma Maallimni Sooddo
keessa jiru himatu ykn lakkaawwatu. Maallimni Macca bahaa (Liiban
Sadeen) keessa jiru. Ykn naannoo Walisoo fi Amboo jiran jechuu dha.
Akkaatan dhufaatii isaanii akkasi. Sooddo fi Waliso waluma
bukkee/cinaa jiraatu. Wal fuudhu, walitti heerumsiisu. Haaluma kanaan
yeroo ammaa wal makanii jiru. Wal keessa gudaananii waliitti
makamuunis jira.
Akka abbootin keenya dubbatanitti, ayyaantummaan kan achii dhufe sirna
fuudhaa fi heerumaatin ture jedhu.
Nama maqaan isaa amma dagatame tokko ”Shanaan Waayyuu” keessaa nama
sanyii Maallimaa ta’ee beekamutu gosa sanaa kan ta’etu Sooddo keessa
ture. Innis dubara geechuu/geessuu lama manaa qaba ture. Namichi kun
baayyee sodaatamaa fi ayyaan qabeessa ture. Intalli isaa ishiin
angafti nama afuura ayyaanatiin guutamte turte. Maqaan ishii Siree
jedhamti. Rifeensi mataa ishii fi harmi ishii baayyee dheeraa ture
jedhu. Harmi ishii calliseetuma dheerate jedhama. Namuu ishii sodaata
ture jedhu. Otoo kanan jiruu achuma namnumti gosa Sooddoo tokko
keessaa fuudhaaf ishii angafaa kana kadhachuu dhaqe. Seera kadhaannaa
dubraa isinuu beektuu (yeroo biraa bal’inaan isinii dhiheessina).
Yeroo warri kadhaa dhufan ala karra dura taa’anii waayee dubara
kadhatamtuu dubbatan sana, dubarri immoo mooraa keessa taa’anii
dhaggeefatu turan. Dhokatanii jechaadha. Abbaan isaanii immoo, namicha
kadhaa dhufe sanaan “sitti hin heerumsiisu” jedhee dhoowwate. Yeroo
kana namichi inni ilma isaatiif kadhaa dhufe sun akkas jedheen. “Ana
dhoowwattee eenyutti kennita?, Dooyyoo Abbaa Boor moo Dasee Abbaa
Bullootti kennita seete?” jedheen. Jarri kun immoo, lameenuu ilmaan
Walisooti. Lameenuu abbaa duulaa naannoo sanaatti, maqaa qabu.
Ennaa kana abbaan dubaraa akkas jedhe “eeyyee isaanumattin kennadha”
jedhe. Jarri lamaan ammasiin adda bahan.
Dubarri lamaan mooraa keessa teessee dhaggeefachaa turte, lameenuu
hiddii isaanii guurratanii gara Maccaatti deeman. Ishiin angafti
Dooyyoo Abbaa Boora gaafachaa ,Ishiin quxusuun immoo, Dasee Abbaa
Bulloo gaafachaa deeman. Ishiin quxisuun dursitee Dasee Abbaa Bulloo
argattee “Haseennaa” itti seente. Ishiin hangaftis bira dabartee
deemuun Dooyyoo Abbaa Boor, isuma argattee yeroo gaafattu, manni isaa
isuma kana jedheen innis. Ol seentee hiddii fudhattee dhaqxe sana
golatti naqxee, utubaa manaa qabatte. Sirna aseennaa hunda guuti
jetteen, “dirqii keetii rakoo qali” jetteen. Innis waan dirqama aadaa
fi duudhaa ta’eef “rakoo” itti qalee niitii godhate.
Akka jaarsoliin himanitti, Sireen ennaa dhuftu bineensi daggalaa
leencii fi qeerransi waliin dhufte jedhu. Ayyaana “Nabii” fi Ayyaana
dubartii “Haayyoo baar” jedhamu kan baayyee kabajan ofirraa qabdi.
Bineesota ishii waliin dhufan yeroo waamtu ennuma sana dhufan jedhama
, “ Daalfaa Bosonaa “ jettee waamti. Waan ishiin dhaammatte hunda
Waaqayyoon dhagaheefi bineensota sana ergaaf jedhu.
Ishinis akkuma dhufteen ilma tokkicha deesse. Maqaan isaa Nagawoo
