2013 Irreechaa

April 2014
M T W T F S S
31 1 2 3 4 5 6
7 8 9 10 11 12 13
14 15 16 17 18 19 20
21 22 23 24 25 26 27
28 29 30 1 2 3 4

Category Key

  • General

World Irreecha Events

Irreechaa 2013

  • September 30, 2012 – Irreechaa: The Oromo National Thanksgiving Day
    N/A, General
  • September 29, 2013 – Irreechaa Festival 2013
    11:00 am, General
  • September 29, 2013 – Welcome to the coming 2013 Irreechaa!
    11:00 am, General
  • October 5, 2014 – Irreechaa Festival 2014
    11:00 am, General

Waaqomsaa

WAAQOMSAA
Maatii Sabaatiin, Bitootessa 3,2008

Yaada Ka’umsaafi Itichaa (Brainstorming)
1 .Waaqeffannaan maal?
2. Waaqeffattoonni eenyu?
3. Waaqeffattoonni maalitti amanu?
4. Utubaan Waaqeffannaa maal?
5. Dirqamni Waaqeffattoota irraa barbaadamu maal?
6. GWA yayyabuun barbaachisaadhaa?
7. GWAf seera /dambii bulmaataa baasuun barbaachisaadhaa?

WAAQOMSAA: BARUMSA AMANTII WAAQEFFANNAA

SEENSA

Barruun kun akkaataa hundee amantii Waaqeffannaa fi mala ittiin barsiisamu irratti hubannoo waliif kennuuf kan qophaa’eedha.
Kunis dhimma jajjaboo afur irratti xiyyeeffata:
1. Waaqomsaa
2. Amantii
3. Amantii Oromoo ganamaa
4. Waaqeffannaa

I. Waaqomsaa:Barumsa Amantii Waaqeffannaa
A. Magalata Waaqeffannaa
Magalata Waaqeffannaa jechuun akkaataa barsiifannaa amantii Waaqeffannaa jechuudha.
Akkaataa Amantii itti barsifatan, babal’ifataniifi dagaagfatan kan ilaaluudha.
Amantiin cufti Argaa Dhageettiin dhimma waaqeffannaa barsiifataa turan; booda keessa barsiifanni isaanii garuu waaltina horatuu dide.Kanaaf, dubbii fi seerota jiran akkamiin akka waaltessan maryachuu jalqaban. Diddaafi mormii hedduu booda Argaa dhageettiin gara kitaaba amantiitti akka jijjiiramu godhame.Kanaaf, akka Waaqeffannaatti yoo ilaalle
1. Afoomsaa-barsiifannaa amantii Waaqeffannaa kan Afaaniin dhaloota tokko irraa dhaloota biraatti darbuudha.Kanaan, Argaa dhageetti, Laboobsaa, Atoomsaa, Qaallomsaa, Wayyoomsaa, Innoomsaa, Noolomsaa,Hoofomsaa, Mandoomsaa, Daanomsaa,Daanyomsaa, Daaniyoomsaa,Danfoomsaa,fi kkf jedhan.)
Garuu, barumsa kana afaaniin dhalootaa dhalootatti dabarsuun hanqina waaltummaa akka horatu gargaara; dafee jijjiirama; namuu akka fedhii isaatti akka jallifatu ta’a.Akka salphaatti babal’isuufi dagaagsuun hidanda’amu.
Mudaa: Waaltina dhaba
Babal’ina dhaba
Dagaagina dhaba.
2. Barroomsaa-barsiifannaa amantii kan barruufi kitaabaan darbuudha.
Faayidaa: Waaltinummaa argata
Babal’inummaa horata
Dagaagummaa argata.
Egaa maal haagoonu?
Akka ammaan dura ture kanatti akka adeemu warri fedhan , garuu,nijiran; sababa isaa seera uumaa-uumamaa barreessanii fixuun hindanda’amu; yoo nibarreessina jenne dhugaa waaqaa jal’isuufi dabsuu, dirbabsuu, ta’a jedhu. Dhugaa Waaqaa, seera uumaa-uumamaa yoo barreessine; hunda barreessinuun waan hindanda’amneef akka dirbaba’u ykn muraasa akka ta’u gochuu danda’a jedhu. Kun immoo fudhatama Waaqeffannaa nu jalaa laaffisuu mala yaada jedhuun qeeqaafi sodaa qaban ibsu. Garuu, filannoon jiru Waan Waaqaa keessaa isaan murteessoo ta’an barreessanii barsiisuudha; kanaan ala carraan jiru Argaa Dhageettiin barsiifachaa jiraachuudha. Akka dhaloota waan jalaa badeefi gaadi’ame barbaaddachaafi deebisanii guddifachaa jiran tokkootti, akka ammaan duraatti hafuun miidhaa olaanaa qaba; gaadii keessatti akka hafnu nu godha. Kanaaf, akkaataa Waaqeffannaan gaadii keessaa ba’ee deebi’ee itti guddatu irratti hojjachuun barbaachisaadha; murteessaadhas. Dirqama dhaloota Waaqeffannaan bulaniiti!! Daandii kana soqachuunis dirqama keenya ta’a….
B. Dagaagina Waaqeffannaa (Waaqiyaa)
Akkamiin Waaqeffannaa gara kanatti fiduu dandeenya?
Warri maal haataanu jedhan waan ta’an hindhaban!!
Waaqeffannaa bifa kanaan barsiisuufi babal’isuuf kitaabota kaawoo, qajeelfama, safuu, aadaa, fi kkf kan Waaqeffannaa soneeffachuu qabna. Amantichis akka wiirtuu tokko jalatti deebi’u gochuu qabna.
a. Kitaabota Waaqeffannaa/Qajeelchaa/ Daaniyaa
b. Galma Waaqeffannaa /Tokkoomsaa/GWA
a. Barumsa Waaqeffanna/Waaqomsaa/GWA
b. Tajaajila Waaqeffannaa /Namoomsaa/GWA
c. Addunyaatti beeksisuu/ Addunyoomsaa/GWA
Dhugaan kun akka bara kana waan tokko goonu, nu dirqe; Waaqeffannaa gaadii keessaa baafnee akka itti deebifnee dagaagsinu akka soqnu godhe; kaka’umsi Waaqeffannaa deebisanii dagagsuus akkanaan dhufe.

II. AMANTII
A. Yayyaba Amantii
Amantii baruuf, yayyaba amantii beekuu qabna. Yayyaba Amantii kan jennu, waan amantii keessatti gahee olaanaa qabaniifi amantii ijaaran shanan : Uumaa, Ayyaana, Uumama,Seeraa,fi safuu dha.
Maalummaa amantii hubachuuf rimaada:
1. Uumaa
2. Madda Uumama
3. Ayyaana
4. Seera
5. Safuu …beekuu qabna.
B. Barbaachisummaa Amantii
Kun dhalli namaa maaliif akka amantii tolfate? Amantiin maaf barbaadame? fi kkf kaasuun baruu dandeenya . Akkanaanis Oromoon maaf akka Waaqeffannaan qajeelfamuu fedhanii jalqaban baruu dha.
Addunyaa irratti waan akka amantiitti fedhii dhuunfaa, amala ofittummaa gaadi’ee qabu hinargamne.
Amantii, aadaa, afaan, seenaafi sabummaa (eenyummaa) addunyaa irratti dhimma hoo’aadha.
Amantiin ammallee madda gaarummaa, kana amalaafi naamusti dhala namaa keessatti kan qajeeluudha.
Humna namuu bira gahuu hindandeenye, kan namuu waan godhu mara ija isaa jalaa dhoksuu hindandeenye amananii, itti buluufi ittiin qajeelfamuudha.
Amantiin amantaafi gocha of keessaa qaba; amanuun isa jalqabaa malee, isa dhumaa miti. Jaatanii ittiin waan amanan san waarratan illee of keessaa qaba.
Wiirtuu amantii keessaa waan jajjaboo lama qabna: Waaqaafi dhala namaa ti. Akka Waaqeffannaatti, fakkeenyaaf, bantiin amantii Uumaafi Uumama ilaallata. Uumaan kan waan walaabuu kana keessa guutee jiru, uumama, mara isa uumeedha. Kanaaf, Waaqeffattoonni waa hunda caala Waaqa jireenya isaaniitti aanfatu; raajii Waaqaas waan beekaniif, isaan qajeelfamu.
Addunyaa irratti dhalli namaa maaliif caasaa amantii hundeeffate?
a. Didha…rakkoo….cubbuu… keessaa bahuu
b. Gaarummaa fedhuu
c. Kanneen Qaalluun dhugaa Waaqaa itti mul’isee eegalanis nijiru. (Ajaja Waaqaatiin ka dhalateedha.) Jalqaba Waaqeffannaa kan ilaaluudha.
d. Badii dhala namaan hojjatamu, kan ofittummaafi jibbinsaan guutame to’achuuf tolfatanis ni jiru. (Amala dhala namaa isa badaa dhokataa ittiin abboomuuf akka tolfametti fudhatama.)
e. Gurmuufi gamtaa horachuuf illee kan horatameedha.
f. Fedhii dantaa ofii ittiin guuttachuuf,madda dinagdee,kanneen godhatanis jiru.
g. Sodaachisanii ittiin of jala bulchuufi abboomuuf kanneen fakkeessanii jalqabanis nijiru.

C. DANAA AMANTII
Amantiin addunyaa kanaa danaalee sadiin akka maddan amanama.
1. Waafoo ( Polytheism): Waaqolii Danichaatti buluu
Ayyaanoti hundi Waaqa akka ta’anitti fudhachuudha.
2. Maaroo (Pantheism): Marti Waaqota ta’uu amanuu
Uumamni cufti waaqa akka ta’anitti fudhachuudha.
3. Waaqoo (Monotheism): Waaqa Tokkichatti buluu ti.

III. AMANTII OROMOO
Amantiin Oromoo (Waaqeffannaa) Akkamiin Jalqabe?
1. Waaqa
Waaqni Tolchaadha; Tiksaadha; Fayyisaadha. Tolchaan waa hundaa humna hunda nicaala. Waanti ofiisaan lubbuu horate tokkollee hinjiru. Raajiin walaabuu keessa guute cuftis ofiin of-hintolchine. Jijjiiramni walqabataa addunyaa kanaas akka waa cufti akka tasaafi carraan hinmul’anne ragaa baha. Walaabuu keessatti waantoti tarreeffamanii naqaman eegaafi qajeelchaa mataa mataasaanii niqaban.
Akka amantii Waaqeffannaatti goleen waa hundaa Waaqa Tokkicha, kan maqaan isaa dhibbaati. Maqaan Waaqaa hedduu ta’uu mala. Akka fakkeenyaatti, Rabbi, Uumaa, Kalaqaafi kkf maqaa Waaqni ummata Oromoo biratti ittiin beekamuudha. Maqaan Waaqaa hedduudha; hojiinsaas akkasuma himamee hindhumu. Raajiin Waaqaa hanga fedhe haa danatuyyuu malee, Waaqni tokkichuma, abbaa hinqabu; haadha hinqabu; hiriyaa hinqabu; fakkeenyas hinqabu.
Waaqni Uumaa waa hundaati. Waaqeffattooti hiikkaa Waaqaa ibsuurra raajiifi gochaasaa ibsuu filatu. Innoonis akkanatti lallabee jira.
“Waaqeffattooti fedhiifi hawwiin isaanii akka fiixa ba’uuf Waaqa abdatu. Abdiin Waaqeffattootaa Waaqa. Waaqni Uumaa waa hundaati. Waaqni ni’uuma malee ofiisaatii hinuumamu. Waaqni hindhalatu; durii jalqabee jira; gara fuulduraattis bara baraan ni jiraata. Waaqni humna; Waaqni jaalala; Waaqni abdiidha. Waaqa ijaan arguun hindanda’amu. Waaqni gaariidha; nagaadha.”
Utubaan Waaqeffannaa inni Yayyabaa Waaqa. Waaqeffannaan Waaqaan utubama. Waaqeffannaa keessatti waanti jalqabaas, waanti dhumaas Waaqa Tokkicha: Waaqni Beelii-Belel. Waaqaan duuba karaan nama hindabarsu.
Akka amantii Waaqeffannaatti waanti cufti Waaqaan ibsama; jiruufi jireenyi dhala namaas ta’ee uumamaa hundi Waaqaan qajeelfama. Waaqni waan hunda keessa jira; waanti hundis Waaqaan utubama. Obbo Walda Yohannis Warqinaa kitaaba “Daawitii” keessatti akka ibsanitti, fakkeenyaaf, Waaqni abdii Waaqeffattootaati.
“Ummanni Oromoo waan hojjatame tokko eebbisuudhaan fedha isaa mul’isa. Kan dhalate akka guddatu, kan hore akka baay’atuufi qe’eefi naannoon isaa nagaa ta’ee jiruu guutuu keessa akka oolee bulu, hawwiifi fedha guddaa qaba. Fedhaafi hawwii isaa kana fiixaan baasuudhaaf jedhee kan itti abdatu Waaqa. Abdiin saba Oromoo Waaqa. Ummanni addaddaa Waaqaaf maqaa addaddaa qaba. Fakkeenyaaf, Araboonni Allaah, Inglizoonni God, Xaaliyaanonni Hiyoo jedhanii waamu.
Akka amantii Oromootti, Waaqeffannaa, Waaqni kan waa hunda uumeedha; ofii isaatii hinuumamu; hindhalatu; kan durii jalqabee jiru, gara fuulduraatti kan bara baraan jiraatu, jiraachisaa hundaati. Kan ajjeesu isa; kan kennus isa; kan fudhatus isa. Waaqni humna; Waaqni jaalala; abdii dhala namaa hundaati.”
Oromoon akka dhugeeffatutti Waaqni Uumaadha; Bulchaa walaabuuti; Jiraataa fal’aadha; Gaaromsaadha; Qajeelchaa Daandii Dhugaadha; Baalchaa uumamaati; Beelii-Belel. Hiikkaan Waaqaa hedduu bal’aadha; maalummaa Waaqaa ibsuun beekumsaafi dandeettii dhala namaan duuba; Innoon:
“Waaqa hojiisaa malee arguun hindanda’amu. Raajiifi hojiin Waaqaa mul’ataadha. Akkaataan hojii isaa, garuu, dhokataadha. Dhalli namaa iccitii Waaqaa bira ga’uu hindanda’u. Waaqni gurraacha garaa cabbii, leemmoo garaa taliilaati. Isaan buluun isaan qajeelfamuun, akkasumas isa abdachuun jiruu guyyaa isiniif haata’u!” jedhee kan jalqabes dhugaa kana mul’isa.
Akka amantii Waaqeffannaatti Waaqni Uumaadha; Fullaasaadha. Waaqa dura waanti ture hinjiru. Waaqni ni’uma malee hInumamu. Waaqni waan uume cufa nibeeka; umamni, garuu abdiin Waaqa fudhata malee qabatee hinargu. Waaqni Uumaa, Bulchaa, Qajeelchaa, Baalchaa, To’ataa, Sirreessaa, Gaaromsaa waa hundaa ta’uusaa shakkii tokko malee fudhatanii ittiin qajeelfaman.
Waaqeffattooti Waaqa akka beekan waantoti hedduu ragaadha. Waaqeffattooti Waaqa beekuusaanii haasaa guyyuu keessatti, mammaaksa, Kadhannaa, Eebba, Weedduu, geerrarsa, ayyaana, faarfannaafi kkf jaatanii jiruufi jireenyaa keessatti mul’isan. Kunneen hundi Waaqeffattooti akka waa’ee Waaqaa haala salphaa fi ifaa ta’een dhalootaa dhalootatti daddabarsan gargaareera. Barruu tokko malee Waaqaafi raajii isaa akka laayyootti ibsaa fulla’uun danda’ameera. Waaqeffattooti cufti, Daaniyaan, waa’ee Waaqaa laphee isaaniifi qalbii isaanii keessaa qabu; waan itti dhalatanii itti guddataniif tolchanii beekan.
Waaqeffattooti haasaa guyyuu keessatti waa’ee Waaqaa afaaniin otuu hinkaasiin hinoolan. Dubbii isaanii keessatti, “Waaqa beeka; yoo Waaq jedhe, kan Waaq nicaala; Dhugaa Waaqaa, fi kkf” waan jedhu dhaga’uun aadaadha. Mammaaksa keessattis dubbiin Waaqaa hundeedha. Waaqaan dahatamee mammaaksonni mammaakaman: “Waaqaan duuba karaan nama hindabarsu; kan Waaqa abdate hindhabu; kan Waaqni uwwise hindaaru; Namni niyaada; Waaqni niguuta; Waaqni hinariifatu; lafa jedhe hinoolu; Ganamaan ba’aniif Waaqa jalaa hinba’an,” fi kkf dha.
(Madda Daaniyaa)
2. Seemaa (Seera uumaa-uumamaa)
Kun haala seenaa uumamaa kan ibsuudha; seera uumaa-uumamaati. As keessatti akkaataa Waaqni itti Uumama mara uume baranna;dhugaa Waaqaan akkaataa itti mula’achuu eegale ilaalla.
Amantii tokko keessattis waanti gaafatamuufi iyyaafatamu hedduu ta’us kan “Waaqni maal? Maaltu waan hunda uume?” jedhu yeroo baay’ee dursee kan ka’uu maluudha. Nama jiraachuu Waaqaa amaneef immoo gaaffiin ittaanee ka’u “Uumamni akkamiin dhufe? Seerri Uumaa-uumamaa hoo akkam?” kan jedhu kaasuu dha. Kanaaf, akka Waaqeffannaatti dhimmi guddaa waa’ee SEEMAA beekuudha. Seemaa jechuun seera uumaa-uumamaa kan akkaataa uumamni itti uumaman mul’isuudha.
As keessatti wanti himamu hedduu jiraachuu mala; adeemsa keessa kan gabbatu ta’us ammaaf akka ka’umsaatti Daaniyaa keessa kan jiru ilaalaa adeemuu dandeenya.
“ Waaqni jalqaba walaabuu uume. Walaabuun many’ee uumama maraati. Walaabuun bishaan ture. Waaqni walaabuu bakka lamatti qoode: Dacheefi Ruuda; Dacheen bishaan jalaati; Ruuda bishaan gubbaati. Dachee iddoo lamatti qoode: bishaaniifi lafa godhe.
Ruuda manyee lubbuu immoo bakka sadiitti hire: Aduu, Baatiifi Urjiidha.” (Daaniyaa 6400:27)
Akka amantaa Waaqeffannaatti Waaqni waa hunda dura ture. Waaqa dura kan ture hinjiru; Waaqni fedhii isaatiin waantota kaan tolche; waa tolchuu kan eegales Walaabuun yayyabuun ture. Walaabuun bishaan ta’ee uumame; Walaabuun kunis kan uumame akka bishaan madda waan hundaa ta’utti ture.”Waaqni kan walaabuun akka bishaaniitti kan uume bishaan madda jireenyaa ta’uu waan beekuuf ture.” (Abbaa Daffaar Ayyaantuu Macca Bahaa, 1997)
Akka Waaqeffattooti amananittis Walaabu madda waa hundaati. Kanaaf, Oromoon Walaabuu jalqabaan kan waamus HORA WALAABUU jedheeti. Horri Walaabuu kunis mil’uu Waaqaatiin bakka lamatti bahe: Dachee fi Ruuda ta’e. Akkanaan Waaqni waan jalqabaa kaawoo waa hunda uumuu isaa Yaayyaa Shanan tolchuun akeeka isaa marabbeesse.
Waaqni yaayyaa shaman erga uumee booda dhala namaa uume;Waaqni raajii isaas walaabuun bakka lamatti hiree, achiin kan bishaan gubbaa uumuun jalqabe. Bishaan gubbaa keessattis waantota sadii guyyaa sadii keessatti tolchee raawwate. ”Waaqni guyyaa jalqabaa waantota Ruuda keessaa kan duraan tolche, aduu mul’ise.Guyyaa kanaanis Aduu Lafaa ykn Adulaa jedheen. Halkan isaa immoo kan guyyaa lammaffaa galgala mul’ate ,innika(Baatii) tolche; Guyyaa baatiin baate kanas Innika jedheen. Achiin Urjii tolche. Guyyaa ittaanu immoo Bishaan Goodaa bakka lamatti qooduun dursee bishaan mul’ise; iddoo kana immoo duumessaan aguuge. Guyyaa shanaffaatti lafa mul’ise. Gaafa jahaffaa dhala namaa uume. Nama jalqabaanis Horo jedheen. Akkanaan waa hunda guyyaa 27 keessatti uume.”(Ob Doorii Nagawoo,2002)
Akka Oromootti namni jalqaba Oddoola Liiban keessatti namni uumame Horo dha. Ummati Oromoos yeroo achii dhuftee isaa ibsatu, Horotti galcha jechuudha. Dhugaan mul’ataa jirus Oromoon warra Waaqni jalqaba tolche keessaa tokko ta’uu mirkaneessaa jira.
”Starting from this time on, the oromo people traced their origin from Horo,the founding father. The Fossil evidences discovered in oromiya(lucy,diknesh,chaltu over 3.5 million year old which was discovered in oromia in 1980’5 and the newly discovered EDALTU the oldest fossil ever discovered only about 200km from Finfine are good emphasis to be added in my opinion) indicates the fact that humanity is originated in Eastern Africa(oromiya),thus,oromians beliefs are scientifically supported. The agricultural practice and their democratic law the GADA SYSTEM trace back almost two million years as well.”Oromummaa, Barumsa Gammachuu Magarsaa, Finfinnee, 2001)
3. Uumama (Nama, Ayyaana, Qaalluu, Ateetee, Siiqqee, Dhugaa, seera Waaqaa, Seera lafaa ,Horii, mukaa, naannoo, Bishaan, Bineensa, Allaattii, fi kkf)
Dhugaadha! Uumamni cufti waan Uumaa nidubbata! Lafti yoo goggogu waan himu qaba; mukti yoo lalisu waan raagu qaba; kan afaan isaanii beekutti waan himan qaban; waan mil’atan qaban; waan mul’isanis qaban. Anaaf hingalle malee, yeroo warri keenya moora dubbisiifatan, eker-dubbistuu dhaqanii waan jal’ate qajeelfatan ninargan ture; nindhaga’an ture. Moora an beekee hindubbisne, Ayyaantuun dubbisee mil’uufi mul’ii hima ture. Moorri nama hundaatti hinhimu; kanneen afaan isaa beekan, kanneen isa wajjin waliigalanitti garuu tolchee dubbata.
Daaniyaaf haatoluu, Dhugaa Waaqaa uumama irraa dubbisu danda’amu beekeera. Daaniyaa ergan dubbisee booda hunda caalaa waanan hubadhen qaba. Kunis, yeroo waa’een Waaqeffannaa ka’u gaaffii namooti hedduu kaasaniifi deebiisaati. “Bu’uurri amantii Waaqeffannaa maali?” Deebiin isaa kanneen uumama dubbisuu danda’aniif bu’urri amantii Waaqeffannaa Uumaafi seera Uumamaati; kitaabni amantii Waaqeffannaas Uumaafi uumama!
Uumamni cufti kitaaba amantii Waaqeffannaati. Kan dubbisuu beeke, uumama irraa Raajiifi Ogummaa Waaqaa dubbisa; Ol’aantummaa Waaqaa dubbisa; Hayyummaa Waaqaa dubbisa; Seera Uumaa Uumamaa dubbisa ; Seera walaabuu shanan dubbisa!
Daaniyaan immoo akkatti Waaqeffattooti uumama irraa waan Uumaa dubbifatan agarsiisa; akkatti icciitii Uumaa hiikanii beekan mul’isa; maaliif Waaqeffannaan akka gaadi’amee tureefi yoo maal ta’e gaadii keessa akka bahu mul’isa.
4. Gadaa (Siyaasa, Hawaasummaa, Dinagdee, Aadaa, Amantii..)
Hariiroo namaa-namaa-hawaasa-mootummaa-uumama, Hariiroo hawaasaa-hawaasaa-namaa-mootummaa-uumama,
Haphee-(seera, aadaa,afaan,safuu,seenaa,eenyummaa,daga)
As keessatti kan adda bahee beekamuu qabu, “ Dhalli namaa erga uumamee booda akkamiin lafa kana irratti walbulchaa ture? “isa jedhuudha. Waaqni erga uumee booda akkamiin walis ta’ee of jiraachisaa akka ture baruudha.Kana beekuun akkaataa aadaa, seera, duudhaafi jireenya hawaasa sanaa akka ittiin mil’annuuf nu gargaara.
Sirna Oromoo kan ilaallu immoo isa jalqabaafi isa dhugaa malee isa garbummaan maramee dhufe miti .Oromoon otuu garbummaa jalatti hinkufiin akkamiin akka bulaa ture ilaaluun immoo dhimma ijoo keenya ta’a jechuudha. Bara bulchiinsa garbummaan dura ture malee kan akkaataa Oromoon itti dhugaan bulaa ture, ragaa nuuf ta’un hinjiraatu. Garbummaa dura bultiin Oromoo akkam akka ture beekuufis Gadaa beekuu qabna. “ the pre-colonial Oromo society, the core of Oromo social, economic, political, philosophical, and spiritual life was a holistic institution known as Gada. “ Oromummaa, Gammachuu, 2001)
Akka Gadaatti waan jireenyaa mara lafa irratti tolchuuf aangoo kan qabu dhala namaati Dhalli namaa immoo haala kana kan tolfatu akkaataa Waaqni isa tolcheefi akka itti bulu illee isatti agarsiiseen ta’a. Gadaan waan sabni tokko akka mootummaatti qabaatee ittiin buluufi walbulchuu qabu tokko of keessaa qaba. Siyaasaa Gadaa fkn kaawoo akkamii qaba?
1. Waaqeffattooti marti akka Fedhiifi Seera Waaqaatti walbulchuu qaban.
2. Hundeen bulchiinsa Gadaa seera Uumaafi Uumamaati.
3. Olaantummaan bulchiinsa Gadaa heeraafi Seeraa ummataati; akka ilaalcha Waaqeffannaatti mootummaan Gadaa mootummaa ummataati. Olaantummaan bulchiinsa mootummaa Gadaas Heeraafi Seera uummataati.
5. Aangoon mootummaa Gadaa taayitaa siyaasaa Gadaa shananiin dabaree waljijjiiree walbulchuu qaba.
6. Bulchadureen Gadaa kamuu ergamaa ummataa malee gooftaa ummataa miti. Gooftaan namaas ta’ee ummataa Waaqa Tokkicha qofaadha
7. Bulchadureen kamuu ummata keessaa ummataan ummataaf filamuu qaba, fi kkf…
As keessatti waanti hubatamuu qabu:
Gadaan mootummaa Oromoo kan bara garbummaa dura tureedha.
5. Aadaa Dhugeeffannaa Oromoo
Aadaan dhugeeffannaa mala ittiin dhalli namaa uumaa, uumama, jiruufi jireenyaa ilaalu, hubatu, akkasumas dhugeeffatee jiraatuudha.
Aadaan Dhugeeffannaa Oromoos aadaa amantiifi marraaga/falaasama/ Oromoo of keessaa qaba.Kanaaf, Amantiin Oromoo mala ittiin Oromoon uumaa, uumama, jiruufi jireenyaa ilaalu, hubatu, akkasumas dhugeeffatee jiraatuudha.Marraagni isaa immoo akkaataa dhufaatii uumaa, uumamaa kan iyyaafatuudha.
Aadaan dhugeeffannaa oromoos aadaa amantiifi marraaga Kush duriiti; amantii addaddaaf illee madda akka ta’etti fudhatamaa jira.
Aadaa Dhugeeffannaa oromoo keessatti Gurraachi maal?
-Gurraachummaan:humna humnaa oliiti
-Gurraachummaan qulqullummaadha.
-Waaqummaadha.