jedhama. Namni kunis adda qabeessa, bakka lolaa hundatti injifataa,
bakka xabaa hundatti mo’ataa oola ture. Sireen, garuu tokkicha sana
caala dawuu hin dandeenye.
Karaa biraa immoo , odduun jaarsolee kan ibsu Dooyyu durumaanuu
sirnaan kan fuudhe haadhawarraa qaba jedhama. Garuu hin deenye, eega
Sireen dhuftee deesse boodaa ishiin duraas ijjoollee baayyee horte
jedhama. Kan biraa immoo, Afoolli jiru Sireen dhirsa ishiitiin
(Dooyyoo Abbaa Boorin) fuudhi jetteen. Inni diduu jennaan, “fuudhi
siin jedhe fuudhi ilmi koo obbolaa qabaachuu qabaa yoo didde Daalfaa
Bosonaa sitti waamaa” jetteen. Innis tole jedhee fuudhe. Haati warraa
lammataa ijoollee baayyee horteef jedhma.
Ilmi Siree immoo, goota ta’uu irraa kan ka’ee diina baayyee horate.
Achumaan gaafa tokko bakka tokkotti namaan wal dhabee obbolaa shan
ta’anii itti bahan. Innis Fardaan gulufee jalaa gale. Achumaan jarri
sun hordofanii dhufan, Sireen ala turtee fagootti ilaalaa waan turteef
hordofanii dhufuu isaanii hubatte. Ennaa kana “maali maal barbaaddu?”
jetteen haati Nagawoo Sireen. Achumaan jarrisi “ har`a harma kee jala
seenee, bor garuu isa argannaa! wal agarra” jedhanii of duuba
deebi’an. Ennaa kana haati Nagawoo immoo, “Isin egaa shan (5) taatanii
tokkicha kootti dhaammatanii. An immoo Daalfaa Bosonaa fi Saayyee
Warabittin dhaammadhe” jetteen. (Saayyee Warab jechuun allaattii dha.
Daalfaa Bosonaa immoo Leenca fi Qeerransa sana.)
Hin turree yeroodhuma gabaabaa keessatti jara sana keessaa Leenci nama
sadii ajjeesee nyaatte. Waan leenca irraa hafe immoo allaatiin
funaantee nyaatte, jedhan. Booda isaan hafan lamaan dhaqanii, Siree
dhiifama gaafatanii, ishiinis “aagii” gooteefii itti tuftee eebbiftee
gaggeessite. Gosti sun nagaan jiraatanii horanii amma illee gosti sun
seenaa sana dubbatu.
Kan biraa immoo Sireen ayyaana dubartii “Hayyoo baar” ayyaaneffatti
ture, alatti Biiftuu/aduu ganamaa keessatti waan hunduu qophaayyee,
hoolan qalamtee, Meendhichi harkatti kaayamee, otuma alaa xabatanuu
Cululleen dhuftee meendhicha harka irraa butatte.
Achumaan Sireenis “waan koo deebisi, waan koo deebisi siin jedhee”
jettee quba itti qabde. Ennuma sana culullittiin fuuluma isaanii
duratti kufte. Meedhacha harkaa fuutee “deemi” jettee quba itti qabde,
culullittiinis barartee deemte jedhan. Egaa waan raajii hunda hojjetti
jedhani.
Karaa bosonni naannoo sanaa dhumee fagaate dabre- dabree
huuxxiwwan/daggala tu jira. Kanaaf leenci sun hin jiru. Qeerransi
garuu ambaan sanaa amma illee ni jira. Nama hin xuqu, hoolaa fi re’ee
hin xuqu, antuutumaa fi bineensotuma daggala keessa jiraatan adamsa.
Adaamii keessatti dhala. Guyyaa namattuu hin mullatu, Gara galgalaa
namuma qeheetti mullata, Galma aadaa qehee namaa jiru faa dhaqee
balbalatti rigatee, mana jala gangalatee, midhaan irra gangalatee
deema. Antuutaa fi xuqaa adamsee nyaata. Yeroo barbaade gara
bosonaatti badee turee deebi’a. Kun egaa hamma ammaatti jira
jechuudha.