IV. WAAQEFFANNAA: AMANTII OROMOO GANAMAA
A. RIMAADA WAAQEFFANNAA
Hariiroo Waaqaa-namaa-hawaasaa-uumama
Haphee (Ayyaana, Seera waaqaa, laguu,aadaa,seenaa,afaan)
Amantii Waaqeffannaa kan jennu isa kami? Kan bara garbummaa keessa ture moo kan bara garbummaa keessa tureefi jiru ykn isa bara garbummaa booda dhufeedha?
Ammaaf Oromoon akka namaatti gaafa uumamee kaasee Waaqa tokkichatti amanee ittiin bulaa akka ture hubanna. Yeroo sanaa kaasee Waaqa tokkicha jireenya isaatti aanfatee akka Waaqni isa qajeelchetti otuu jiraataa jiruu garbummaan itti dhufe. Kanaaf, Waaqeffannaan kan bara garbummaa dura tureedha. Ummati oromoos otuu garbummaa jala hingaliin dura amantii mataa isaa kan warraafi hundee isaa ganamaa keessaa maddeen qajeelfamaa ture.Hanga gaafa amantiin alagaa dhufee isa dhaaluttis amantii mataa isaatiin bulaa akka ture ragaaleen mul’isanis hedduudha.”Oromoon bara garbummaa jala hingaliin sana quufaafi sugaan jiraataa ture.Oromoon kan safuu gate, kan aadaa isaa dhabe, kan seeraafi heera isaa dhabe erga garbummaa jala galee booda. Amantii alagaas kan humnaan jireenya isaatti aanfachuu eegale, erga garboomee booda ture.Amantii isaa ganamaa keessatti Uumaan waa hundaa Waaqa akka ta’etti amana. Waaqa malee waan biraatti hinamanu. Dhugaan waaqaa immoo kan gara dhala namaatti mulate karaa Qaalluufi Qaallittii ture. Isaan waayyuu Waaqni akka isaan raajii isaa dhala nmaaf ibsaniif laduu qaallummaan isaan uumeedha.” (Ob Dhinsaa Leephisaa, Abbaa Joobir, Gaadee, Finfinnee, bara 1997.)
Haala kana qorannoon ammayyaas ragaa baha.“Before their adoption to Christianity at the turn of 19thc and Islam the oromo people practiced their own religion. They believed in the supreme being called WAAQA ,WAQAAYO or WAAQ ,which approximates the English word God. The manifestation of the power of Waaqa through Ayaana is told to the people through Qallu’s (men) or Qalliti’s (women).”
Oromoon otuu hingarboomiin dura amantii akkamii akka qabaataa ture illee hayyuun biyya hambaa, adiin tokko illee bara dheeraa dura akkanatti ragaa bahee jira.
“M.De Almeida (1628-46) had said; “the oromo’s are neither Christians, moors nor heathens, for they have no idols to worship” even if he misinterpreted Oromo religion. But for the oromo’s Waaqa is the creator of every thing, source of all life omni present ,infinite ,he can do and undo every thing ,he is pure ,intolerant of injustice ,crime ,sin and all false hood.”
B. LADUU Waaqeffannaa
Waaqeffannaan laduu Waaqni dhala namaatiif kenneen yayyabame. Waaqni gaafa nama uume, aangoo namummaa kan dhalli namaa ittiin dhugaa Waaqaa hubatee ittiin jiraatu wajjin uume.Laduun kun Laduu Namummaafi Laduu Seera Waaqaati. Dhalli namaa cufti laduu namummaa kana beekee, Laduu Seera Waaqaatiin qajeelfamee akka ittiin jiraachuu danda’utti uumame. Haata’uutii, dhalli nmaa marti aangoo kana cufa goonfachuu dhiisuu mala. Kun kan dhufe akkaataa dhalannaafi laduu fudhannaa dhala namaa irraa madda.
Waaqni waa mara innaa uume, ayyaanaafi laduu ayyaana dhalannaa wajjin itituun nama uume. Kanneen laduu namummaa kan ayyaana laduu Qaalluu argatan akkuma jiran kanneen laduu waayyuu fudhatanis immoo njiru.Uumamni cufti adduma addaan laduu namummaafi laduu ayyaanaa argatan.Waaqni uumama mara guyyaa 27 keessatti uumee raawwate.Dhalli namaas ayyaana guyyoota 27’n keessaa tokkoo isaatiin dhalata. Kanaafuu, laduun namummaa marti tokko ta’uu dhiisuu mala. Namuu aangoo ayyaanaa kan mataa isaatii qaba.
LADUU NAMUMMAA
Didhaan dhala namaa mudachaa jiru, kan naannoo isaa marsee jiru callaa miti; kan hunda caalu keessoo isaa kan dhuunfateedha. Namumaan namaa kan qajeelfamus waan keessoo isaatiin dhiibameeti; waan naannoo isaa jiruuf deebiin inni kennu kan yaadaafi qalbii akkasumas ayyaanaafi miira isaan sukkuumameedha. Kun immoo xiyya jireenyaa kan qajeelchu waan ta’eef, madda gaarummaa dhala namaa ykn madda badummaa ta’uu danda’ee jira. Kanneen keessoo isaanii qulqullummaan guutan hunda dura waan badii of keessatti waan ajjeesaniif madda gaarummaa ta’uuf carraa bal’aa qabu. Kanneen waan badaa keessoo isaanii guute ajjeesuuf gahooman, kanneen daandii Waaqaa irra jiraniidha. Isaan kun ofittummaa waan of keessaa baasaniif waan ofii fedhan argachuuf jecha waan nama biraa hin miidhan.
Bara seera Waaqaan bulan, Laduun namummaa utubaafi dagalee jiruufi jireenya dhala namaa ture. Bara seera Waaqaa irraa maquun dhufe, garuu,bara jinfuun namummaa jiruufi jireenya dhala nmaa kan biruu micirqisaa tureedha. Barri kun akka Waaqeffannaatti, bara Badii, bara cubbuu, bara Ofittummaa ti. Bara Hidhaa fedhii dhuunfaati. Namni hidhamuufi qajeeluu kan qabu, seera Waaqaan malee fedhii dhuunfaa isaatiin ta’uu hinqabu. Bara sobaafi bara waafummaati. Nama Waaqaan bulu of fakkeessuun, waafolii tolfatanii ittiin namaafi mana daaressan; nama kaan caala of boonsuufi of tuuluuf seera waaqaa irraa maqanii, seeraafi safuu kijibaan of kuulanii jiraatu; barri waafolii bara waaqa tokkicha lagatanii, waaqolii danichaan buluun itti aadomeedha.
Waaqni akka Qaalluutti mul’isetti , dhalli namaa kan gaarummaatti galu, yoo daandii gaarummaa filateedha. Keessoon dhala namaa yoo waan gaariin guutame , ayyaana qulqulluun guutama; yeroo kana ammoo keessoo gaarummaan guutamee qajeelfamuun waan gaarummaa qabuun nama baasa; waan gaarummaa qabu akka hojjataniif nama oofa; kanaaf, namni waan gaariin guutamuuf waan gaarii yaaduufi hojjachuu qaba; gaariin gaarii dhala; yoo namummaan waan gaarummaa qabuun guutame,dhugaan namummaas waan gaaiin jiraata. Gaarummaan fedhiifi hawwii namummaa gabbisa; waan Waaqaa heduumminaan akka argatan nama godha;
“If he nourishes his inner self with gaarummaa, his real Self will remain alive.Gaarummaa widens the interests of man and links him to the whole.”
Hundeen Laduu namummaa cufaa gaarummaa dha; Gaarummaan immoo baatee jaataafi yaadaa, kan dhimbiibbaa jaalalaa, marartoo, kabajaa,fi birmannaa dhugaa keessaa bahuudha.Gaarummaa kan ittiin mul’isan keessaa tokko jaalala, marartoo, kabajaafi birmannaadha. Gaarummaan kana malees, haphee uumaafi uumama waltaasisuufi walitti itichuudha; latiinsa cufa nagaafi araaraan kan waltaasisus gaarummaadha.Tokko heddoomee, hedduun immoo kan tokkoomu gaarummaa Laduu Namummaatiin. Gaarummaa jechuun egaa, dhugaa (Uumaa) tokkicha waa cufa, uumama, keessaan mul’atuudha. Kanaaf, namni tokko yoo addummanyaa uumama mara waliin walta’ee jiraatuu fedhe, dursee laduu namummaa isaa kan madda gaarummaa ta’e waliin walta’uu qaba.keessoo isaa laduu namummaatiin guutuu qaba. Nami keessoo isaa yoo laduu namummaa, keessoo isaa wajjin yoo walta’e, ayyaana Waaqaan guutama; madda gaarummaa ta’a; Laduu olaanaa gonfata; akkanaanis gaarummaan walaabuu keessa akka guutu gochuu danda’a. Didhaa dachee kanaas kan ittiin furan seera Waaqaan jiraachuudha; Waaqeffannaa dhugeeffannaa ofii godhatanii, ittiin jiruufi jireenya ofii qajeelfachuu qaban.
“All revelations are built on Gaarummaa. For Gaarummaa is the practical way of reflecting the oneness of the origin of every thing. Gaarummaa enforces the belief that the whole world is related and fuses the mirage of the separation. Gaarummaa means that there is only one reality that is manifested in everything. Therefore, if one relates himself to the world, he will be related to his divine self. If man relates himself to the Divine, Supreme Power, he will relate himself to the whole world. “AXXX
Akka walii galaatti Oromoonni ganamaafi durii, Waaqeffattoonni ganamaa, warri akka Daaniyaa, seera ganamaatti jiraatan didhaa addunyaa kanaa furuu danda’u. Akka kanatti Waaqeffannaa kan barsiisu kanneen:
1. Laduu Namummaan dhalli namaa akka waan badaafi waan hamaa irraa fagaatu godha; Seerri laduu namummaas dachee gaarummaafi badummaa qabdu, keessaa kan dhalli namaa ittiin cubbuu irraa fagaatuudha.Cubbuu baqachuu ykn lagachuun callaan gaarummaatti nama hinbaasu, gaarummaa hojjachiifi gaarummaa yaaduun tuujuba gaarummaarra bahan; akkanaanis gaarummaa ayyaanaa argatanii, ayyaana gaarummaan raagan.
2. Akka Waaqeffannaatti dachee irra jiraachuun daandii dagaagina ayyaanaati. Kun immoo kan dhugoomu, akka seera Waaqaatti jiraatanii, Laduu namummaan guutamuun ta’a; kana kan murteessu akkaataa qajeelfama jiruufi jireenya dhala namaati; nama ilaalcha gaarummaa qabuufi keessoo isaa madda Laduu Namummaa godhateef, jiraachuun gaarummaadha.
LADUU QAALLUU
Laduu Shanan
Laduu jechuun Qaalluu jechuudha; aangoo Qaalluuti. Qaalluu Waaqatu namaa kenna. Qaalluun dur ture, bifa amma Oromiyaa bal’oo keessatti beekamu miti. Sun Qaalluu Ayyaanaati. Sun maqaa Qaalluu jedhutti hatamee/fudhatamee ittiin hojjatamaa jira.. Oromoon addaan faca’uu yeroo argan galma ijaarratee akka raagaatti waa namaa himuu illee dabalatee aadaa, seera uumamaafi hooda Oromoo eeguun kan dhufe sun Qaalluu Ayyaanaati. Jara warra ayyaanaa malee Qaalluu hinjennu, Qaalluun sana irraa adda.
Qaalluun damee shan qabdi. Kunimmoo, Yayyaba Waaqaa wajjin walitti dhufa. Yayyabni uumamaa shaniin deema. Shanan quba harkaafi quba miilla, shanan qaawwa mataa, shanan ijaarsa qaama namaa (miilla lama, harka lamafi mataa), shanan Gadaa, shanan Gogeessaa, shanan Dibbee, Qaalluu shanan (laduu shanan). Kun ijaarasa Waaqaati.Waan Waaqni Uumetu yeroo hedduu shaniin deema. Oromoon uumama isaa keessaa Waaqa biraa akeeka wa’ii ta’uu mul’isa.
Oromoon Qaalluun jalqabaa Waaqaa bu’ee jedha. Akkamiin Waaqaa bu’ee yoo jedhan, namni beeku hinjiru, bu’ee arge male.Qaalluun jalqaba Waaqaa bu’es maqaa isaa Hurrantee Dagaa ykn Hurri Dagaa jedhama. Hiikkaan isaa kan Hurrii keessaa argame jechuudha. Hurriin duumessa irraa adda yeroo ta’u olii ni ifa; jirbii fakkaatee yeroo lafa uffisu duumessi lafarraa ol siqee dukkanaa’ee bokkaa qabatee kan deemuudha.
Qaalluu kana jalqaba kan argate warra ilmaan Waayyuu Banoo kan ta’an warra Waataati. Waata aloolaa bobba’e jechuun horiin isaanii bineessa bosonaa waan ta’eef kan akka kanniisa bosonaafi kkf barbaacha bobba’anii adeemsa keessa itti dhufan jechuudha. Adeemsa kana keessa hurrii qal’attee lafaa kaatee samiitti ol duumessatti dhaabattu arganii itti dhaqani. Culka (ifa) hurufa keessatti arganii kaasuuf yeroo itti hiixatan ni dhaban; hordofanii bira yoo ga’an qabuu dadhaban. Dukkana hurrii keessaa ifa kana itti bu’uu dadhabanii guyyaa sadii itti fixe. Waan silaa qabeenya wa’ii argatan itti fakkaatte. Amma waan humni Waaqaa keessa jiraatti hubatanii nuuf hintaane jedhanii gosatti himannaaf deebi’an. Gosti dubbii dhageeffattee hayyuufi manguddoo filtee ergitee dubbiin akkasuma taate. Ammallee irraa fagaattu ni argitaa, itti hiiqxu fuudhuu hindandeessu, isaan illee fala dhabnaan raagatti dhaqanii falli himameef raaga irraa.
LADUU SEERA
Waaqeffannaan laduu seera Waaqaatiin utubamee dagalfame; dhalli namaa amantii kana fudhates laduu seera Uumaa kanaan qajeelfama. Waaqeffattooti jireenya isaanii akkanaan qajeelfatanis gaarummaa argatan.