Karaa biraa warri Maallima akka ammachiisaa hin qabne gara oliitti
ibseen ture. Manumatti abbaan ilmoof maqaa baasa (moggaasa/ dhangiya
illee. )
Akka kanaan yeroo tokko dubartii warra maallimaa tokko warra
ammachiisatiin (Qaalluun) fira dhiigaa turte. Warri ishii, warra
Qaalluu Maaram Jijoo Gabataatin hammachiisaa waliin qabu turan.
Ishiinis garaatti baattee dahumsi ishii ennaa dhihaatu, mana warra
ishiitti deebitee, achitti ilma deesse. Achumaan otoo dhirsaan hin
mariyatin mucaa warra maallimaaf deessee turte sana warra Maaram Jijoo
Gabataa kana geessite. Guyyaan isaa guyyaa fardii ayyaana isaanii waan
tureef, jamaa manni hanqatee dallaa ala taa’a ture. Dubartiin sunis
fagoo irraa waan dhaqxeef mooraa/moonaa seenuu hanqattee dallaa ala
turte. Achumaan ayyaanni namichaa yeroo dhihaatu/bu’u, dursee kan
waame dubartii sana ture. Innis akkas jedhe, “yee, yee, yee, yaa nama
haqa namaatin qehee koo, kellaa koo seente dhagahi” jedheen. Ishiin
immoo, waan hin beekneef callifte, deebisee jechuma sana jedhe.
Ishinis hinuma callifte. Sadaffaa irratti, “yaa dubartii dhagaa
sabbata kee irraa qabdu” jedheen. Jamaan hundinuu sabbata ofii qabatan
dhagaa of irraa dhaban. Achumaan ishiin warra maallima sabbata ishii
irraa mismaara tokkottii hiitee turte argite malee dhagaa waan
fakkaatu of irraa dhabde. Achumaan yaaduma ishiitin “kanaa laata
“jette. Ayyaanni mana keessaa “eeyyee isumatu nuuf dhagaadha”
jedheen. Itti fufee “ol seen mucaan keessummaa keenya, bakka kabajaa
qaba, ammachiisuu hin dandeenyu. isaan nu caalu” jedheen. Ishiinis
mucaa fudhattee ol seentee bakka teessuma waltajjii fi golgaa isaa
ala teessee waan qophaaye hunda soorattee galte.
Ishinis waan ta’e hunda akkuma jirutti firoottan ishiitti himtee,
mucaadhaf maqaa manumatti baasaniif.
Kan biraa immoo awwaalli Siree hanga ammaa bakka burqaa/madda/ laga
Soolee jedhamu mataa dura, bakki isaa bosona ture amma irraa haphatee
jira.
Bakki kun baayyee kabajama. Namni hin yaabbatu. Naannoo isaa qotu
malee. Yeroo hongeen hammaatu yeroo tokko tokko hawaasni naannoo sana
jiru dhaqanii “Waaqa Siree rooba nuu roobsi” jedhu. Achitti Waaqa
kadhatu. Waaqayyoos hinuma dhagahaaf.