Akka Seera Daaniyaa, kan Jireenya Amantii Waaqeffannaa Bara Innoo

Ummanni Oromoos jireenya Waaqeffannaa kana kan jalqaban waan itti jiraataniifi argan irraa ka’anii turan. Jireenyi Waaqeffattootaas seera Waaqaan gaadi’amee qajeelaa ture.
C. Madda Waaqeffannaa
1. Argaa-Dhageettii
Haalleen kunneen keessa Waaqeffannaan akkamiin jalqabe? Ammatti Argaa Dhageettii irraa waa hedduu dhagahaa jirra. Hedduun isaanii afoola bara dheeraa himamaa ture irraa kan kan maddaniidha. Kaan immoo akkaataa amantiileen biroo itti jalqaban irraa kan fudhatamee kan Waaqeffannaa waliin walmakamee himamuudha.
2. Daaniyaa: Seera Waaqaa
-kan innoon itti bulaa ture; kan Qaalluu ilaalu
-Beekumsa Qaalluu irraa argameen kan yayyabame
a. Ammaaf, Jalqaba Waaqeffannaa irratti kan irra guddaatti fudhatama argate, akkaataa Seemaa keessa kaahame keessaa kan baheedha;
Daaniyaa keessatti SEEMAAN maala jedha?
1. “Namnis Dhugaa, Qajeelaafi Gaarummaa kanaan akka bulu abboome.”
2. “Namoota keessaas Ayyaantota muude. Ayyaantummaan dhalootaan akka argamu godhe. Ayyaantonnis hayyummaafi beekumsa Waaqaan guutamanii Waaqaafi nama gidduu ta’uun iccitiifi seera Umaa-uumamaa namaaf akka hiikaniif eebbise. Kunis akkanatti ibsame; “Dhalli namaa akka Waaqni ayyaana isaaf kenneetti kennaa garaagaraa waan Waaqaa namatti ibsu dubbata; waan Waaqeffannaa wajjin waliif galu dubbata; kan kennaa kanaan guutame jabaatee garaa qulqulluun haahojjatu!” Namni rakkates gara ayyaantotaa dhaqee eebba akka fudhatu, dhibeesaa akka hiikkatu, hiikkatees Daandii Dhugaa, Qajeelaafi Gaarummaa akka argatu abboome. Ayyaantummaanis mallattoo araaraafi nagaa ta’ee akka fulla’u mul’ise.
3. “Waaqni namooti akka amantii Waaqa Tokkichaa qabaatanii Fedhiifi Seera Waaqaatti bulan godhe. Namni akka namaatti jiraachuu akka qabu itti mul’ise. Akka namaatti jiraachuufimmoo amantii Waaqa abdatan ittiin dhugeeffatan, waanta abdatanis, “dhuguma ni ta’a,” jedhanii ittiin fudhatan kenneef. Amantiin Waaqa Tokkicha, Maqaa dhibbaas Waaqeffannaadha. Waaqnis, “Waaqeffannaan amantii walaabuu, isa dhugaati; amantii walaabuu isa Yayyabaatis; Waaqeffannaan amantii beelii-belel isa ganamaati,” jechuun Ayyaantota muudamanii dhalatanitti mul’ise.”
b. Kan biraan Qaalluu jalqabaa, INNOO, tiin akka dhala namaatiif ibsaamee ittiinis buluun jalqabame Abbootiin Amantii Waaqeffannaa nu himu.
Innoon Akkamiin Waaqeffannaan buluu jalqabe?
Gaaf tokko Innoon waa arge….seera Innoo jedham; warri kaan SEERA DAANIYAA jedhan.
D. Danaa Waaqeffannaa
Amantiin addunyaa kanaa danaalee sadiin akka maddan amanama.
4. Waafoo ( Polytheism): Waaqolii Danichaatti buluu
Ayyaanoti hundi Waaqa akka ta’anitti fudhachuudha.
5. Maaroo (Pantheism): Marti Waaqota ta’uu amanuu
Uumamni cufti waaqa akka ta’anitti fudhachuudha.
6. Waaqoo (Monotheism): Waaqa Tokkichatti buluuti.Kun kan Waaqeffannaati.
Uumaan waa hundaa tokkicha ta’uu fudhachuudh. As keessatti kan xiyyeen kennameef “UUmaan waa hundaa eenyu ?”gaaffii jedhuuf. Deebiin isaa Waaqa tokkicha. Yayyabni amantii Waaqeffannaas isa kana.
E. Yayyaba Waaqeffannaa
i. Seemaa
Seera uumamaa kan Uumaan uumama cufa ayyaana 27n guyyaa 27 keesstti tolche ilaala.
Uumamni cufti ayyaana mataa isaaniin akka tolfaman, sana booda waanti cufti haaluma sanaan uumamuu akka jalqabe. Yaayyaa Shanan: Hora walaabuu kan bakka lamatti: Bishaam Gubbaa (Ruuda) fi Bishaan Goodaa (Dachee) jedhaman irraa Yaayyaa Shanan: Aduu, Ji’a, Urjii, Lafaa fi Bishaan
Ayyaana 27
ii. Daayoo Yayyaba Waaqeffannaa
Maaliif akka Waaqeffannaa yayyabatan waanti beekamu jiraa?
Waaqeffannaan Uumaa tokko; Uumamoota hedduu beeka. Uumamoota kunneen kan Uumaa waliin qunnamsiisu immoo Ayyaanota hedduu jira.
1. Waaqa Tokkicha
2. Ayyaanotaafi Ayyaantota hedduu
3. Uumamoota hedduu
Just as the other African traditional religious practices , the Oromo religious thoughts coalesce ideas about a multiplicity of spirits and those about a single supreme being.
Ilaalcha Oromoo kana maaltu walqabsiisa?
-Uumaa, Ayyaana, Uumama,
– Nama, Safuu, uumamaa
The Oromo have their own unique worldviews founded on five conceptual bases: Ayaana (spiritual connection), Uuma or Uumee (Creator,Maker), Uumama (Creature/ nature), Seera Yayyabaa (Devine Law) and Safuu (ethical and moral code). They use these concepts integrally “to explain the organization and interconnection of human, spiritual and physical worlds” . Integrated as they are, the concepts guide the Oromo people’s view of the world at large.
iii. Utubaafi Dagalee Waaqeffannaa
1. Waaqaa , Abbaa Iccitii, Umaa hundumaa,
2. Qaalluu
Nama qulqulluu seera Waaqaa hiiku, namtti himu, kan Waaqaan muudame
Madda seerotaa, madda qajeelfamaati,
Waayyuu /Raaga, Dhaha Dhooftuu, Eker Dubbistuu, Mooralaaltuu/mortuu/, Maallima /roobistuu-caamsituu/,
3. Galma/Muudaa, Eebba, Kadhaa,Dalagaa,Hurruubaa, faguu,/
4. Abdaarii, Abbaa Daarii, bakka Ulfoo, Mijjirii, Malkaa Tulluu, Odaa (sacred place/
Ardulfoo qaba; bakka qulqulluu kan Ayyaana guutuu qabu, bakka itti Waaqa kadhatan
5. Aarsaa-Qumbii
6. Dhibaayyuu
7. Muudaa
8. Hammachiisaa
iv. Waaqeffannaan jalqabaa kaasee Yayyaba Amantummaa qabaa?
Waaqa, Ayyaana, Qaalluu, Galma, Ardaa, Jila, Muuda
v. Waaqeffannaan tajaajila ayyaantummaa kennaa turee?
Qaalluun maal hojjataa ture?
-muudaa,
-eebbisaa,
Abbaan Muudaa/ Haati Muudduu jalqabaa eenyu ?
Galmi Waaqeffannaa Jalqabaa Eessa ture?
Gadaafi Qaalluun waliin turan. Abbaa Gadaa kan muudaa ture, Abbaa Muudaa ti . Kanaaf, Taa’umsa Abbaa Muudaa duraa kan ture, Galma Odaa Mormor bara 6401 ALW dura tureedha; Afrikaa Kaaba Bahaa keessaa bakka tokko ta’uu qaba.
F. Ayyaana Waaqeffannaa
Dhaanquun jireenya Waaqeffannaa, Ayyaana Waaqeffannaa, kan bara darbee, kan bara ammaafi kan bara egeree kan safaru ta’ee bakka sadiitti qoodama.
a. Ayyaana ADII
Waan darbe, Ayyaana Ekeraan yaadachuu,
Kan boqote ayyaanaafi lubbuun akka jiraatu
Mil’uu Waaqeffannaa
Waaqeffannaa keessatti waan darbe akkatti beekan qaban;seenaa, afoola ykn argaa-dhageettii, Qaalluu,Waayyuufi kkf irraa waan darbe dubbisanii beekuu nidanda’ama.

Du’aan hingalu.
a. Ayyaana DIIMAA
Waan ammaa qaama, ayyaanaafi lubbuun akka jiraatu
Magoo …..Waaqeffannaa
Argaa-dhageettii, Qaalluufi Waayyuu irraa beekuunn nidanda’ama.
b. Ayyaana GURRAACHA
Waanti egeree immoo akkatti jiraatu, waaqa malee kan beeku hinjiru,
Mul’ii Waaqeffannaa
Kun Oromoon akkamiin akka Dhahaa beeku ykn waan egere ta’u hubatee waan qajeelfatu qajeelfata isa jedhu nu hubachiisa. Oromoon mala ittiin waan egeree ilaalee beeku hedduu qaba. Ji’a, mukkeen, raammoo. Allaatti, moora,..fi kkf irraa waan egeree dubbisuufi beekuun nidanda’ama.
Oromoon akkamitti waan egeree mul’ata? Oromoon maaliin waan egeree beekuu danda’a?
The Oromo are future-oriented people. Contrary to the views12 of some writers about the African conception of time, the Oromo are not only concerned with the past and the present but also with the future. For the Oromo the past is a powerful tool for critically evaluating why we are in the present situation. The future is a powerful one to enact change. What happened in the past and what is happening in the present affects their future concerns. In light of this, I will discuss how various happenings help the Oromo to envision and make valiant efforts to build their future., Through my fieldwork, I have confirmed the observation of Baxter (1970) that the Oromo’s concern of ancestors and genealogical continuity shows that they are concerned with the future.. Baxter’s observation in the pastoral Boran conveys this fact.
No man disposes of cows and camels, even his handhuuraa [a calf given to the son at birth] without consulting his brothers. A father of a herd is a trustee, and a man who imperils his herd would be treated as a potential suicide or murderer and restrained—”Fathers of herds”, like fathers of the land or lineage heads in many African agricultural societies, or trustees, and a herd on which future generations depend for subsistence is not at the free disposal of its living “owners”. A man has no right to endanger his descendants because, as their “father”, he is responsible for their welfare (Baxter 1970, 126).
G. HOOKKOO Waaaqeffannaa
Waaqeffattooti Eeenyu? Hookkoon Waaqeffannaa maal? Hookkoon hoo maal?Amantii kana akkamiin fudhatan? Kana immoo beekuuf aadaafi seera Oromoo, ilaaluu qabna. Hookkoo Waaqeffannaa beekuudha.
Utubaafi dagalee amantii sanaa beekuudha. Akka Waaqeffannaatti kun Hookkoo Waaqeffannaa Shanan;
1.1.1 Seera /Seera Walaabuu, Seera Yayyabaa, Seera Uumaa, seera Uumamaa, Seera Namaa,/
1.1.2 Seedaa
1.1.3 Aadaa
1.1.4 Laguu
1.1.5 Safuu fi kkf keessa kan bahee ittiin qajeelfamaniidha.
Akka Gadaatti namni tokko bifa lamaan Oromoo ta’a: Dhalootaan fi Moggaasaadha. Guddifachaan garuu, lammummaa kennuufii dhiisuu mala.
Kanaaf, Waaqeffannaa akkamiin fudhatu? Akkamiin Waaqeffannaa fudhatan? Akka Waaqeffannaattis namni tokko karaa lamaan Waaqeffannaa fudhatuu danda’a. Dhalannaa fi Muudaadha.
Sirna lamaan Waaqeffannaa fudhatan:
d. Hammachiisaa
e. Muuchisaa dha.
H. Kaawoo Waaqeffannaa
Waaqeffannaa keessatti waanti guddaa Kaawoo Waaqeffannaa beekuun, ittiin jiruufi jireenya matayyaafi gamtaa qajeelfachuu danda’uudha. Waaqeffattooti dhugaas Kaawoo Waaqeffannaa tolchanii erga hubatanii booddee ittiin jiruufi jireenya matayyaas ta’ee gamtaa gaaromsan. Kaawoo Waaqeffannaa keessaa Kanneen jajjaboo Waaqeffattooti dhugaan kudhaamachuu qaban akka armaan gadiiti.
Waaqeffattooti Dhugaa:
1. Waaqa Tokkichatti amanan.
2. Beekumsa Waaqaafi Humna Isaa qofaatti amanan.
3. Umamni Waaqaa cufti hiika-qabeessa ta’uu amanan.
4. Dhalli namaa umamoota kaan caalaa gulantaa olaanaa kan qabu ta’uu amanan.
5. Namni kamuu Waaqeffataa (Waaqeffattuu) ta’uun dhalachuu amanan.
6. Namni kamuu qulqulluu ta’ee dhalachuu amanan.
7. Namni kamuu dibaabee Waaqaa jalatti nageenyaafi fayyina isaaf hojjachuu akka qabu ni’amanan.
8. Waaqni Daandii Dhugaa namatti otuu hinmul’isiin, akka nama hinadabne ni’amanan.
9. Waaqni waantota uume mara keessaa kanneen caalan gaarummaa ta’uu ni’amanan.
10. Waaqa usanii amanuu qofaan dhiisuu otuu hinta’iin beekumsa Waaqeffannaa qorannaan gabbifachuu akka qaban amanan.
Irbuun fudhatamu maal akka ta’e illee beekuu qabna.
I. Faayidaa Waaqeffannaa
Maaf Waaqeffannaa barbaanna?
Faayidaan Waaqeffannaa Maali?
Amantii maaliif barbaanna?
Madda gaarummaa dhala namaati. Madda araaraati; madda nageenyaati; Gaachana nageenyaati
J. Didhaa Waaqeffannaa
Didhaan jireenya Waaqeffannaa keessatti nu mudachuu malu hedduu ta’uu mala. Kan nama dhibu immoo didhaalee jireenyaa kunneen Waaqeffannaa keessa jiraachuun ala dursinee waanti ittiin beeknu dhabamuu isaati. Ammaaf, mee didhaalee sadan tokko haa ilaallu:
Dakoo- Nama Waaqa Tokkichatti hinamanneedha.
Dawwee- nama aadaafi seera oromootti hinbulleedha
Dhiibbaa- Alagaafi dhiibbaa bara faana dhufuu malan..
Akka walii galaatti Didhaalee jireenyaa kanneen dhiibbaa addaddaan dhufan Waaduree kitaaba Waaqeffannaa: Daaniyaa, keessaa ilaaluu nidandeenya.
“…Waaqeffattooti bara kanaa dhibee baay’een marfamanii jiru. Isaan kaan “qaroomina” addunyaan liqimsamanii Daandii Waaqaarraa maqaniiru. Isaan kaanimmoo, aadaafi amantii alaalaan dhuunfatamanii adoodaniiru. Har’a waantoti qixa mararraa gad-bubbisan dhiibbaa qaamaafi sammuu babal’isaniiru. Gama biraan, kanneen Daandii Waaqeffannaa, isa dhugaafi isa qajeelaa argachuuf dhama’an hedduudha. Isaan kunneen waan Waaqeffannaa soqachaa jiran. Waan ta’eef, isaan kanaatti birmachuun dirqama Waaqeffattootaa, kan yeroofi kan sardaati.
Har’a, Waaqeffannaaf birmachuu dhiisuun maal miidha? Gaaffiin kun gadfageenyaan ilaalamuu qaba. Dhugaa dubbiif yoo ta’e, har’a Waaqeffannaaf birmachuu dhiisuun of-balleessuudha; egeree of-wallaalchisaa dhaloota ittaanuuf kaa’anii darbuudha; kuusaafi ragaa kaleessaafi har’aa owwaalanii darbuudha; dhaloota of-dhabaa dachaadhaan baay’isuudha; Waaqeffannaa egere daraaree sanyii godhachuuf bilchaachaa jiru bishaaniifi albuuda dhoowwatanii gogsuudha; dambalii amantii Waaqeffannaa balleessuuf dhangala’aa jiruuf daandii tolchanii Waaqeffannaa daran qancarsuudha; leelloofi dagaagina Waaqeffannaa quucarsuudha.
Waaqeffattooti biroommoo, beekumsa qabaatanis barumsa hinqaban; walirraa fagoo jiran. Dubbii Waaqeffannaa beekanis, of-keessaa baasanii dhaloota egereef gumaachuuf hir’ina qaban; kaka’umsas hinqaban; nindalaga yoo jedhanis waantota gufuu isaanitti ta’an hedduu keessa jiran. Kanaaf, waan alagaa leellisaa, kan isaanii tuffachaa jiraatan. Isaan kunneenitti birmachuunis dhimma belbeltoodha.
Haala naannoo keenya marsee jiru yoo xiinxalle, waantoti hedduu yaaddessoodha; abdii kutachiisaa fakkaatanis. Waaqeffannaa waan quucarsaniifimmoo, hedduu nama dhiphisan. Waaqeffattooti dhugaa, garuu, ba’aan hanga fedhe ulfaatuyyuu harka hinkennan; waanti isaan marsee jiru dukkanaa’aa ta’us, dukkanaan duuba ifni dhugaa, qajeelaafi mo’ataa akka guutee jiru ni’amanu; ba’aafi gufuu fedheyyuu humnaafi beekumsa Waaqaan akka mo’atan ni’amanan. Waaqnis waan dhugaafi waan qajeelaa akka fiixaan baasu qalbiifi garaa qulqulluun abdatan. Abdiifi amantaa jabaa waan qabaniif, yeroo fedhe iddoo fedhetti nimo’atan; waan isaan marsee, abdii isaan kutachiisuu kajeelu maras irra aanan.
Waaqeffattooti mammaaksa tokko qaban: “Maanguddoo amantii Waaqeffannaa beekan tokko dhabuun kitaaba Waaqeffannaa dhabuudha.” Dhugaadha, Waaqeffannaan amantii seera Waaqaa yaadaafi qalbii Waaqeffattootaa keessa jiruun qajeelfamuudha; safuun cufti golee maanguddootaa keessa jira. Dubbiifi dhugaan Waaqaa iddoo halle kan jiru ta’us, namni cufti hiikkachuu dhiisuu mala. Hanga angafa tokko dhabnu, kuusaa Dhugaa Waaqeffannaa dhabna. Kana jalaa baraaruufimmoo, falli isaa hedduu ta’uu mala. Kitaaba Daaniyaa, kan Dhugaa Waaqaan guutame, kan daandii jireenyaa namatti mul’isu, kan kaawoofi daandii Waaqeffannaa mul’isuufi kan waan Waaqaafi Waaqeffannaa calalee mul’isu soneessuun mala beelii Waaqeffannaa ittiin goobsaniidha. Kana jechuun, garuu, Waaqeffattoota ofittoo ta’an, kanneen yaadaafi qalbii dhiphoo ta’an, kanneen hubannoo xinnoon dhiita’anii of-tuulan leellisna jechuu miti. Waaqeffannaan waan akkasii nimorma. Waaqeffannaan amantii beekumsatti amanuudha. Kanaaf, Daaniyaan ijabanaa Waaqeffannaati; golee dhugaa, qajeelaafi gaarummaati; gumbii Fedhiifi Seera Waaqaati.” (Madda: Waaduree Daaniyaa)
K. Fala Didhaa Waaqeffannaa
Amma haala kana erga barree booda gara waan feenuutti akka deemnu beekamaa dha.Gara san yoo deemnu hoo maaltu nu mudata? Maal tu ammallee dagaagina Waaqeffannaa gaadi’uu mala? Gaaffilee jedhaniif mala dhahuu qabna. Didhaaleen Waaqeffannaa keessatti nu mudatan akkamiin akka fala argatan beekuun adeemsa keenyaaf bu’aa guddaa qabaata.
Hanga ammaatti haalli jiru Waaqeffannaaf mijuudha? Dhiibbaan jiru hoo maali?
Dhugaadha, sirnooti garboonfattootaa akka namuu waan isaa jibbee of tuffatee kan isaanii leellisuuf waan baay’ee gochaa turan. Sababa kanaan Waaqeffannaan akka amantii waafoo ta’eetti ilaalamaa jira? Iddoo kaanitti immoo maalummaa isaa wallaaluun akka waan maratti amanuu ykn maaroo ta’etti ilaalamaa jira. Sababa kanaan namoota baay’ee biratti itti qaana’uufi of dhoksuun mul’achuu mala.
Kanaan ala dhiibbaan keessaas ta’ee ala irraa illee kan amantii biraa irraa harka lafa jalaan dhufu illee hindhabamu.
Garuu waanti beekuu qabnu tokko nijira. Namuu niyaala malee waan Waaqaa balleessuu hindanda’u. Kanaaf, yeroo sirnooti meeqaafi meeqa marganii badan Waaqeffannaan gaadi’amuun ala baduu didee kan jiraate. Yeroo Waaqeffannaan gaadii keessaa bahee madda gaarummaa ta’uu isaa mul’ise immoo kan gara bade marti akka deebi’u duraan Raagamee jira. “Gaafa dhugaan deebi’e kanneen gara badan marti deebi’uuf walsaamu.”
Waaqeffannaanis amantii madda gaarummaa kan namaa, kan sa’aa, kan hawaasaa, kan biyyaa, kan sabaa, …walumatti kan uumama maraa waan ta’eef rakkoofi didhaan cufti akka ittiin hiikamu beekamaadha. Kanaaf, Waaqeffattoonni dhugaa, kanneen Waaqeffannaa gaadii keessaa baasanii dagaagsuuf hojjataaa jiran:
1. Waaqeffannaan yeroo gaadii keessaa bahee deebi’ee dagaagu didhaa dhala namaa, kan uumama maraa akka hiikuu danda’utti qabuudha.
2. Waaqeffannaan madda gaarummaa ta’uu isaa akka beekamutti hojjachuu,
3. Waaqeffannaan amantii Waaqa tokkichatti amananii ittiin dhibee ofii hiikkatan ta’uu isaa mul’isuu,
4. Waaqeffannaan amantii waa maraaf fala ta’uu danda’u ta’uu isaa amannee gara kuteenyaan irratti hojjachuufi kkf gochuu qabna.
Akka hayyuun tokko raga bahettis, “Waaqeffannaa provides a solution to the spiritual, personal and social needs. It offers a faith based on reason, free of superstition or the need for intermediaries between oneself and Waaqaa; it actively promotes racial humanity and harmony; and its economic guidelines encourage fair exchange between rich and poor, capital and labour based on the principle of gaarummaa Waaqaa.”AXX, 2008
Akka Waaqeffattootaatti dhibdee ykn didhaa jireenyaa akkamiin irra aanna? Odaa: hundasaa hiikuu akka malutti ilaaluu: fakkeenya muka ODAA…
ODAAn nagaafi fayyaa qabu bonaafi ganna nilalisa;yeroo mara gaaddisa qaba;yeroo mara galmaafo ardaa jilaa araaraafi nagaati. Kun immoo fakkeenya amantii Waaqeffattootaati. Maddi waan gaarii kanaa immoo Waaqa tokkicha: Uumaa waa mara beekumsaafi hayyummaa isaan yayyabe, Waaqa.Fakkeenyummaa kana immoo kan argannu, kitaaba Waaqeffannaa kan ta’e, Uumama irraa ta’a; beekumsaafi hayyummaa Waaqaa waan kana tolchus kan argannu, raajiiwwan Waaqni tolche dubbisuun ta’a; maddi gaarummaa keenya egerees akkum kale sanitti akkum har’aatti WAAQIYAA ta’uun fulla’a.Warri Uumama dubbisanii Waaqiyaan guutamanis kan nutty himan, “Gaarummaan akka Odaati!” jedhu. Gaarummaan hundee jabaa qaba;damee madda gaaddisaa ta’e qaba;sanyii yeroo yeroon gahee jireemya dhala namaa gaaromsu qaba;fala araaraafi nagaa qaba; madda ardaa jilaa ta’ee gargaara.
“Odaa tree is a blessed evergreen, giving shade and bearing delicious, fragrant fruit year-round, is a parable of a balanced Waaqeffattootaa. The source of this parable is the WAAQIYAA, which says, ‘An excellent life is like a good tree whose root is firmly fixed, and whose branches reach to Walaabuu; bearing fruit in all seasons by the permission of its WAAQAA’”
GALCHA DUBBII

WABII / Madda Beekumsaa/
1. Ayyaantota Oromoo/Qaalluu/Qaallittii
2. Argaa Dhageettii?Maanguddoota Oromoo
3. Uumama mara
4. Barreeffamoota Dhimma Amantiifi Waaqeffannaa addaddaa
5. Daaniyaa fi kkf

20 comments to Waaqomsaa

  • mootii lamessa

    baay’ee natti toleeraa jajjabadhaa.seenaa keenya kana caalaa bal’isuu fi beeksisuuf duubatti hin deebi’inaa. sa’a abbaan gaafa dhahe ormi ija balleessa,
    gaaleen wal gargaartee arba hiiti,
    goondaan waltaatee laga ceeti,
    mukni tokko ni aara malee hin boba’u, kanaafuu dhalataan oromoo walta’aatii adeemaa waan hojjattan hundumaa irratti. dubbiin guddatteef harretti hin fe’anii ,jabaadhaa!!

  • nagawoo miidhaksoo

    haalan namatti tola. haa ta’uuti garuu bu’uraalee amantii irratti kan xiyyeeffattanii yerr yeroodhaan otoo barreessitanii waaqeffattoota waan hedduu barsiistu jedheen abdadhaa keessaahu gaaffiiwwan akka namni jalqabaa eessaa dhufe ,eenyu akkamiin wal hore fi kan biroo! sanarraa kan hafe jabaadhaa

  • Mootii Asmaraa[ju]

    Ayyee lammiiko, duursa kanaayyuu baga arganne, jechun ko, duraan hin qabnu jechuu osoo hintaane kan qabnu diinni waan nuharkaa bustefi. Amma immo lammiin oromoo hundi eeyyummaafi ofummaa isaa argate itti fayyaadamun dirqama ta’a.Kanaaf, amma hoggansi waaqeffattoota cimuu qaba.Aadaaleewwan arcanii bakka adda addaatti argaman san walitti fiduun dirqama ta’a.kana malees rakkina hawwaasa keessa jiruuf furmaata tokkumman kennun barbaachisaadha.Akka fkn tti;galmi,iddon hawwaalcha…gaafi duraati.waan hundaafu baayye galatoomi, umna waaqa argadhu!!!TOKKUMMAAN WAAN HUNDA!!!

    • Obbo Mootii !

      Yaada keef galata guddaa qabda. Yoo waltaanee waan waloon qabnu waliin guddifanne bakka hawwinu geenya. Aadaa fi amantiin keenya mallattoo eenyummaa keenyaati. Kanaaf bakka jirruu waan dandeenyu waliif haa gumaachinu !

      Nagaa waliin

  • Barsiisaa

    Hayyee yaa warra ofbeeku,kan safuu waaqaa lafaa eegu,kan hayyuu,ayyanaf ayyaantuu beekuu,Waaqni gurrachi garaa garbaa,tokkichi maqaa dhibaa,leemmoo garaa taliilaa isiin haa eegu jajjabadhaa!!!

  • Huta jarso

    waan gaarii hojjatanii akkanumaan itti fufa yaa warra uf beeku waaqi isin haa gargaaruu isiniin jedha;Horaa bulaa deebanaa umurii dheerradhaa .

  • haaromsaa tashoomaa

    aboo galanni keessan hin badin. yeroo maraa haala kanaan waa”ee amantii waaqeffannaa Uummata keenyaan wal osoo yaadachiisnee,jabina nuuf laata jedheetan yaada. galatoomaa!!!!!!!!!!

  • abdisa hirko

    baayee baayee gaariidha akka kanatti qophaa,uun isaa amantii kanaafis beekumsa kenna akka addunyaattiyyuu kanaaf nutis hanga humna keenya gumaata godhu qabna ,kanaaf karaa yaada waljijiru osoo argadhee baayee natti tola.finfinneen jiraadha.maatiin koo illee amantii ganamaa isaanii waliin jiru,anis isaanirraan dhaale (isinis qarsaafiqirixii qe,eedhaa hindhabiinaa)

    • Obbo Abdiisaa !

      Hunda dura nagaan Waaqaa haa dursu. Yaadaa fi hirmaannaa keef hedduu galatoomi!

      Yaada qabdu karuma marsaa kanaa nuuf erguu ni dandeessa.

      Fayyaa fi nagaa siif hawwina!

  • jechaan ittin galata keessan ibsuu nahin ga’u b.b galatoomaa dirqamaa lammuuma haalan ba’aa jirtu”EEYYEE SEENAA ABBAATU BARREEFATA”baayee jajabaadhaa yaadaan sin waliin jira.=galata uummata oromoo mara irraa qabdu “GADAAN KEENYAS HAA DEEBU!!!!!!!!!!!!!!

  • KEEBAR WALTAANAA

    ARGAA DHAGEETTII
    Gamanaa fi Gamasii

    Author : Keebar Waltaanaa

    First Edition Finfinnee, 2012 G.C

    BOQONNAA TOKKO
    1. WAAQEFFANNAA
    1.1 Waaqeffannaan Maali? ————————————————————-1
    1.2 Safuu fi Seexana———————————————————————-1
    1.3 Jannata, Azaabaa fi Ayyaana——————————————————-2
    1.4 Sagalee Waaqayyoo fi Kitaaba Amantii——————————————2
    1.5 Abboommii Kurnan——————————————————————3
    1.6 Afaan Waaqaa————————————————————————3
    1.7 Saba Filatamoo fi Eebbifamoo—————————————————-3
    1.8 Uumuu fi Moggaasuu————————————————————–3
    1.9 Boqonnaa Waaqaa——————————————————————3
    1.10 Nama jalqaba uumame———————————————————–4
    1.11 Dhaalamuu Cubbuu————————————————————–4
    1.12 Cubbamaa fi Dadhabaa———————————————————-4
    1.13 Waaqa Inaafaa——————————————————————–4
    1.14 Manaa fi Doorsisa Waaqaa—————————————————–5
    1.15 Bara dhumaa———————————————————————-5
    1.16 Soomii, Toobbannaa fi Lagannaa———————————————-5
    1.17 Amaloota Waaqaa—————————————————————-5
    1.18 Fakkeenya Waaqaa—————————————————————6
    1.19 Garbicha Waaqaa—————————————————————–6
    1.20 Waaqa Tajaajiluu—————————————————————–6
    1.21 Ergamaa Waaqaa—————————————————————–6
    1.22 Qaalluu, Qaallichaa fi Ayyaantuu———————————————-7

    BOQONNAA LAMA
    2. GANA WAAQEFFANNAA
    2.1 Dhiibbaa Amantiiwwan Alaa——————————————————– 8
    2.2 Aadaa Waaqa Kadhannaa—————————————————————9
    2.3 Aadaa Gaddaa—————————————————————————10
    2.4 Moggaasa Maqaa————————————————————————10
    2.5 Aadaa Sirbaa—————————————————————————–11
    2.6 Aadaa Nyaataaf Dhugaatii————————————————————-11
    2.7 Aadaa Uffannaa ————————————————————————-11
    2.8 Aadaa Cidhaa—————————————————————————–12
    2.9 Sirna Bulchiinsaa ————————————————————————12
    2.10 Dhimma Bineeldotaa——————————————————————-12
    BOQONNAA SADII
    3. DIRMAMMUU QALBII
    3.1 Seensa———————————————————————————–13
    3.2 Amantiin Kan Dhuunfaatii? ———————————————————-13
    3.3 Tarsimoo Sagalee Waaqaa———————————————————– 14
    3.4 Kadhaa fi Abbootii Amantaa——————————————————– 15
    3.5 Kiruuseed——————————————————————————–16
    3.6 Xabala————————————————————————————18
    3.7 Daa’immanii fi Amantii Ormaa——————————————————18
    3.8 Seeraa fi Waaqeffannaa—————————————————————20

    BOQONNAA AFUR
    4. SAGALEE WAAQAYYOO
    4.1 Sagalee Waaqayyoo fi Abbaa Gammachiis—————————————–22
    4.2 Wal Nyaachuu Waaqaa fi Namaa—————————————————-23
    4.3 Waaqa Ebeluu—————————————————————————23
    4.4 Kaballaa Maddii————————————————————————-24
    4.5 Waaqaa fi Dilbata———————————————————————–24
    4.6 Eenyuun Ilaallata?———————————————————————-24
    4.7 Kaayyoon Fiixaan Baheeraa?———————————————————-25
    4.8 Reef Eessaa?—————————————————————————–26
    4.9 Guyyaa Meeqaa?————————————————————————26
    4.10 Lammii Eessaatii?———————————————————————26
    4.11 Fedhii Moo Dirqamaani?————————————————————-26
    4.12 Of Jajjuu———————————————————————————27
    4.13 Qurxummii Lamaa fi Biddeena Shan————————————————27
    4.14 Abbaa Gara-Jabeessa——————————————————————-28
    4.15 Firii dhorkame—————————————————————————28