VII Akkaataa dhimma bahiinsa dandeettii Maallimummaa

Adduunyaa kana irratti namni yeroo dhalatu mirga guutuu uumaa irraa
kennameef, akka fedhan ta’uu, eenyuyyuu nama irraa hin mulqine fi eenyuyyuu
namaaf hin kennine kan uumaan gonfamee dha. Garuu addunyaan amma keessa
jirru, kan baayyee rakkiftuu fi ba’aa jireenyaa qobaa ofiitti akka
fedhanitti keessa bahuu hin dandeenye qabdi.
Karaa biraa immoo akkuma baayinni ummataa lafa kana irra jiraatu
baayyachaa deemuu fi fedhiin dhuunfaa namootaa dabalaa deeme. Kanaaf
rakkina addunyaan qabduu fi fedhii dhuunfaa rakkoo uuman sana
salphisuuf seera waliin jireenyaa waliigaltee hawaasichaan tolfachuu
jalqaban.
Seeronni kun immoo, mirgoota dhuunfaa akka fedhan ta’uu sana hanqisa
ykn uggura. Kun immoo dirqama ummatichi ykn hawaasichi jaalatus jibbus
waliin baafate waan ta’eef, olaantummaan seeraa kabajamuun dirqama
ta’a.
Seera gamtaan waliin jireenyaa cululuqaa ummanni Oromoo ittiin
jiraataa ture sana hanga ammaatti addunyaan kan bira hin geenye
seerota sirni Gadaa tume sana agarra.
Sirni Gadaa waan hin tumin hin qabu. Umama Waaqayyoo hundaaf akkaataa
ittiin jireenya fi itti fayyadama isaa hunda tume.
Gara ijoo dubbii kaanfnetti yoo deebinu, Maallimummaa Waaqatu uumee
hojii isaatin akka hawaasicha tajaajilu taasise.
Akkuma hawaasni Maallimni keessatti dhalate baayyachaa deeme,
fedhiin namootas babal’achaa dhufe. Adeemsa/sochii kana wal
simsiisuuf, fayyadama dandeettii namootaa fi fayyadamtootaaf tajaajila
madaalawaa ta’e akka argataniif Gadaan seera tumeef. Akka kanaan
Maallimni tajaajila hawaasichaa kennuuf ykn jaatanii raawwatuuf
hawaasicha irraa gumaata akka argatu taasifame.
Gumaanni Maallimaaf kennamus, Irreessa/irreecha, Dhangalaasaa fi
muuda jedhama.
Irreessa jechaan marga jiidha ykn baala mukaa lalisaa isaa kan akka
anfaaraa, urgeessaa, ulmaa kkf ta’a.
Dhangalaasan immoo, Midhaan akka garbuu, qamadii fi wkf
(garuu garbuutu filatama) marga jiidhaa waliin mana maallimaa geessanii
qodaa gingilchaatti yeroo naqan guutee afaan irraan dhangala’a.
Waan hundaafuu jaatanichi eebbifamaa kan ta’u otoo tola tajaajilee filatama.
Muudan immoo, dhadhaa loonii ta’ee nama Waaqa namaaf kadhatu (akka
roobu ykn caamu) sanaaf mataa isaa irra kaayuf. Kun immoo waan hunda
caalaa eebbifamaa, kan ayyaantuu hundaaf eebbifameedha. Kun kan warri
Gadaa bulchinsa keessa jiran illee itti dhimma bahaniidha. Kan
waliigalli hawaasa Oromoo hundi itti dhimma bahaa jiraniidha.
Warri kana bira taranii/dabranii dandeettii sanaan badhaadhuf kenna
dabraa nama gaafatanii fi beekkumsa isaanii sanaan nama miidhuuf itti
fayyadaman hundi abaaramoodha. Kana hunda bira taranii gosa sana
keessaa immo warri roobsu fi caamsuu daldala godhatanii ittiin
nyaatanii nama miidhaa turan ni jiru. Karaa biraa immoo, gochaa
Waaqatti matta’aa fi beenyaa nyaachun dhorkaadha. Kanaaf, ummanni nu
dhiisaa jedhee kadhatee dadhabe. Nama miidhuu baayyisan.
Ummanni immoo, dhiisaa jedhee kadhatee dadhabnaan, achumaan waaqa itti
waaman, muuuuuuuuu jedhaniin. Yeroo gannaa rooba keessa, hawaasni
naannoo bahee mana itti quncise. Achumaan warri sun gara Jimmaatti
baqatanii lafas achii argatanii jiraachaa jiru. Achittis hin tolleef,
ijoollee isaanii irra rakkinaa ijaa, gurraa fi afaaniitu mudata.
Kun kan ta’eef umama ganama Maallimni ittiin dhalate waan dabsaniif,
waadaa Uumaf qaban dhiisanii matta’aa waan nyaatanif. Kun egaa ammuma
umirii keenya keessatti waan ta’eedha
Egaa gabaabatti kana fakkaata. Caalatti immoo baldhinaan gara
fuulduraa qorannoo baldhaan akka irratti godhamuu abdiin qaba..

Wabii barreeffama kanaa

1. Jaarsolee fi warra koo irraa kanan dhagahe,
2. Kitaaba “Seenaa hidda latiinsa Oromoo Sooddoo” jedhu kan Araarsoo
Badhaasotiin barreeffame,
3. Barruu “Mandiisuu” jedhu irratti Maallima ilaalchisee kan Obbo
Lubee Birruun barreeffame.