    BOQONNAA TOKKO
    1. WAAQEFFANNAA
    (Waaqa Aanfanna)
    March 2012 G.C
    Hubachiisa: Hordoftoonni fi hayyoonni dhimmi kun ilaallatu sirreeffama barbaachisaa ta’e gochuu ni danda’u.
    1.1 Waaqeffannaan maali?
    Amantiin Waaqeffannaa jedhamu amantii Oromoo keenyaa kan hundee ganamaati. Utuu amantiiwwan biroo biyya alaatii hin seenin dura ilaalcha uummatichi uumaa fi uumama ittiin hubatuu fi ibsu ture. Jechi waaqeffannaa jedhu “Waaqa aanfanna” kan jedhu irraa dhufe. Hordoftoonni amantichaas waan hundumarra Waaqa ofitti aanfatu jechuu dha. Waaqeffattoonni Waaqaan bulu, isaaf sagadu, isatti sagadu, isa galateeffatu, isatti amanu. Handhuurri amantichaas Waaqa jechuu dha.
    Amantiin Waaqeffannaa amantiiwwan kaan irraa adda kan isa taasisu ilaalcha mataa isaa ni qaba. Bakka itti wal fakkaatan illee ni qabu. Barsiisa amantiiwwan kana wal fakkeessan keessaa inni guddaan: Waaqni uumaa waan hundumaa akka ta’e ni amanu. Haa ta’u malee, garaagarummaa ilaalchaa dhimmoota baay’ee irratti ni qabu. Isaan keessaas muraasni kunooti.
    1.2 Safuu fi Seexana
    Waaqeffannaa keessa wanti seexana jedhamu hin jiru. Waaqeffattoonni Waaqa duwwaatti(qofatti) amanu. Akka amantiiwwan biraa Waaqaa fi seexana wal bira qabuun hin jiru. Nama kan walitti naqu seexana utuu hin taane, Safuu cabee dha jedhu Waaqeffattoonni. Safuun cabe immoo nama qofa walitti naqa utuu hin taane, sirna uumamaa illee ni jeeqa. Safuun seera; Seera uumaa fi uumamni ittiin bulanu, wal kabajanii fi karaa nagaan waliin jiraatanu. Safuun seera waaqaa lafaati. Safuun seera namni yaa’ee tumu miti; seera uumamaati malee. Safuun hin tumamu, ni kabajama malee. Safuu ilaallachuun ,eeguun fi kabajuun immoo seera uumamaati; dirqama jireenyaati. Safuu namni nama hin barsiisu; uumamaan qalbii namaa keessa jira. Nagaa fi jaalalaan wajjin jiraachuuf wanti hunduu Safuu waliif eegee jiraachuu qaba jedhu Waaqeffattoonni. Namni Safuu Waaqaa yoo kabaje Waaqni illee Safuu namaaf kabaja. Maanguddoo kabajuun Safuu dha, haadhaa fi abbaa akkasumas hangafa kabajuun Safuu dha, gaarii yaaduun, gaarii dubbachuunii fi gaarii hojjechuun Safuu dha. Dhalli namaa Safuu kanneen ilaallachuu qaba. Waaqni yeroon roobsee yeroon caamsee , nagaa fi fayyaa namaaf kennee, nama gargaaruun immoo Safuu Waaqni dhala namaaf eeguu dha. Waaqeffattoonni Safuu cabeef fala barbaadu malee badii raawwate hundaaf seexana hin faarsanu. Waaqni seexana uumee yommuu seexanichi akka fedhe nama godhu callisee ilaala jedhanii Waaqeffattoonni hin amananu. Waaqeffannaa keessatti humni tokkollee kan Waaqa qoruu danda’u hin jiru. Amantiiwwan kaan keessatti garuu seexanni dandeettii Waaqas ta’e uumamoota biroo qoruu ni qaba. Waaqni waaqeffattootaa hin qoramu, seexana uumees gadi namatti lakkisee taa’ee hin kolfu, kun Safuu dha.
    1.3 Jannataa , Azaabaa fi Ayyaana
    Waaqeffannaa keessatti jannata (gannata, mootummaa waaqayyoo) yookiin azaaba (abidda barabaraa, si’ool) wanti jedhamu hin jiru. Akka amantiiwwan kaaniitti gatiin cubbuu du’a barabaraati. Waaqeffannaa keessa du’a baroo yookaan gadura wanti jedhamu hin jiru. Duuti akkuma dhalootaa fi jireenyaa adeemsa uumamaati. Waaqni maaliif akka uumu, maaliif akka jiraachisuu fi maaliif akka ajjeesu nuti hin beeknu. Kun hojii Waaqaati. Raajii, hojii fi ogummaa Waaqaa immoo qoratanii bira gahuun hin danda’amu. Cubbuu jechuun safuu cabsuu jechuu dha. Safuun cabe hundi garuu cubbuu miti. Safuun cabee hamma qaamni miidhame hin jirretti cubbuu hin ta’u. Nama cubbuu hojjete waaqni itti dallana, namni waaqni itti dallane immoo Ayyaana Waaqaa dhaba, nama Ayyaana Waaqaa hin qabne immoo balaatu irra ga’a. Kunis kan ta’u utuma namichi lubbuudhaan lafarraa jiruuti. Ayyaana jechuun humna Waaqaa jechuu dha. Waaqni hojii isaa kan hojjetu karaa Ayyaana isaati. Nama cubbuu hojjete Waaqni du’aan booda lubbuu isaatti taphata yaanni jedhu Waaqeffannaa keessa hin jiru. Nama gaarii hojjete immoo du’aan booda lafa qananii kaa’a kan jedhu hin jiru. Addunyaa /Walaabuu(universe) kana kan waaqayyoo fi kan seexanaa jedhanii iddoo lamatti qooduun hin jiru. Walaabuun kun guutummaatti kan Waaqaati waan ta’eef. Yommuu gaariin isaan qunnamu Waaqatu nuuf godhe jedhu, yommuu gadheen isaan mudatu immoo seexanatu akkas nu godhe yookaan Waaqatu nu qoraa jira jedhu. (Division of labor and specialization?). Waaqni nama qora utuu hin taane qormaata keessa nama baasa. Yommuu Waaqni waan gaarii hojjetu seexanni eessa dhaqee? Yommuu seexanni waan gadhee hojjetu Waaqni eessa dhaqee? Waaqni nama qora taanaan hojiin seexanaa hoo maalii? Waaqni ragaa maalii funaannachuuf beellama du’aan booddeef qabataa? Du’aan booda waan jiru Waaqa duwwaatu beeka. Waaqeffannaa keessatti ni gubatta jedhanii nama doorsisuun hin jiru; mootummaa waaqayyoo dhaalta jedhaniis dhangaa abjuu nama abdachiisuun hin jiru. Namni safuu yoo ilaallate jireenya gaarii jiraata jenna.
    1.4 Sagalee Waaqayyoo fi Kitaaba Amantii
    Waaqeffannaa keessa wanti jecha (sagalee) waaqaa jedhamus ta’e kitaaba amantii kan jedhamu hin jiru. Waaqeffattoonni waaqa arganii jecha harkaa fuudhanii hin beekanu. Sagalee isaas dhaga’anii hin beekanu. Waaqa hojii, raajii, fi gaarummaa isaa ilaalanii itti amanu malee sagalee isaa dhaga’anii, jecha harkaa fuudhanii miti. Waaqeffattoonni naannoo isaanii ilaalanii hubatanii waaqa amanu, galateeffatu, malee jette jetteedhaan miti.
    Macaafa amantiis hin qabanu; waa’een waaqaa barreeffamee kan hin dhumne waan ta’eef. Yoo nan barreessa jedhanis afaan kamiin barreessuu? Hanga ammaatti kitaaba amantii Waaqeffannaa kan jedhamu hin jiru. Yoo barbaachisaa ta’e garuu waa’ee amantichaa ilaalchisee kitaaba qopheessuun ni danda’ama. Kitaabni sun garuu sagalee Waaqayyoo miti. Karaa biraatiin immoo uumamni hunduu akka kitaaba amantii waaqeffannaatti tajaajiluu ni danda’a, namni dubbisuu beeke uumama naannoo isaa irraa raajii fi kennaa waaqaa dubbisuu fi hubachuu ni danda’a waan ta’eef.
    1.5 Abboommii Kurnan
    Waaqeffannaa keessa abboommii kurnan wanti jedhamus hin jiru. Waaqni keenya kana kurnan kabajaa jedhee lakkaayee nutti kenna utuu hin taane, qalbii ittiin safuu isaa beeknee kabajnee ittiin jiraannu nuuf kenna. Itti dabalataanis, sagaleen waaqayyoo biyya alaatii kan dhufu miti. Sagaleen isaa biyya tokkotti dhaga’amee biyya kaan kan hin qaqqabne miti. Sagalee waaqaa sabni tokko dhaga’ee sabni kaan kan hin dhageenyes miti. Sagaleen waaqayyoo yeroo kamittuu bakka kamittuu ni jira jenna.
    1.6 Afaan Waaqaa
    Akka amantii waaqeffannaatti, Waaqni afaan tokko duwwaadhaan barreessee gadi hin buusu. Ofumaasaatii barreesse moo barreessituu (secretary) qaba laata? Kana jechuun afaan Waaqaa kan jedhamu ni jira jechuu dha; kun immoo fudhatama hin qabu. Afaan kamiin wal’aalee afaan tokko duwwaadhaan barreessee gadi buusaa? Maaliif saba hundumaafuu afaan isaatiin barreessee gadi hin buusne? Afaan saba tokkoo duwwaadhaan barreessee saba hundumaan immoo kana hordofaa kan jedhu waaqa akkamiitii?
    1.7 Saba Filatamoo fi Eebbifamoo
    Akka ilaalcha amantii waaqeffannaatti waaqni saba hundumaa ogummaa fi jaalala isaatiin uume waan ta’eef, saba tokkoon saba filatamoo fi eebbifamoo jedhee kaaniin immoo saree hin jedhu. Iddoo tokkoon eebbifamtuu jedhee kaaniin immoo waan biraa hin jedhu waaqni keenya. Waaqni waan hundumaa fedha isaatiin uume waan ta’eef, iddoo tokko eebbisee iddoo kaan immoo abaara jennee hin amannu.
    1.8 Uumuu fi Moggaasuu
    Amantiiwwan tokko tokko keessatti waaqni akkas jedhee moggaase yommuu jedhamu ni dhageenya. Akka amantii waaqeffannaatti waaqni ni uuma malee hin moggaasu, hin boqotus. Waaqni uumaa waan hundumaati. Dhalli namaa immoo waan waaqni uume kana kan ittiin waamu maqaa moggaasa.
    1.9 Boqonnaa Waaqaa
    Waaqni addunyaa(Walaabuu) kana guyyaa ja’a keessatti akka uumee fi guyyaa torbaffaatti akka boqote amantiiwwan barsiisanu ni jiru. Kan boqotu dadhabaa dha. Waaqni immoo dadhabaa miti. Kanaafuu, waaqeffannaa keessatti jecha boqochuu jedhu waaqaaf fayyadamuun hin ta’u, kun safuu dha. Walaabuu(universe) kana kan inni uumes waggaadhaan, ji’aan, torbaniin, guyyaadhaan, sa’aatiidhaan, daqiiqaadhaan, secondii dhaan jennee dubbachuu hin dandeenyu. Libsuu ijaa tokkoon haa uumuu, yeroo fudhatee haa uumuu, nuti beekuu hin dandeenyu. Ogummaa isa kamtu itti hir’annaan guyyaa hamma kana itti fudhataa ,maaltu sardinaanis battalumatti uuma?!
    1.10 Nama jalqaba uumame
    Namni jalqaba uumame dhiiras dhalaas miti. Ogummaa fi iccitii waaqaa bira gahuun hin danda’amu waan ta’eef, waan waaqni irraa nama uumes hin beeknu. Waaqni dhala namaa biyyoo irraa akka uume kan amanan ni jiru. Namni jalqabaa dhiira akka turee fi dhalaan immoo lafee cinaacha bitaa dhiiraa irraa akka uumamte ni amanu. Lubbu qabeeyyii fi wantoota biroo hoo maal irraa uume laata? Addunyaa dinqii kana uumee akkamitti nama immoo biyyoo irraa uumee? Waan irraa uumu dhabee nama biyyoo irraa uumaa? Kuni waaqa suphe-dhooftuu fakkeessa, Safuu!!! Silaa ta’eemmoo isumaa dubartii waan irraa uumu dhabee cinaacha dhiiraa irraa uumaa? Isumaa cinaacha bitaa, maaliif cinaacha mirgaa dhiise laata? Ogummaa isa kamtu itti hir’annaani laata? Akka amantii waaqeffannaatti waan waaqni irraa nama uume hin beeknu; uumamoota biroos yoo ta’e akkasuma. Kan inni jalqaba uume dhiiras haa ta’u dhalaa wanti nuti beeknu hin jiru. Namni jalqaba ture dhiiras dhalaas miti jedhu waaqeffatttoonni.
    1.11 Dhaalama Cubbuu
    Akka waaqeffannaatti cubbuun hin dhaalamu. Daba abbootiin keenya durii raawwataniin dhaloonni ammaa hin adabamu (hin gaafatamu). Sadarkaa dhala namaatti illee yoo ilaalle, yakka abbaan hojjeteef ilmi itti hin gaafatamu. Kana jechuun cubbuun dhalootaan yookiin dhiigaan hin daddarbu jechuu dha. Cubbuu raawwatameef kan itti gaafatamu abbuma raawwate sana dha. Amantiiwwan dhaalamuu cubbuu barsiisan ni jiru. Akka barsiisa isaaniitti daba namoonni jalqabaa raawwataniin dhaloonni ammaa adabamaa jira. Cubbuun garuu hin dhaalamu. Akkuma abbaan seeraa tokko yakka namni tokko hojjeteef nama biraa hin gaafanne, cubbuu namni tokko hojjeteefis waaqni nama biraa hin gaafatu. Waaqni dhaalamuu cubbuu dubbatus yoo jiraate hammuma abbaa seeraallee hubannoo hin qabu jechuu dha. Kun safuu dha.
    1.12 Cubbamaa fi Dadhabaa
    Dhalli namaa uumamaan cubbamaa fi dadhabaa akka ta’e amantiiwwan barsiisan ni jiru. Waaqeffannaa keessatti namni uumamaan dadhabaa fi cubbamaa dha hin jedhamu, sababiin isaas waaqni dadhabaas ta’e cubbamaa hin uumu waan ta’eef. Waaqni hanqina oogummaa waan hin qabneef haala kanaan hin uumu. Waaqni beekumsa fi ogummaa isa kam dhabee nama cubbamaa fi dadhabaa uumaa? Waaqni cubbamaa fi dadhabaa hin uumu.
    1.13 Waaqa Inaafaa
    Waaqni waaqeffattootaa inaafaa miti. Maal dhabee maal inaafaa? Eenyuttis inaafaa? Akka namaatti illee yoo ilaalle haatii fi abbaan ilmoo isaaniitti hin inaafanu. Kan inaafu nama malee waaqa miti, inaaftuu fi goomattuun diina ofiiti malee waaqa ofii miti. Waaqaan ni inaafa jechuun Safuu dha. Waaqni waaqeffattootaa tiksees hin jedhamu. Waaqni uumaa uumamootaati malee tiksee miti. Tikseen galii (galtuu) dha; ijoollee dha.
    1.14 Manaa fi Doorsisa Waaqaa
    kan jedhamus waaqeffannaa keessa hin jiru. Waaqni mana maal itti godhaa? Waaqa mana namaa kennuuf akkamitti mana ijaaruu?
    Waaqni yoo natti amanuu baattan ni gubattu hin jedhu. Yoo itti amanuu baatan maaltu itti hir’ataa? Eenyutu miidhamaa? Yoo galateeffachuu baatan maaltu itti hir’ataa? Eenyutu miidhamas? Yoo faarfachuu baatanis maaltu ta’aa?
    Waaqeffannaa keessa namni amantii kana hin fudhanne abidda bara baraatti gubatta jedhanii nama gowwoomsuu fi doorsisuun hin jiru. Karaan fayyinaa kana qofa jedhanii daandii jireenyaa namatti dhiphisuun waaqeffannaa keessa hin jiru. Amantii gowwoomsaa fi doorsisaas miti.
    Waaqeffannaa keessa yaada namaa fi kan waaqaa wal keessa fuuchuun ,waliin dhahuun , walitti makuun, waliin borcuun hin jiru. Daandiin karaa waaqaa dhiphoo, kan karaa badiisaa immoo bal’aa dha hin jedhamu. Karaan dhalli namaa hojjetuyyuuu bal’aa dha hoo maaliif karaan mana waaqaa immoo dhiphataree?
    Waaqni keenya qabeenya horachuu hin dhorku. Qabeenya kan kennu isuma waan ta’eef. Waaqeffannaan sooressa hin doorsisu, hiyyeessas hin gowwoomsu.
    1.15 Bara dhumaa
    Waaqeffannaa keessa bara dhumaa kan jedhamu hin jiru. Addunyaan (Walaabuun) kun akkuma kanaan duraa jireenya ishii itti fufti jennee amanna. Waaqni uumaa fi jiraachisaa dha malee balleessii miti. Nama dogoggoree waa hojjetetu balleessee sirreessa, waaqni immoo addunyaa kana kan uume dogoggoree miti.
    1.16 Soomii, Toobbannaa fi Lagannaa
    Waaqeffannaa keessa soomii wanti jedhamu hin jiru. Sabni keenya horii horsiisee qonna qotatee ittiin jiraata. Akkamitti waaqni horii kee kana lagadhu jedhaan? Waaqni namaa fi nyaata walitti hidhee uume akkamitti nyaata lagadhuu agabuu ooli jedha? Kun yaada namaati malee kan waaqaa miti. Toobbannaa fi lagannaa kan jedhamu garuu ni jira. Kun garuu yaada soomii jedhuu wajjin tokko miti.
    1.17 Amaloota Waaqaa
    Waaqni waaqeffattootaa hin dhalatu, hin dhalchu, abbaas ta’e haadha, ilmas waan jedhamu hin qabu, hin soomu, hin beela’u, hin boo’u, hin dheebotu, hin qoramu, hin gurguramu, hin rafu, hin qabamu, hin fan’ifamu, hin du’u. Walumaa galatti, dadhabinni dhala namaa biratti mul’atu haala kamiinuu taanaan waaqa biratti hin mul’atu. Waaqeffattoonni waaqa jaraa baay’ee kabaju waan ta’eef jechoota sasalphoo akkasii hin fayyadamanuuf. Kun amaloota dhalli namaa calaqqisiisuu dha malee kan waaqaa miti. Kana jechuun waaqni amala gonkummaa (perfection) qaba jechuu dha. Waaqni keenya intala kaadhimamtee wajjinis hin qoosu. Waaqeffataanis ofii safuu cabsee yookiin waan fedhe dhoksaatti raawwatee waaqatti hin qabatu. Keenya namnii fi waaqni wal keessa hin deemanu. Keenya namnii fi waaqni waliif Safuu dha.
    1.18 Fakkeenya Waaqaa
    Akka ilaalcha amantii waaqeffannaatti waaqni fakkaattii ofii isaatiin nama hin uumne. Namni waaqa hin fakkaatu, Waaqnis nama hin fakkaatu. Waaqa kan fakkaatu gonkumaa hin jiru. Nuti waaqa hojii isaa malee isa ijaan arginee hin beeknu waan ta’eef waan inni fakkaatus hin beeknu. Tole, nama hoo fakkaattii isaatiin uumee yoo jenne, wantoota biroo hoo fakkeenya maaliitiin uumee laata? Ogummaa waa uumuu isa kamtu itti hir’annaan fakkeenya isaatiin nama uumee? Sadarkaa dhala namaatti illee yoo ilaalle, injinaroonni illee diizaayinii baay’ee fayyadamanii hojjetu. Namni fakkii kaasu illee fakkii haala fedheen kaasuu danda’a. Maarree waaqni immoo diizaayinii ittiin nama uumu dhabee fakkii ofii isaa fayyadamaa? Waaqni fakkaattii isaatiin nama uume jechuun namnii fi waaqni yoo xiqqaate qaamaan , yoo ta’uu baate immoo waa tokkoon wal fakkatu jechuu dha. Kun immoo namaa fi waaqa wal keessa borcuu dha. Kun Waaqeffattoota biratti Safuu guddaa dha.
    1.19 Garbicha Waaqaa
    Waaqeffannaa keessatti namni garbicha waaqaa miti. Namni uumama waaqaati malee garbicha isaa miti. Garbichi kan booji’amee dha; kan bitamee fi gurguramee dha; garbichi kan mootii yookiin giiftii isaatiif hojii hojjetuu dha; mirga kan hin qabnee fi hacuucamaa dha. Waaqni garbicha nama godha utuu hin taane, garbummaa jalaa nama baasa. Waaqni hojii maalii hojjechiifachuuuf nama garboomsataa? Waaqni nama uuma malee nama hin garboomsu.
    1.20 Waaqa Tajaajiluu
    Amantii waaqeffannaa keessa waaqa tajaajiluu yaanni jedhamu hin jiru. Akkam godhanii waaqa tajaajiluu? Waaqa hunda danda’u namni akkam godhee tajaajiluu danda’aa?
    1.21 Ergamaa Waaqaa
    Waaqeffannaa keessa wanti ergamaa waaqaa jedhamus hin jiru. Waaqni waan gochuu barbaade ofuma isaatii raawwata malee nama hin ergatu. Waaqeffattoonnis maqaa ergamaa waaqaatiin nama hin gowwoomsanu. Waaqni eessa dhaquu dadhabee nama ergataa? Kan nama ergatu dadhabaa dha; rakkataa dha; dhabaa ilmoo hin qabnee dha; dhukkubsataa dha; yoo rakkatan nama ergatu. Kun immoo amala waaqaa miti. Kanaafuu yaanni ergamaa waaqaa jedhu waaqeffataa (waaqeffattuu) biratti fudhatama hin qabu.