15 comments to Seenaa Maallimaa

  • Seenan Maallimaa kan kanaa olitti Lubee Birruu tin barreefame kuni, dogoggora tokko kan hin qabne, seenaa gudda kan qabu qomoo saba Oromoo keessaa tokko kan tae eenyumma Maallimaa tolcheet ibsa. Kaawwata baruulee irraayis tae akka duudhaadhan abbootiin teenya nuu dabarsanitti wol bira qabnee yoo laallu mirkana. Lubee Birruu (Ph.D Cand.) kana dhiyyeessuu isaanitif haa ulfaatan.
    Goonaa Jiillee

  • HAA GA,U NAGAAN WAAQAA BAKKA JIRTANITTI.GALANNI KEESSAN BILISUMMAADHA WAAN GUDDAA SEENAA BAREEDAA NUUF DHIYEESSITANI.SEENAAN AKKANAA KUNII FI KANNEEN BIROO DHAALOOTA KEENYA KEESSA JIRA.GARA FUUL DURAAFIS SEENAALEE HAFEE AKKA UMMATA KOOF DHIYEESSITAN ABDII GUDDAAN ISIN IRRAA QABA.GALATOMAA GUDDAA ULFAADHAA UMRII DHEERADHAA ISINIIN JEDHA.

  • dhugumatti baay’ee seenaa ofitti nama harkisuu fi haqadha wanti ofii barreessan garaa naman quuqu ammallee jabeessaa waan akkanaa itti fufaa isinitti haa baratu. nus asitti waldaa waaqeffannaa magaala bishooftuu kan hora harsadii jalatti gurmaa’udhaan tattaaffiitti jirra .waaqi uumaa isin oolchee haa bulchuu!

  • Oliifnaaf

    Waaqa dhugaa, karaa dhugaa ; Saba Oromoo hundaaf!
    Oromoon saba aadaa, afaan, duudhaa, safuu isaa Kan qabu uummata gosa Kuush gaanfa Afrikaa keessa kan jiraatu uummata Waaqa, uumaa isaa ,sodaachaa fi waliin deemaa ture dha. Uummatni kun lafa Kuush jedhamu keessa facaa’ee haa jiraatu malee, yeroo ammaa kana baay’inaan Oromiyaa keessaa fi biyya Itoophiyaa fi Keeniyaa keessa balínaan argama. Ragaan seenaa akka dubbatanitti uummanni Oromoo ofiin of bulchaa, Waaqaaf abboomamaa akka ture ni dubbatu. Mallattoon Oromoonni, abboonni keenya, duraa ittiin beekaman keessaa inni tokko, Oromoon Uummata Waaqa sodaatu ture; uummata Waaqaa amanatu; uummata Waaqaa dhagahus; saba yeroo hunda Waaqa kadhatu ture. Waaqni baroota darban keessati uummata kanaa bakkaa fi yeroo adda addaatti gargaaraa ; diina isaa lolaa fi moossisaa, lafa baláa akka qabaatuu fi daangaan isaa akka babal’atu taassisaa, sanyiin isaas akka baayátu gochaa ture.
    Haa ta’u malee, akkuma uummatni hundinuu karaa fi yaada Waaqayyoo gatanii; akka Waaqummaa isaatti ulfina kennuufii didan, Waaqolii tolfamaa, amantii ormaa, seexana bifa adda addaa ( qaallicha Araba irra dhufe amanuu, ayyaana heduu, ekeraa dubbisuu, duumessa ilaaluu, milkii ilaaluu, Waaqolii ormaaf aarsaa dhiyeessuu,kan ulfina Waaqayyoof hin taane hunda raawwachuun), abboommii fi seera Waaqayyoo eeguu dadhabuun, cubbuu hojjechuun,; Waaqa irraa adda bahan. Uummatni kunis osoo Waaqni karaa hundumaan isa gargaaruu, Waaqa isaa fi uumaa isaa irraa kaatee, amanamuufii dadhabee ture. Sababa kaanis adabii guddaa, badinsi, qaaniin, gabrummaan, osoo qabanii beela’uun; wal ajjeesuun , wal jibbuun, harka diinaatti dabarsanii kennamuun irra gahe. Dheekkamsi waaqayyo saba Oromoo qofa akka hin taane, saba biyyaa lafaa hundaa irra akka gahe sagaleen Waaqayyoo ni dubbata( Ergaa gara Roomaatti 1: 18-32). Haa taú malee, waaqayyo saba kan isaa , isa fo’ate, isa jaallatu akka adabu sagaleen Waaqayyoo ni dubbata. warran jaalladhu,hundumaa balleessaa isaanii ittan mul’isa, barsiisuudhaafis nan adaba;ammas dhimmiitii yaada garaa keegeddaradhu! Those whom I love I rebuke and discipline. So be earnest, and repent. Revelation 3: 19