    1.22 Qaalluu, Qaallichaa fi Ayyaantuu
    Waaqeffannaa keessatti qaalluu fi ayyaantuun gahee guddaa qabu, garuu ergamtoota waaqaati jennee hin amannu. Namoonni baay’een waa’ee qaalluu yaada dogoggoraa qabu. Gaheen warra qaalluu fi ayyaantuu baay’ee dha. Qaalluu fi Ayyaantuu jechuun akka Qeesii, Sheekii fi paasterii jechuu dha. Namoonni hubannoo hin qabne garuu Qaalluu fi Qaallichaa waliin maku. Qaallichaan yeroo keessa kan dhufee fi kan seenaa saba keenyaa wajjin wal hin qabannee akka ta’e hubatamuu qaba.

    Beekumsi maalummaa saba ofii hin mul’isne wal’aalummaa dha!

    BOQONNAA LAMA
    2. GANA WAAQEFFANNAA
    March 2012 G.C
    Barreeffamni gabaabaan kun dhiibbaa amantiiwwan biyya alaa amantii Waaqeffannaa irraan gahan kan ibsuu dha. Ganiinsaa fi dhiibbaa Waaqeffannaa irra gahe guutummaan guutuutti kan ibsu osoo hin taane, bifa guduunfaatiin kan dhiyaatee fi barreeffamoota itti aananuuf akka yaada ka’umsaatti kan tajaajilanii dha.
    Hubachiisa: Barreessaan kun haala kamiinuu amantiiwwan kaan irraa jibbas ta’e diinummaa hin qabu. Ilaalcha qaroominaa, diimokiraatawaa fi bilisa ta’e kan qabuu fi eenyummaa saba kaaniis kan kabajuu dha. Yaanni isaas “Beekaniis ta’e utuu hin beekin eenyummaa keenya irratti duuluu hin qaban” kan jedhu yommuu ta’u, Sabni keenyas eenyummaa isaatiin boonuu qaba jedha.

    Barreeffamni kun warra gubata qabuuf kan garaati, warra rafeef kan dammaqinaati.
    Dubbisa Gaarii Isiniif Haa Ta’u!!!

    2.1 Dhiibbaa Amantiiwwan Alaa
    Amantiiwwan yeroo ammaa biyya keenya keessa jiranu bakka gurguddaa lamattti qoonnee ilaaluu ni dandeenya. Isaanis: amantii hundee ganamaa fi kan yeroo keessaa jennee. Amantii yeroo keessaa kan jennu kanneen seenaa kolonii waliin wal qabatanii gara biyya keenyaa seenan yommuu ta’u, amantii hundee ganamaa kan jennu immoo tokkoon tokkoon seenaa sabaa wajjin kan wal qabatee dha. Sabni hundiyyuu seenaa, aadaa, afaan, fi amantii ofii isaa ni qaba. Haa ta’u malee, taateen seenaa keessatti mul’atu aadaa, seenaa, afaanii, fi amantii saba tokkoo ol kaasee kan isa biraa immoo gadi buusuu ni danda’a. Kuni garuu olaantummaa yookiin gadaantummaa dhugaa seenaa, aadaa, afaanii, fi amantii kanneen keessa jiru agarsiisa jechuu akka hin taane hubatamuu qaba. Saba tokkos saba biraa irraa kan ittiin addaan baasnu jarreen kana fayyadamnee akka ta’e dhugaa dhokataa miti. Kuni saba ebeluu, kun immoo abaluu kan jennu aadaa, afaan, fi amantii isaa ilaalleeti. Wantoonni biraa kan ittiin adda baasnu jiraatanus isaan kun garuu gurguddoowwani.
    Akkuma keeyyata armaan olii keessatti ibsamuuf yaalame taateen seenaa waa’ee Saba tokkoo ol kaasee kan isa kaanii immoo gadi buusuu akka danda’u ni hubatama. Kun immoo dhugaa saba tokkoo dagaagsee kan isa kaanii immoo balleessa jechuu dha. Sabni keenyas seenaa godaannisa qabu ni qaba. Dhugaan isaa gadi jalaa bu’ee kan isa biraa irratti dagaagee eenyummaa isaa booresse. Aadaa, afaanii, fi amantiin Saba keenyaa tuffatamee inni kan ormaa inni biyya alaatii dhufe iddoo buufame. Kun immoo guddina aadaa, afaanii, fi amantii keenya irratti dhiibbaa guddaa fideera. Dhaloonni baay’eenis maalummaa ofii dhiisee maalummaa ormaa dhaaluuf dirqame. Keessumaa dhiibbaan amantiin alagaa eenyummaa saba keenyaarraan gahe hammana kan hin jedhamnee dha. Amantii fi aadaa keenya barbadeessee kan ormaa akka guddisnu nu godhe.
    Amantiin keenya Waaqeffannaa kan jedhamu ture; ammas taanaan baay’inni namoota hordofanii xinnaatus ni jira. Amantii waaqa tokkichaa. Yeroo ammaa namoota xinnootu amantii kana hordofaa jira. Waaqeffattoonni waaqatti amanu, Waaqaan bulu, waaqaaf sagadu, waaqa kadhatu, waaqa galateeffatu. Dhufaatiin amantii alagaa garuu Waaqeffannaa nu jalaa ceepha’ee tuffatee isa kan biyya ormaa isa maalummaa isaa hin beekne akka fudhannu nu godhe. Kun immoo eenyummaa keenya akka dagannuu fi akka itti hin boonne nu godhee jira. Ummanni keenya dur yaa Waaq jedhee waaqa isaa kadhatu amma kunoo yaa Allaa yookiin yaa Kiristoos jedha! Allaa baruuf immoo dura afaan Arabaa barachuu qaba; Kiristoosiin baruuf immoo dura ‘’macaafa qulqulluu’’ barachuu qaba. Waaqni waaqeffattootaa garuu naannoo ofii ilaaluudhaan kan baramuu dha; dubbisuus ta’e barreessuu hin gaafatu. Amantiiwwan biyya alaatii dhufan akkuma jiranutti nu hin fayyadanu jechaa jirra utuu hin taane, nutis akkuma jaraa haaluma abbootii keenyaatiin waaqeffannee eenyummaa keenya ifa haa baasnuu dha. Kana bu’uura godhachuudhaan miidhaa (dhiibbaa) amantiin alagaa eenyummaa Saba keenyaa irraan gahee fi gahaa jiru haa ilaallu.
    2.2 Aadaa Waaqa kadhannaa
    Sabni keenya dur waan jiidhaa fi lalisaa, bokkuu, kallacha, dhaabataa fi k.k.f harkatti qabatee, malkaa bu’ee, gaaratti ol bahee, Odaa (muka guddaa) jala dhaqee, yookiin bakkuma raajiin waaqaa tokko jirutti irreeffatee waaqa isaa kadhatee galateeffatee gala. Amma garuu wantoota akka masqalii, taabota, maqoomaa, tsinaatsila, kabaroo, “macaafa qulqulluu’’, fi k.k.f harkatti qabatee gara “mana waaqaa’’ deemee waaqa isaa galateeffata. Amma kunoo “quraana samii bu’e” qabatee gara masgiidaa deemee afaan hin beekneen waaqa isaa kadhata. Eebbaa fi raamata waaqa isaa argachuufis gara dirree fagoo kan akka makkaa madiinaa, anaajinaa, yaa’a, jeerusaalem, beetelihem fa’aa deema! Dur yommuu waaqa kadhatu Sabni keenya, “yaa waaqa hangafaa, yaa ayyaana haadha kootii, yaa ayyaana abbaa kootii, yaa biyyoo biyyanaa, yaa abdaarii oddoo kanaa” fa’aa jedha ture. Amma garuu yaa yasuus Kiristoos, yaa waaqa Abraham, yaa ilma waaqayyoo, yaa ilma daawit, yaa Allah, yaa waaqa yisaaq, yaa waaqa yaaqoob, yaa waaqa israa’eel” fa’aa jedhee waaqa isaa kadhatee galateeffatee gala. Sabni keenya yommuu waaqa isaa galateeffatu “allamagan, yaa waaq si hin dhibin, yaa waaq galata kee” fa’aa jedha ture. Galata jara keenyaa amma kunoo “ gooftaa maqaan kee haa eebbifamu, Alhamdulillah” fa’aa jedha. Kana jedhee galateeffachuu isaatiin kan inni miidhamus ta’e wanti itti hir’atu hin jiru. Haa ta’u malee akka seera afaan keenyaatti Waaqaan haa eebbifamu hin jedhamu. Eenyutu waaqa eebbisaa?! Maal jedhaniis eebbisuu?! Tarii jechi kun kallattiidhaan “macaafa qulqulluu” irraa kan fudhatame waan ta’eef, macaafichi immoo macaafa afaan biraatiin barreeffamee irraa waan garagalchameef, wal hin simu. Macaafa afaan habashaa irraa “ስሙ ይባረክ፤ ስሙ የተባረከ ይሁን” kan jedhu kallattiin yommuu hiikamu, maqaan isaa haa eebbifamu kan jedhu ta’a. Afaan habashaa keessatti jechi kun miira kennuu ni danda’a, isa kana jaratu beeka. Akka keenyatti garuu, maqaan isaa haa eebbifamu hin jennu. Yaanni kunis maalummaa keenya kan mul’isu miti.
    Dhufaatiin amantii alagaa akka nuti aadaa fi amantii keenyatti qaanofnu nu gochuufis yaaleera, hamma tokkos milkaa’eeraaf. Wantoota nuti qabannee waaqa kadhannu nurkaa gataniiru, kan jaraa qabannee akka kadhannu nu godhaniiru. Waan nuti jennee waaqa kadhannu nurkaa gataniiru, kan jaraa jennee akka nuti kadhannu nu godhaniiru. Bakka nuti dhaqnee waaqa itti kadhannu nurkaa gataniiru, bakka kan jaraa deemnee akka kadhannu nu godhaniiru. Isa keenyaa ni arrabsu, ni tuffatu, ni ceepha’u; isa kan jaraa immoo mataatti baatu ; mataattis nu baachisu, yoo dinne nu doorsisu. Yommuu nuti irreeffachuuf malkaa buunu, lagatti amanu nuun jedhu; ofiimmoo cuuphaa jedhanii laga bulu. Yommuu nuti Odaa jalatti waaqeffannu mukatti amanu nuun jedhu; ofiimmoo muka soqanii dhuungatu. Yommuu nuti dhaabata boroo kaa’annee itti irreeffannu seexanatti amanu nuun jedhu; ofiimmoo maqoomaa baatanii waaqeffatu, nuti silumaa seexana eessatti beekna! Waaqa hin beekanu nuun jedhu; kan namaa fi waaqa wal keessa maku immoo jaruma. Seenaan amantii keenyaas umrii kumaan lakkaawamu utuu hin taane, umrii uumamuu dhala namaatiin kan wal qabatee dha. Abbootiin keenyas abbootii jaraa waggaa hedduun dursanii waa’ee amantii kan beekanii dha. Kanaafuu nuti waaqa ni beekna jechuu dha.
    2.3 Aadaa Gaddaa
    Sabni keenya yeroo gaddaa uffata adii uffata ture. Amma garuu uffata gurraacha uffata. Yeroo gammachuu immoo gurraacha uffata ture, amma garuu adii uffata. Diimaan immoo mallattoo bilchinaaati. Sabni keenya Waaqni gurraacha jedhee amana. Kanaaf halluu gurraachaaf jaalalaa fi kabaja guddaa qaba. Diimaan immoo bilchina agarsiisa. Fakkeenyaaf, firiin mukaa yommuu bilchaatu ni diimata. Adiin immoo mallattoo dhuma waan tokkooti. Fakkeenyaaf,bokkaan roobee yoo caame, hurriin ni addaata, abiddi boba’ee yoo dhume daaraa adii ba’a, namni dulloome haarrii baasa. Sabni keenya waan hundumaa uumamaan wal qabsiisee ilaala jechuu dha. Kanaafi egaa kan nuti “waaqa nu uumetti amanna, uumamaan waaqa kadhanna” jennuuf. Awwala ebeluu fi abaluu jedhanii lafa keenya iddoo lamattti addaan qooddatani. Yaa garaa ilmoo! Haati mucaa ishee dhabde hamma lafa awwaalaatti akka hin geggeeffanne ni dhorkamte. Boossee hirqinfattee akka hin baafannellee mucaa keetti qoraan guuraa jirta jedhanii ittuu garaa ishee hammeessu. Huggum lama dhabuu! Fira nu jalaa du’e kunoo “mana waaqaa” galchinee baasnee erga mana jala keenyee booda afaan nuti hin beekneen waan jedhan jedhu! Kan du’anirra kan dhagaa baatan jedhama mitiiree?
    2.4 Moggaasa Maqaa
    Maqaan ijoollee saba keenyaa kan akka Guyyaasaa, Roobaa, Lalisaa, Guutaa, Caaltuu, Boontuu, Bilisee, Biiftuu fa’aa ture. Maqaaleen kun kan moggaafamanuuf sababa mataa isaanii ni qabu. Yeroo ammaa garuu ijoolleen keenya Kadir, Toofiq, Faaxumaa, Raabiyaa, Walde Goorgis, Gabre Mikaa’el, Haile Maaram, Aster, Feeban, Betelem, Amaanu’eel fa’aa jedhamuu erga jalqabee dhaloota lakkoofsiseera. Utuu hubannee ilaallee maqaa keessa waan guddaatu jira. Fakkeenyaaf, daa’imni tokko erga dhalatee booda gara “mana waaqaa” deemee maqaan haaraan ba’aaf. Maqaan sun maqaa kiristinnaa jedhama. Maqaa kana kan moggaasuuf abbootii amantii alagaa sana. Maqaan nuti ijoollee keenyaaf moggaasnu hammam akka tuffatamu hubachuu barbaachisa. “Yaa saree utuu waan siin jedhan beektee kan siif kennan hin nyaaattu” jedhama mitiiree? Namni musliima hin taane tokko immoo yommuu amantii islaamaa fudhatu maqaan isaa gara afaan hojii amantichaatti jijjiirama. Kun dirqama! Namni musliima ta’e tokko maqaan isaa afaan arabaatiin ta’uun dirqama fi seera hin qaxxaamuramnee dha. Keenya hoo laata?! Jarri eenyummaa jaraatti kan boonanii fi guddisuufis jecha maqaa ijoollee jaraa afaan jaraa qofaan akka ta’u gochuurratti dabalataan, namni alagaa amantii jaraan hordofa jedhellee maqaa isaa afaan jaraatiin akka gochuu qabu akeekkachiisu. Kun immoo hammeenya jaraa utuu hin ta’in jaalala eenyummaa jaraatiif qabanu kan mul’isuu dha. Nuti hoo laata maaliif jara irraa waa hin barannuu? Nuti immoo wal’aaluma haa ta’uu ofitti qaana’uu, maqaa ijoollee keenyaa afaan keenyaan moggaasuu dhiisneerra. Namni keenya maqaa afaan keenyaan mogga’e tokko argachuuf yoo xiqqaate hamma akaakayyuutti deemuu akka qabu hundumti keenya ni beekna. Lakkii dhiiro!!!
    2.5 Aadaa Sirbaa
    Yeroo cidhaa, mana ijaarsaa, ayyaana waggaa, daadoo, daboo, fi yeruma waa gamtaan hojjetu Sabni keenya ni geerara, ni sirba, ni dhiichisa, ni geellisa, ni shubbisa, ni ragada, ni dalaga fa’aa. Kun hunduu walaloo, yeedaloo fi seera mataa isaanii qabu. Gammachuu, gadda, roorroo, abdii, gootummaa, lugnummaa, walumaa galatti wantoota jiruu fi jireenya isaa keessatti isa qunname ittiin ibsata. Kun immoo maalummaa fi eenyummaa saba tokkooti. Galata jara keenyaa amma kunoo jarri kun hunduu cubbuu dha jedhanii nu doorsisu. Cubbuu jechuun maal jechuu akka ta’e waan hin galleef nutti fakkaata. “Afaan keessan dubbachuun cubbuu dha” jechuu dhiisuu isaaniitti baay’ee isaan galateeffanna!!!!! Nuti afoola illee ni qabna. Mammaaksa, hibboo, tapha ijoollee, oduu durii (sheekkoon), seera eebbaa, abaarsaa fi kakaa, jechama, dubbii qeeqaa, ciigoo fa’aa ni qabna. Kun hundi eenyummaa keenya. Eenyummaan ofii akkamitti cubbuu ta’a! Eenyummaan keenya miidhagina keenya malee cubbuu miti.
    2.6 Aadaa Nyaataaf Dhugaatii
    Namni keenya durumaa kaasee horii horsiisee, lafa qotatee fi daldalee ittiin jiraata ture. Yoo fedhe aannan, yoo fedhes dhadhaa, yoo kajeeles foon maasiidhuma isaarraa fudhatee sa’aatii isa barbaachisetti itti fayyadama. Amma kunoo namni keenya eebbaa fi tola waaqaa argachuuf alii bu’aa loon isaa lagachuu qaba! Gaaf kaan immoo agabuu ooluu qaba! Jaalalaa fi hormaata dhiisee haadha warra isaa irraas adda buluudhaaf ni dirqame. Waaqa gara-jabeessa (a Serious God) akka waaqeffannu nu godhani! Keenya Waaqni waaqa jaalalaa fi gaarummaati(God of love and passion).Horii keenya kan marga keenya dheeddee, bishaan keenya dhuddee guddatte, foon ebeluu fi kan abaluu jedhanii addaan qooduudhaan akka nuti lagannuu fi isarras darbee akka nuti gabatee tokkotti hin nyaanne nu godhani. Ummanni keenya dhangaa dhugaatii gosa hedduu qaba. Dhugaatiin cubbuudha jedhanii nu lagani. Ummata keenyas oogummaa dhangaa qopheessuu harkaa gatani. Ummanni keenya dur adamoo adamsees nyaata isaa ni argata. Hunda hin adamsu garuu, kan nyaatamuu fi kan hin nyaatamne ni jira waan ta’eef. Kun aadaa nyaataa sabichaatiin ilaalama. Jarri sun garuu dhufanii haraama fi halaala jedhanii addaan qoodanii gara barbaadanitti nu oofu. Horii keenya nu laganii ka’anii immoo “baktii” jedhanii nu arrabsuun jaraawoo?!
    2.7 Aadaa Uffannaa
    Amantiin seera uffannaa ofii isaa ni qaba. Uffannaan sun aadaa saba sanaa mul’isa. Akkuma amantii alagaa fudhannuun aadaa uffannaa jaraas walumaan fudhanna jechuu dha. Yeroo kun ta’u immoo aadaan uffannaa keenyaa akka waan gad aanaa ta’eetti ilaalama. Kun immoo duula eenyummaa saba tokkoo barbadeessuuti.

    2.8 Aadaa Cidhaa
    Aadaan cidhaaf gaa’elaa kan saba keenyaa kan akka aseennaa, ol naqii, fa’aa ni jiru. Isaan kun tuffatamanii dagatamanii inni kan ormaa gola nu lixe. (Dhimma kana irratti ibsa barbaachisaa ta’e fuulduratti ni kennina)
    2.9 Sirna Bulchiinsaa
    Sirni bulchiinsaa keenya Sirna Gadaa jedhama. Wantoonni hawaasa keenya keessatti raawwataman hunduu akka seera Sirna Gadaatti jechuu dha. Sirni Gadaa bulchiinsaa baay’ee baay’ee dinqisiisaa ta’ee dha! Qabeenya nuti addunyaa irratti ittiin beekamnu keessaa inni guddaan Sirna Gadaatti. Waa’een bulchiinsaa Sirna Gadaa dhimma baay’ee bal’aa waan ta’eef, mata-duree of danda’e jalatti kan ibsamu ta’a. Amma kunoo seerota alagaa kan akka Sheriyaa, Qaadii, fi kanneen birootiin bakka buufamee jira.
    2.10 Dhimma Bineeldotaa
    Saree akka waardiyyaa amanamaatti qe’ee nuuf eegduun “najasa” jedhanii nu jalaa arrabsu. Guyyaa fi halkan, aduu fi bokkaa, masinoo fi yarimmoo utuu hin jedhin, beeloftus, dheebottus, quuftus kan nuuf duttu, sareen keenya hojii guddaa nuuf hojjetti. Sareen midhaan keenya guyyaa qalamee fi jaljeessa irraa, halkan immoo wangoo, xaddee fi booyyee fa’aa irraa kan nuuf eegdee nu nyaachiftu maal godhi jedhanii “najasa” jedhanii nu jalaa arrabsu?! Sareen kan isheen akkas hojjettee qorra keessa bultu itti hanqannaan immoo ittuu najasa jedhuunii?! Sangaan qote cidii nyaata jedhama mitiiree? Adurreen illee namaa wajjin bullukkoo uffattee yommuu raftu, yommuu akka ijoollee qananii ayeetuu dhugdu, yommuu namaa wajjin maaddiitti dhiyaattee nyaattu, yommuu “xahaara” yaabbattee sheekii wajjin teessu, sareen inni dutuutti sagaleen isaa hin boqonne, inni akka gootaa ciisee haadhu, daphoo cabsanii awwaara keessatti itti darbatu. Innuu yoo jedhe irraanfatamee agabuu bula! Yoo namaa nyaatu balbala jela taa’ee eegee raasee gurra isaa dhaabe illee dirri isaa kan ulee taati. Kan halkan horii waraabessaa fi waan biraa irraa eegee abbaatti gabaasu sareedha; kan aannan dhugu adurreedha. Yommuu gamtuuf dhaqee udaan ijoollee kota’uu jalqaba. Utuu ilaaluu du’aaree?! Tokko buluuf sareen udaan nyaatti kan jedhan sana. Saree keenyaan najasa hin jedhinaa!!!

    Horii abbaan gaafa cabse ormi ija jaamsa!

    BOQONNAA SADII
    3. DIRMAMMUU QALBII

    July 2012 G.C
    Hubachiisa: Barreessaan kun diinummaan amantiiwwan gidduu akka jiraatuuf osoo hintaane, namni keenya dhugaa jiru haa baruudhaafi. Kaayyoon barreessaa kanaas akka sabni keenya jibba amantii biraa qabaatuuf osoo hin taane akka sabni keenya ofis baree namas baruufi. Barreeffama kana bu’uura godhattanii haala kamiinuu namoota amantii biraa hordofan akka hin qoollifannee, akka hin tuffannee fi akka sammuu jaraa akkasumas mirga amantii jaraa akka eegdanuuf adaraa guddaan isinitti kenna. Nuti jaalalaan beekamna malee jibbaan miti waan ta’eef. yommuu amantaa waaqeffannaa beeksistanus haala sammuu namoota kaanii hin tuqneen fi haala karaa salphaan hubachiisuu danda’uun akka deemtanu adaraa fi abdii guddaan isinitti kennadha. Abdiin koo isini, naaf jajjabaadhaa! Ilaallataa ejjedhaa! Hamaa isinirraa haa qabu!

    3.1 Seensa
    Hiree fi egeree saba kanaa murteessuuf dhaloonni kun gahee hammana hin jedhamne qaba. Yeroon kun yeroo itti dhaabatanii ija ofii haxaawatanii waan hundumaa ilaalanii xiinxalanii hubatanii tarkaanfii barbaachisaa ta’e fudhatanuu dha; malee yeroo itti ija ofii itti dunuunfatanii namaan karaa natti agarsiisi jedhan akka hin taane hubatamuu qaba. Dhaloota kana irraa waan hedduutu eegama. Yeroon kun yeroo itti dhaabannee gaaffii gaafannuu dha. Tarkaanfiin jalqabaa sammuu ofiitti amanuu dha.
    Mee gara ijoo dubbii kootiitti haa seenu. Waa’ee amantii biyya keenyaa maal beekna laata? Waa hoo taajjabnee beeknaa laata? Wantoonni sammuu keenyatti gaaffii uumanii deebii quubsaa hin arganne hoo jiruu laata? Waa’ee amantii hordofaa jirruu hammam beekna laata? Waa’ee amantii kaanii hoo waa beeknaa laata? Dhimmoota kana kanin kaaseef waa malee miti. Dhimmi ani kaasee tuttuquu barbaades waa’ee amantaa Kiristaanaa, Islaamaa fi Waaqeffannaa ti. Jarri kun maali, maalis wal godhani, maaliifis dhimma marii ta’ani kan jedhu gaaffiin ka’uu mala. Mee waanan taajjabee fi hamma hubannoo fi beekaumsa kootii isiniif haa qoodu.
    3.2 Amantiin kan dhuunfaatii?
    Nan yaadadha, yeroon ijoollee ture “amantiin kan dhuunfaati” kan jedhamu nan dhaga’an ture. Ammas yaanni kun hawaasa keenya keessatti beekamaa dha. “Yaa marqaa si afuufuun siif qabbaneessuuf hin se’in si liqimsuuf malee” jedhan abbootiin keenya. Maaloo na hin nuffinaa , sheekkoon gabaabduu tokkon isinitti himaa. Sangoota sadiitu waliin jiraatu turan. Wal jaalatu, wal mararfatu, walittii hin ba’anu. Tokko burree dha, tokko gurraacha, tokko immoo diimaa dha. Waraabessi isaan nyaachuuf yeroo baay’ee gaadee dadhabe. Jarri sadanuu walittii waan hin baaneef waraabessaaf hin mijanne. Kanaafuu waa tokko male. Waan isaaniif yaade fakkeessees akkas jedheen. Jalqaba sangaa isa gurraachatti akkas jedhee hasaase, “halkan isin sadanuu iddoo tokko bultu, diinni yoo dhufe garuu sababa jaraatiin sis si miidha, ati bifni kee gurraacha waan taateef, dukkana keessa hin mul’atu, jarri garuu ni mul’atu, Kanaafuu jaraa wajjin afaan diina galuu hin qabdu, dafii maladhu, kophaa kee buli” jedhee gorse. Sangichis akkasittiin gowwoomee yommuu kophaa bulu waraabessichumti gorse sun isa nyaate. Guyyaa biraa dhaqee akkuma bare sangaa isa burree waamee gorsa wal fakkaatu kenneef . Sangaan burreen sunis lubbuu koon baraara jedhee kophaa bulee nyaatame. Dhumarrattis sangaa isa diimaa kophaatti argatee nyaate jedhan. Maarree dubbiin amantiin kan dhuunfaati jedhamu kunis sheekkoo kanaa wajjin akka wal fakkatu kan galuuf ni gala. Amantiin kan dhuunfaati kan jedhameef miseensota maatii tokkoo addaan qoodanii bittimsanii faffacaasanii bituufi. Amantiin namoota ni tokkummoomsa waan ta’eef, namoota tokkummaa qaban immoo bituun waan ulfaatuuf, akka namoonni mana tokko keessaa amantii adda addaa qabaatanitti , yaada amantiin kan dhuunfaati jedhu kana fayyadamu. Sanaan booda akkuma waraabessichaa tokko tokkon to’annaa ofii jala oolchuu dha. Gara laafessi keenya garuu waan mirgi isaa eegameef se’ee ofis dhalootas awwaale.
    Amantaan kan dhuunfaa miti, kan sabaati. Amantiin kan dhuunfaati jechuun aadaan kan dhuunfaati jechuu akka ta’e hubatamuu qaba! As irratti namoonni irra caalaan natti falmuu akka danda’an nan beeka. Namni kamiyyuu amantii fedhe hordofuuf mirga guutuu qaba, amantiin kan dhuunfaati kan jedhamuufis kanumaafi. Kun dhugaa dha. Sangoonni sadan sun addaan bahanii gargar buluun mirga isaaniiti. mirgichi garuu mirga dhugaa osoo hin taane, mirga sana dawoo godhatee balaa dhufutu jira. Utuu iccitiin gorsa waraabessaa hin galiniif mirga gargar buluu isaanii fayyadamanii dhadhaa ibidda buute ta’ani. Balaa mirgi sun fidu faayidaa mirgichi fidu harka bay’ee caala. Mirgichi kan nama dhuunfaati, balaan isaa garuu saba sana balleessa, eenyummaa fi seenaa saba sanaa gaaffii keessa galcha, saba sana garboomsa. Erga amantiin kan dhuunfaa ta’ee maaliif namni addunyaa hunduu amantii mataa isaa hinqabaanneree? Maaliif kiristaana ta’i, musliima ta’i jedhanii nama gowwwoomsuree? Waaqni ummata Arabaa illee amantaan kan saba tokkoo akka ta’e mul’isuuf qooqa arabaa fayyadamee quraana barreessee buuseef. Kiristoos illee kanuma hubachiisuuf jecha saba israa’eliif qofa akka dhufe itti hime. Amantaan eenyummaa saba ofii mul’isa. Wantoonni akka amantii, qooqaa, seenaa fi aadaalee eenyummaa saba tokkoo kan mul’isanii dha. Jarreen tarreeffaman kun tokkoon tokkoon saba dachee kana irra jiruutiif adda adda. Saba tokko isa kaan irraas kan ittiin adda baasnu jarreen kanaan akka ta’e wal nama hin gaafachiisu. Fakkeenyaaf , Sabni arabaa amantaa Islaamaa , Sabni Israa’el immoo amantii Kiristaanaa qaba. Jarumaafuu amantii yeroo keessaa akka ta’e hubatamuu qaba. Amantiin saba keenyaa immoo Waaqeffannaa dha. Seenaan amantii Waaqeffannaa seenaa uumamuu dhala namaa akka ta’e galmeen seenaa ni dubbata. Namni amantii saba isaa dhiisee kan saba biraa hordofu, beekees ta’e wal’aalee, eenyummaa isaa haalaa jira, ofitti qaana’aa jira, of ganaa jira. Nu haa baraaru jenna!
    3.3 Tarsimoo Sagalee Waaqaa