    Waaqayyo araaraa fi jaalala isaa isa guddaan biyya lafaa hundumtuu cubbamaa taúu isaa argee, ilma isaa isa tokkicha Yesuus Kristoosiin, cubbuu saba hundumaa akka balleesuuf, ofittis araarsuuf, deebisee sabaa fi ilmaan isaa godhachuuf erge. Bara kana keessa kana Waaqayyo karaa Yesuus qofa akka saba biyya lafaatti dubbatu; kan Yesuusiin amanee cubbuun isaa dhiisafameef saba isaa akka tahuuf bara 2011 BC dura ilma isaa erge. Ilma isaa kan hin beeknee fi kan hin amanne, Waaqaatti akka hin araaramne, saba isaa akka hin taane; sababa cubbuuf akka diina Waaqayyoo akka ta’e, sagaleen waaqayyoo ni dubbata. ( Wangeela Yohaannis 3,Wangeelaa gara Roomaatti)
    Waaqayyo yeroo amma kana karaa Yesuus qofa saba biyya lafaatti akka dubbatu sagaleen Waaqayyoo ni dubbata. Sagaleen Waaqayyoo ergaa gara warra Ibrootatti boqonnaa 1:1- 4 keessatti akkas jedha: “Bara durii Waaqayyo karaa raajotaatiin yeroo baay’ee fi karaa adda addaatiin abbootii keennatti dubbatee ture. Bara dhumaa kana keessa garuu karaa Ilma isaatiin nutti dubbateera; Ilmi isaa kunis isa inni dhaaltuu waan hundumaa godhee muudee fi isa inni ittiin addunyaa uume sana d h a . I l m i i f a u l f i n n a W a a q a y y o o t i ; e e n y u m m a a Waaqayyoos sirriitti muldhisa; d u b b i i i s a a h umn a q a b e e s s a sanaanis waan mar a i rkis ee ni baata. Innis erga cubbuu irraa nama qulqulleessee booddeesamii i r r a irga W a aqa ulfinna qabeessa sanaa taa’e. Akkuma maqaan inni dhaale sun maqaa maleekkotaa caalaa guddaa ta’e s ana inni s ma l e ekkot a c a a l a a guddaa ta’eera.”jedha
    Rabbi sagalee abdii isaa kan Yesuus Kristoos akkuma biyya hundumaaf erge, saba oromoofis ergaa ture, ergaa jira; akka isatti araaramaniifis waama ture, waamaa jira. Waaqayyo immoo cunqursamuu fi miidhamuu , akkasumas karaa Waaqayyooo irrraa kaachuu isaa ergee, saba Kanaaf addumaan dubbachaa ture, sagalee( wangeela) isaa karaa namoota isaa ergaa ture. Kanaaf raga kan dhiyoo kan taú Waaqayyo saba koo biyya Afrikaa keessaa, saba Oromoo jedhamu, deemaa sagalee abdii koo, biraan gahaa jechaa Misiyoonota Jarmaniitti dubbachaa tue. Isaanis dhaadhannoo “Biyya Oromoo nuuf kennaa, kana booddee handhuurri Afrikaa kan keenya ta’a; “Jarmanii Afrikaa”” kan jedhu akka dubbatan Dr. Krapf , namichi seenaa Oromoo yeroo calqabaaf Awurooppaatti beeksise dubbachaaa kka ture, kitaabni Obbo Tasgaraa Hirphootiin barreeffame ni dubbata.
    Erga Abbaan keenya, Abbaan Gammachiis, Hangaafni wangeela keenyaa, karaa Waaqayyoon sagalee abdii kana argatee ofii isaa fayyee, saba isaa bira gahuuf halkanii fi guyyaa dheebochaa ture; Waaqayyo isa gargaarees hará kunoo fayyina harka Oromoota hedduu galche. Wallaggaa fi Shawaa keessa oromoota hedduutu Waaqa dghugaa karaa dhugaa bareera; akkasumas Oromiyaa hunda keessa waldaan sagalee Waaqayyo labsan dhaabbatanii jiru; yeroo si’aanaa kana ariitii baay;eedhan Oromoota godina hundaas gaáa jira. Har’a dargaggoonni Oromoo, Barattoonni Oromoo kan Yuunvarsiittii, Kolleejii, sadarkaa lammaaffa baratan humnaa fi muláta Waaqayyo hidhatanii Oromoo hunda wal gaúufis kaániiru. Oromoonni biyya alaa jiraatan Addunyaa marara irra afaanii fi aadaa isaaniin Waaqa dhugaa karaa dhugaa waaqessaa jiru, saba isaanii kan biyya keessaa jiran gahuufis dheebochaa jiru, hojjechaas jiru.
    Yeroo si’anaa kana Waaqayyo abdii guddaa sabaa kanaaf kennaa jira. Walgahii hafuuraa guddaa heessatti, waldaa adda addaatti kan ani gurran koon dhagahe baay’eetu jiru. Akka fakkeenyaatti eeruuf:
    1. Yeroo xiqqoof si irraanfadheen ture, Kana booddee yeroon kan keessan; walqixxummaan, dhugaan,jaalalaan, Waaqayyoon sodaachuun jiraachuu qabdu; Waaqayyotti deebiáa; Gara ol jedhaan ni jiga; dachaa fi boolli ni guuta; hundi wal qixxaata .
    2. Ani gumgummii saba kanaa dhagaheera ( Exodus 16: 11)
    3. Naannoon keenyaas (Isaiah 60 fi 61)
    4. Hundaa ol immoo babal’ina wangeela gara Booranaa, Arsii, Baalee fi Oromiyaa mara irratti sabni hedduun akka Waaqayyootti araaramu abduu guddaa qabna.

    Haa taú iyyuu malee Oromooonni hedduun carraa kan hin argatiin jiru. Osuma arginuu osoo nuyi fayyinnee jirruu, sabni keenya hedduun badaa jira. Faarfatoonni Godina Arsii; Oromoo Light of Hope, “Sabni keenya kan qaqqabnu baay’etu hafe; san geessuuf kaanee demnaa; Rabbi keenya nu gargaara; sabni ,maruu nu eeggata “ jedhu. Carraa arganneetti fayyadamnee, abdii osoo hin kutatan, Oromoota hafaan amantii adda addaa waliin jranitti “Waaqa dhugaa, karaa dhugaa- Yesuus” saba Oromooo ardii Afrikaa keessa jiru gahuuf haa kaanu!!!! Itti fufa.
    Facebook “Waaqa dhugaa Oromooof “ yoo seentan gola marii kana irratti yaada keessan kaahuu dandeessu!
    Waaqa dhugaa; karaa Dhugaa- saba Oromoo maraaf!!
    “Jiraannus, duunus Waaqaaf”- Abbaa Gammaachiis/Onesmos Nasib

  • Oliifnaaf

    Bara duriitti Waaqayyo si’a baay’ee karaa garaa garaatiin , raajotaan abboota keenyatti dubbateera. Guyyoota bara isa dhumaa kanatti immoo ilma isaatiin nutti dubbate; Waaqayyo ilma isaa kanaan waaqaa fi lafa ume; waan hundumaas harka isaatti kennuuf isa dhaabe. Ergaa gar Ibrootaatti 1:1-2 Amma garuu karaa seerichaa utuu hin ta’in, Karaan namni ittin qajeelaa ta’u Waaqayyo biraa mul’ateera; seerrii fi raajonni karaa kanaaf dhugaa ba’aniiru. Namni Yesuus Kristositti amanuudhaan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa hin ta’a; kana irrattis warra amanan hundumaaf garaagarummaan hin jiru. Hundinuu yakkaniiru, ulfinni Waaqayyoos isaanitti hir’ateera. Isaanumti immoo ayyaana Waaqayyoo isa karaa furii Yesus Kristos tola isaaniif kannameera, qajeelota in taú. Inni dhiiga isaa dhangalaasee du’uudhaan warra isatti amananiif miá araaraa haa ta’uuf Waaqayyo isa dhaabe. Romans 3: 21-25

  • BILISUMMAA SANBATOO GALAAN

    SEENAA ARMAAN OLITTI BARREEFAME KUN SEENAA DHUGAA FI DHUGUMAA WAAQA QABUDHA. SEENAA KANA ANIS MANGUUDOO NAANNOO SANA JIRAATAN IRRAA DHAGA’EERA . DHUGUMA SEENAAN KUN RAAJJII WAAQNI AGARSISEE, ANIS NAANNOO SEENAAN KUN ITTI RAWWATETI WAANAN DHALADHE GUDHADHEEF SEENAAN KUN DHUGAA TA’USA RAGAAN BA’A. KAN QOFA MITI WANTOOTNI BIROOS WAAN JIRANIF MANGUDOO IRRAA QORAADHE ISINIIF BAARREESSUN YAALA .NAF BARREESSA NAMOOTNI SEENAA KANA QINDEESSITTANI BARREESSITTN GALATNI WAAQA ISIN WALIN HAA TA’U ULFAADHA, HORA BULAA.

    • Obbo Bilisummaa Sanbatoo !

      Nagaan Waaqaa haa dursu.

      Waa’ee Maallimaa ilaalchisee yaada nuuf gumaachiteef hedduu galatoomi. Dhimma kana ilaalchisee waan dhageesse, waan beektuu fi waan argite bal’inaan yoo nuuf barreessite gammachuun simanna. Kanaaf maaloo akkuma waadaa galtetti hojiirra oolchuuf tattaaffii godhi.

      Nagaa waliin

      Hundasaa, qindeessaa GWA

  • BILISUMMAA SANBATOO

    SEENAAN ARMAN OLITTI BARREEFFAMEE KUN SEENAA DHUGAA FI DHUGUMMAA WAAQA QABU DHA. ANILEE NAANNOO RAAJJIN WAAQA KUN ITTI RAWWETETTI WAANAN DHALADHEEF SEENAA KANA MANGUDOO IRRAA DHAGA’ERAA.SEENAAN JIRUU KANA QOFA MITI WANTOOTNI BIROOS WAAN JIRANIIF WANTOOTA JIRAN MANGUDOO GAFADHEE ISINIF BARREESSUN YAALA, NAF BARREESSA. DHUMARRA NAMOONI YAADA KAN QINDEESSITTANI BARREESSITAN GUDDAA GALATOMA.

  • waaqayyo isin haa eebbisu

  • eyyeen waqayyoo sin haebbisi bayyee gaariidhaa yadni kessaan

  • kanaa boodaa mamillaa kessaan ta’u barbadaa

  • eebbisaa damee

    akkuma akkuma bay’ina saba guddicha ilmaan oromoofi dachee oromiyaa senaa fi adaan ummatichaa bal’aadha isaan keesaa kan ormaan olitti dubbisne ishee takka. maarree wanti saba kanaa osoo barreeffamee waan dhumu miti. wanti guddaan seenaa fi dhugaa kan kaleessa cunqurssaaa alagaan dhaloota har’aa jalaa dhokate barbaanne bora gayuu dhabuun kan ofii dagatee kan namaan boonuu dhaloota har’aaf sababa ta’eera. rakkoo kana furuuf namoonni akka leellisaa kun nuuf furmaata. dhirqamni dhaloota haraa garuu kan barreeffamee dubbisee dookumantiisaa keessatti galmeeffachuufi kan beeku sabaan gahuu qaba. maarree teenyumatu teenyaa orma eeguu dhiisnee waan teenya yaa soqannuun dhaamsa kooti galatoomaa.

  • liban girma

    HUNDA DURSA WAAQNI OROMOOTAA NAGAA SIIF HAA KENNU JECHAA , AADAA ,SEENAA UMMANNI OROMOO KEESSA DARBAA TURE HANGA YOONAAATTI MUL’ATAA JIRU KANA NUUF BARREESSITEE DHALOONNI AMMAAN TANA JIRAN DUBBISANII AKKA WAA HUBATANIIF SEENAA QORATTEE HAALA AMANSIISSAA AKKANAATIIN GALLAKKISUU KEETIIF BAAY’EE GALATOOMI.GADAAN QUUFAA GABBINA INJIFANNON UMMATA OROMOOF!!!!!!!!

  • nagasa tesfaye

    seenaan oromoo akkas ifatti ba’ee dubbatamuufi barreeffamuun akkasumas immoo afaan oromoo afaan tekinooloojii ta’uunsa kan baay’ee nama gammachiisudha ,ammas kanaa olitti ilmaan oromoo waliin haa hojjennuu,hojjedhaas,

Leave a Reply

  

  

  

You can use these HTML tags

<a href="" title=""> <abbr title=""> <acronym title=""> <b> <blockquote cite=""> <cite> <code> <del datetime=""> <em> <i> <q cite=""> <strike> <strong>