    “Kuni sagalee waaqaati” kan jedhamuuf akka namni haaluma salphaadhaan garboomee bitamee to’atamee jara jala buluufi. Yoo jecha (sagalee) waaqaati jedhame namni ni sodaata waan ta’eef, yeroo sana mala kana dawoo godhatanii waan fedhan raawwachuufi. Maarree akkuma jedhan kunoo milkaa’eefii ummaticha gara barbaadanitti oofu, anaa nyaatu. Waaqni abbootii jara sanaatti haasa’e sun maaliif abbootii keenyatti hin haasofne turee? Moo afaan keenya hin beekuu? Moo tarii nuun oodaa? Waaqa ormaa isa nuun oodu maaliif amanna nuti! Mee utuu ta’eemmoo sagaleen (jechi) waaqaa biyya alaatii dhufaa? Kan biyya alaatii dhufu sagalee waaqaa utuu hin taane, mobaayilii Chaayinaati. Waaqni inni biyya keenyaa hin haasa’uu? Duudaa dhaa? Isumaa nuti Waaqa namaa wajjin haasa’u hin beeknu, Waaqa ittiin haasofnee sagalee isaa dhageenyee amanna utuu hin taane, hojii isaa ilaalleeti. Kana egaa kan jarri kun sagalee Waaqaati jedhanii ummata keenya gowwoomsanu, doorsisanu, itti taphatanu. Sabni “macaafa qulqulluu” barreeffate sun seenaa godaannisaa qaba. Waggoota hedduudhaaf biyya isaatii godaanee qe’ee warra Misiraatti lubbuu isaa baraarrate. Achittis mirgi isaa jalaa hacuucamee dhiibbaa guddaan irra gahee ture. Roorroo sanaati tarsimoo kana akka fidanu kan isaan taasise. Kanaafuu, Sabni keenya iccitii dubbii jaraa kana hubatee afachu jechuunii qaba.
    Quraana kana waaqatu barreessee gadi buuse jechuudhaan ummata keenya haala hin taaneen gowwoomsaa akka jiranu kan ija qabu ni hubata. Yoodhuma abbaan barreessee hin beekamnu illee Waaqatti qabachuu hin qabanu. quraanni kan bareeffame afaan Arabaatiini. Kana jechuun amantiin Islaamaa saba keenya hin laallatu jechuu dha. Sabababiin isaas afaan keenyaan barreessee gadi nuuf hin buusne waan ta’eef. Waaqa afaan keenyaan beekee hin barreessinetti maaliif amannaa? Waaqa A B C D illee hin beekne akkamitti nuti waaqa keenya jennee itti amannaa? Moo tarii afaan keenya hin beeku laata? Kanaafuu Sabni keenya yommuu amantii kana hordofu baay’ee baay’ee of arrabsaa akka jiru beekuu qaba. Rabbitu(Waaqatu) barreessee yoo jedhame ummanni ni sodaata waan ta’eef, yeroo sana immoo sammuu namootaa garboomsuun itti salphata jechuu dha. Mee ilaali; yoo solaata(sagada), kadhaa fi araara waaqaa barbaadde illee afaan Arabaatiin raawwachuu qabda, kun waaqa raatuu kan afaan arabaa malee hin beekne waaqa doofaa dha jechuu dha, maal jarana aniyyuu afoonota sadii nan dubbadhahoo!!! Kanaaf yaa saba koo hin gowwoominaa! Itti dabalee immoo kan jarri jedhan waa tokkotu jira: namni arfii(qubee) quraanaa tokko dubbise waaqa irraa waan guddaa argata jedhu. Kun tooftaa qooqa jaraa ittiin babal’ifatanii guddifatanii dha. Kunis beekamuu qaba.
    3.4 Kadhaa fi Abbootii Amantaa
    Amantiiwwan yeroo ammaa dachee kana irra jiran namoota “abbootii amantaa” jedhaman kan ofii isaanii ni qabu. Fakkeenyaaf , qeesii, paasterii, tajaajilaa, imaama, sheekii, fa’aan amantaa Kiristaanaa fi Islaamaa keessatti beekamoo dha. Abbootiin amantaa kun tajaajila adda addaa hordoftoota amantichaaf kennu jedhamee amanama. Fakkeenyaaf sheekiin du’aayii kadhatee yookiin yaasina qara’ee namootaaf rabbiin kadhata. Waaqni jaraa nama quraana qara’e duwwaa dhaga’a waan ta’eef!! Paasteriin (qeesiin) immoo hordoftoota isaatiif akkasuma waaqa kadhataaf. Amantaan Waaqeffannaa akkuma amantii jara kana lachanii abbootii ofii isaa ni qaba. Fakkeenyaaf, Ayyaantuu, Qaalluu, Raagaa, Abbaa Gadaa, fi k.k.f dha. As irratti garuu garaagarummaa guddaa tokko ni qabu. Waaqeffannaa keessatti namni waaqa namaaf hin kadhatu. Hundumtuu waan garaasaa akkuma beekutti waaqa isaatti himata. Waaqatti jaarsummaa ergachuun hin jiru. Akka aadaa keenyaatti jaarsummaan kan barbaachisu waaqaaf utuu hin taane, fuudhaaf, araara fi k.k.f fa’i. Hordoftoonni amantii sana lachanii yommuu jaarsummaa waaqatti ergatan kana mattaa(gubboo) wayii kennuu qabu. Fakkeenyaaf, yeroo du’aayiin kadhatamu wantoonni akka caatii, ixaana, sandalii, indaaqqoo, daabboo, buna gaarii fi k.k.f sheekiif dhiyeessuun dirqama. Ijoolleen mana keessaa agabuu oolti malee sheekiitti waa hir’achuu hin qabu. Sheekiif iddoo addaatu kennama. Yommuu kan isa kaanii ilaallu immoo seexana baasna jedhanii, dhukkuba fayyisna jedhanii ummata gowwoomsu. Mebaa fi asraatii kaffali jedhanii humna hiyyeessaa qisaasessuun jireenya isaanii ittiin fooyyeffatu. Yoo asraatii fi mebaa kaffaltan bantiin waaqaa banamee qabeenya gadi isiniif harca’a jedhanii iyyeessa gowwoomsanii harkaa nyaatu, yoo hin kaffalle immoo qabeenya keessan akka nama gingilchaatti bishaan naqeeti jedhanii hiyyeessa hirriba malee bulchu. Midhaan warra raatuu bonaaf ganna nyaatu jedhama mitiiree?
    3.5 Kiruuseed
    Mee waa’ee lola kiruuseed ilaalla. Dhala namaa sibiilaan fixaa turani. Kiristaana hin ta’u waan jedheef. Jihaadas yoo ilaalle sanuma. Lola kiruuseed irratti kan wal lolee qabeenya fi lubbuu hammana hin jedhamne kan balleesse Waaqeffattoota utuu hin taane kiristaanaa fi musliima. Kiruuseed lola kiristaanotaa fi musliimota gidduutti geggeeffamee fi isa guddaa dha. Waraanni kiruuseed kan altokko duwwaa geggeeffame miti. Al torba adeemsifame. Waraana kiruuseed tokkoffaa, lamaffaa jedhamee hamma torbaatti jira. Kun amantii jaraa babal’ifachuuf jecha kan raawwatamee dha. Ammas taanaan wal dhabdeen amantiiwwan kana lachan gidduu haala ta’een ni jira. Waaqeffattoonni keenya garuu seenaa keessatti guyyaa tokko illee amantii jaraa babal’ifachuuf jecha lola kaasanii hin beekanu. Waaqeffattoonni seenaa keessatti guyyaa tokkollee maqaa amantiitiin jeequmsas ta’e goolii kaasanii hin beekanu, lolli maqaa waaqeffataatiin hanga har’aatti galmaa’es pilaaneetii kana irra hin jiru. Kun immoo amantii nageenyaa fi jaalalaa ta’uu isaa kan ifatti mul’isuu dha.
    Amma immoo yeroon waan jijjiirameef harka tokkotti macaafa qulqulluu baatanii harka kaanitti immoo sibiila baachuun hin baasu waan ta’eef, harka tokkotti macaafichi harka kaanitti immoo daabboo baatanii dhufani. Fakkeenyaaf, hosteelota biyya keenya keeassa jiranu yommuu ilaallu, daa’imman haadhaa fi abbaa dhaban akkasumas kanneen nama gargaaru hin qabanu jedhamanii itti amanamantu keessa jiraata. Ijoolleen hosteela keessaa sun hundi pheenxee ta’uun dirqama. Kun gargaarsa ijoollee sanaaf gaddamee godhame utuu hin taane, maqaa gargaarsaatiin hordoftoota amantichaa baay’ifachuu dha. “Sangaa okkola keessa waraanu” jedhama mitiiree? Iyyummaa ijoollee sanaa argatanii garbooomsatani. Maanguddoota keenyas akkasuma. Waldaalee gargaarsaa hedduu keessatti fayyadamaa ta’uuf dirqama amantaa ta’e tokko fudhachuu qabda. Akkuma dhuunfaatti illee yoo ilaalle hordoftoonni amantii lachanii kun nama amantii jaraa hordofeef malee harka hin diriirfatan, hin na’anuufis. Amantaa jaraa yoo hordofuu baatte nama si hin se’anu. Musliimonni yommuu raamadaana hiikaa zakaa kan kennanu nama musliima ta’ee fi kan sagadu, kan soomu fi nama diiniitti cimaa ta’e qofaafi. Kunis daabboodhaan hordoftoota bituu dha. Tooftaa amantaa sana babal’isuuti. Gochaa kanaaf baay’isanii ofitti gadduu qabu!
    Waaqeffannaa keessa gochaan gadheen akkasii hin jiru. Waaqeffannaa keessa lolaan amantaa ofii babal’isuun , yoo ta’uu baate immoo qixxaa cabaadhaan iyyeessa akka sareetti gowwoomsuun hin jiru. Waaqeffattoonni namni nu jalaa xinnate jedhanii hin yaadda’anu, nan baay’ifadha jedhaniis gochaa kabaja dhala namummaa tokkoo gadi buusu hin raawwatanu. Mudannoo koo kunoo: Hogganaan charchii tokko karoora churchichaa yommuu ibsu akkas jedhe. “Daabboo omishuuf qophoofneerra, gatiin isaa rakasa, hammi isaa guddaa dha, mallattoo charchii keenyaa immoo irra keenya, kan fedhe haa nyaatu, kan fedhe haa dhiisu” jedhe. Isin kana maal jettu? Yoo biyyaaf yaade ta’e , maaliif mallattoo charchii irra kaa’uun barbaachise? Isumaa akkam godhanii biyyaaf yaadu jarri? Yoo dubbichi milkaa’ee daabboon sun omishames hundeen daabboo sanaa qarshii iyyeessi keenya doorsifamtee kenniteedhaam! Isumaa akka seera ikonomiksiitti hamma omisha tokkoo dabalanii gatii isaa xiqqeessuun gabaa keessaa nama baasa, kisaaraa fida, mi’a dheedhii eessaa fidaniiti? Silafuu dinagdeen keenyaa hin eeyyamu, daabboo sana eessaa fidanii akkas utuu hin kassarin dhiyeessuuf karoorfatanii? Deebiin isaa salphaa dha. Iyyeessi gara laafessi gowwaan keenya dafqa isaa jaratti funaana waan ta’eef rakkoon hin jiru. Kanuma keenyaan bitamaa jirra jechuu dha.
    Waaqeffannaa keessa maqaa amantaatiin humna hiyyeessaatti taphachuun hin jiru. Abbootiin amantii Waaqeffannaa gochaa kana baay’ee balaaleffatu, hordoftootas yoo ta’an akkasuma. Kunumtillee utuu ta’ee jiruu hordoftoonni sun abbootii amantii jaraatiif kabajaa fi ulfina guddaa qabu. Kun garuu wal’aaluma yookiin sodaa hundee hin qabnee dha. Utuu dubbichi galeefii abbootii amantii jaraatiin afachumee jedhuun ture. As irratti kan nuti xiyyeeffaannaa itti kennuu barbaanne waa’ee kabajamuu abbootii amantii jaraa utuu hin taane, waa’ee tuffatamuu fi balleeffamuu abbootii amantii keenyaati. Beektota, maanguddoota fi abbootii amantaa keenyaa adamsanii nu jalaa haxaawani. Qaalluu, Ayyaantuu fi abbootiin Gadaa akka hoolaa masqalaa ciibsamanii qalamanii dhuman, akka bosonuu adamootti rasaasan funaanamani, mataan irraa aadamee salphatani, akka ilmoo hin godhanne kolaafamani, .. waa meeqa! Bokkuu, Kallacha, Siiqqee, fa’aa harkaa fuudhanii gubani. Akkasitti egaa kan abbootii amantii keenyaa baleessanii amantii keenya waaqeffannaas nu jalaa balleessan. Beektonni amantichaa dhumuun isaanii fi meeshaaleen aadaa keenya haala kanaan barbadaa’uun isaanii akka dhaloonni sun amantii Waaqeffannaa nu hin dhaalchisne waan taasiseef yeroo ammaa dhaloonni jiru kun waa’ee amantii saba isaa homaa hin beeku yoo jenne soba nama yaaddessu miti. Kan abbootii keenyaa haa hafuu kanuma ummata bal’aa yoo ilaalle illee, amantii alagaa hin barbaadu jedhee nama meeqatu laga bishaaniitti uuroo biraa dhabame, nama meeqatu bosona keessatti qoraan funaanee hidhate hankaake, meeqatu funyoo qoraaniin hidhachuuf fudhatee bahe kan morma isaa ta’e, meeqatu faasii fi dhagaraa qoraaniif fudhatee deemeen falaxamee dhume, meeqatu awwaala dhabe, meeqatu baala qoccoo kutachuu gadi bahee baala qoccoon maramee hafe, meeqatu jiraatti awwaalame,… silaa maalan godha!
    Akkasittiin Sabni keenyas faffaca’ee abbootiin amantaa keenyaas dhadhaa ibidda buute ta’ani. Amma kunoo yoo fedhan qaalluu jedhanii, yoo fedhan xonqaayii jedhanii , yoo fedhan waan fedhan jedhanii nu arrabsu, nu jalaa tuffatu. Kan jaraahoo laata akkamittiin ilaalu. Kan jaraa “abbaa, qeesii, paasterii, sheekii” fa’aa jedhanii kabajatu, ofis kabachiisu. Kanarras darbuudhaan daa’imman keenya yommuu qeesii jaraa bira ga’an muka gogaa inni baatee deemu dhuungachuuf gadi jedhanii miilla isaa akka dhuungatanu taasifamani. Jarri abbootii amantii keenyaa yommuu adamsanii fixanu, nuti immoo abbootii amantii jaraa gadi jennee yommuu miilla isaanii dhuungannu, dhiiro isin kana maal jettu, badiisi kana caale jiraa?!?! Jarri kana hundumaa nu miidhanii yeroo nuti immoo waaqa naaf kadhadhaa jennee jaratti himannu gurrattuu ni tolaa? Lakkii goolee koo dammaqaa! Jarri bokkuu, kallacha, siiqqee, dhaabataa fi caaccuu keenya nu jalaa barbadeessanii nuti immoo masqalii jaraa jala yommuu jilbeenfannu jarruu maal nuun jedhu laata?! Yeroo jarri nama seexanaa yookiin waan fedhan jedhanii nu arrabsanu nuti immoo nama waaqayyoo jennee yommuu mataarratti jara baannu karadeemaan nu dhaga’e maal jedha?! Yoo abbootii amantii keenyaa maqaa amantaatiin nama hin doorsisanu, nama hin gowwoomsanu, dafqa hiyyeessaatti silmii hin ta’anu, masqalii qabatanii karaarra dhaabatanii hin kadhatanu, koo duwwaatu gara mana waaqaa nama geessa hin jedhanu. Isa nuun jedhanu sana ofumaan haa jedhan malee.
    Bar namni keenya karuma meeqa miidhameem. Yommuu dilbata gara charchii deemu, guyyoota kaanis taanaan, mabaa fi asraatii (kurnoo) tu eeggata. Kan mabaa hin dhibu kan kurnoo garuu dirqama. Iyyeessa keenyaaf inuma game. Qoonqoo isaa bulchuuf jecha akka itti argate isatu beeka. Alii agabuu bulaa aliis oolaatuma jiraata. Alii shuroo ashaboo hin qabne nyaachuuf dirqama. Cittoorratti fanxoo jedhama mitiiree? Kunuu itti hanqannaan immoo yommuu waaqeffachuuf deemanu doorsifamu. Maal waaqni akkas dafqa iyyeessaatti taphatu kun waaqa yaabaabulaa (duuriyyee) akkamiitii?! Dubbiin kun waa’ee sirna abbaa lafaa yookiin waa’ee sirna nafxanyaa nama yaadachiisa. Waa’ee sirna abbaa lafaa seenaa biyya keenyaa keessatti yommuu ilaallu, hojjetaan (qote bulaan) omisha isaa irraa harka afur keessaa harka sadii abbaa lafaatiif galcha. Ta’uu baannaan lafa sana gadi lakkisa. Waaqni jara keenyaas sirna abbaa lafaa hordofa fakkaata. Erga waan argatan hundarra gibira galchanii maaltu haferee? Kana duwwaa seetanii? Yommuu karaarra deemu immoo “obboon” fan’oo (masqalii) guddaa tokko , dibaabee warqii (kan baay’ee bareedu), footoo wayii fa’aa qabatanii, waan saantima irratti kuusanu waa lafa hafanii karaa bira dhaabatu. Namoonni amantii sana hordofanu utuu saantima wayii hin kennin hin darbanu. Sababiin isaas keessa beekessaan wanti nama sodaachisu (doorsisu) tokko jira waan ta’eef. Akkuma isa tokkoof kennani achi siqaniin immoo kan biraas jira, kana jalaa ba’uuf namoonni dafanii gara qe’eetti deebi’uu qabu. Kun egaa guyyaa tokko lama utuu hin ta’in yeroo hunda dha. Maqaa amantaatiin dafqi iyyeessa kan abaarsaa taate! Huggum!

    3.6 Xabala
    Mee waa’ee xabalaa immoo haa ilaallu. Xaballi maalii? Abbootiin amantii tokko tokkoo bishaaniitti qaddasanii xabala godhu. Sanaan booda namni xabala sana fayyadame ni fayya. Maaliif qilleensatti qaddasanii qilleensa hundumaa xabala nuuf hin godhanuu? Silaa namni hunduu yommuu qilleensa fudhatu fayyadamaa ta’a ture. Utuu dubbannuu, warri bishaaniitti qaddasanii qulqulleessan kun utuu qilleensattis qaddasanii rakkoon “global warming and environmental pollution “yookiin faalama naannoo fi qilleensaa rakkoon jedhamu sun nuuf hir’ata ture, ni badayyuu malee! Silaa dhukkuboonni qilleensaan daddarban hunduu ni badu ture. Utuu bishaan hundumattuu deemanii nuuf qaddasanii dhukkuboonni karaa bishaanii dhufan immoo ni badu turani. Utuu waanuma hundaafuu nuuf qaddasanii addunyaan kun “jannata” taati turte! Safuun keessanibboo! Karaa biraatiin immoo charchoota deemtaniittu yoo ta’e, yommuu paasteroonni zayitii itti xalla’ame bar’uutti naqatanii adda namootaatiin tuqan ni argina. Qooda zayitiitti horii baasanu maaliif bar’uu jaraa irratti xalla’anii isumaan adda namootaa hin tuqanuu? Yookaan immoo maaliif qilleensumatti xalla’anii haala salphaadhaan addunyaaf hin ta’an? Dubbiin zayitii kun waa lama sadii dha. Tokkoffaa, saantima nama baasisa. Lamaffaa, yoo namichi dibaa jiru sun dogoggoree ijatti buuse, baay’ee nama guba. Kan na mudate tokko isinitti haa himu. Guyyaa tokko utuma zayitii adda namootaatti dibaa jiruu, paasterichi ija intalaatti buuse. Sanaan booda intalli “wayyoo ijakoo!” jettee iyyuutti kaate. Dubbicha nama sana hunda keessaa kan hubate tokkollee waan jiru natti hin fakkaatu. Alumaseen ijasee haxaawachaa iyyuu jalqabdu, seexanatu keessaa iyyaa jira jedhanii qabanii lafarraa gangalchuutti ka’an. Isa isheen ijakoo jettu illee namni qalbeeffate hin jiru. Kun baay’ee kan nama gaddisiisuu dha.

    3.7 Daa’immanii fi Amantii Ormaa
    Akka ibsa barreessaa kanaatti amantii ormaa jechuun amantaa kiristaanaa fi islaamaa jechuu dha. Amantiiwwan kun lachan dhala namaa daa’imummaadhumaa kaasanii sammuu jaraa garboomsu. Kun sababa mataa isaa qaba: namni waan ijoollummaatti qabe salphaatti gadi hin dhiisu waan ta’eef erga of baree booda harkaa ba’uu hin danda’u jedhamee waan yaadamuufi. Daa’imman duwwaa osoo hin taane, namoota gorora liqimsan illee haala salphaadhaan qalbii jaraa hatanii jilbeenfachiisu. Daa’imni tokko yeroo dhalatu gara “mana waaqaa” geessanii cuuphu. Achittis maqaa haaraa moggaasuuf. maqaan sun maqaa kiristinnaa jedhama. Daa’imni sun kiristinnaa ka’e jedhama. Akka ilaalcha jaraatti daa’imni sun hordofaa amantii jaraa ta’eera jechuu dha. Daa’ima guyyaa afurtamaa yoo durba taate immoo kan guyyaa saddeettamaa maal godhi jedhanii cuuphanii kiristaana godhuu? Erga akkas ta’ee maaliif yeroo jabbiin dhalattufaa kiristinnaa hin kaasanuu?! Maaliif yeroo biqiltuun biqilu kiristinnaa hin kaasanuu?! Maalumaafuu waa’een daa’imman sanaa garaa nama nyaata. Mee kan nama isa of bares haa ilaallu. Yommuu musliima ta’u maqaan isaa ni jijjiirama. Ana kan na dhibe waa tokkotu jira: haati fi abbaan koo warri na godhatan aadaa fi duudhaa abbootii keenyaa eeganii salganitti maqaa naaf moggaasaniiru. Maalummaa isaatiif alagaan immoo maqaa haaraa na moggaasaa?! Na guddifachuuf kan gidiraa meeqa argu haadhaa fi abbaa kooti, mirga maqaa haaraa na moggaasuu fi aangoo karaa waaqaarra na buusuu eessa haadha jaraatii fidanii?! Haati fi abbaan kooyyuu wal’aaluma jaraatiif malee silaa mucaa jaraa maaliif orma itti taphachiisu! Kan haati koo kophaa isee akka haadhaas taatee akka abbaas taatee waa meeqa argitee na guddistetti sheekiin dhufee quba koo qabee maqaa koo na geeddare (Kun seenaa dhugaa kooti). Kuni dhimma baay’ee garaa nama gubuu dha. Daa’imman utuu mana barumsaa hin galin illee gara mana quraanaa deemuudhaan sammuu isaanii isa qulqulluu sana afaan hin beekneen….. Utuu waan qara’an sana hiikuma isaallee beekanii maa garaa nama guba. Utuu sammuu daa’imummaa sanaan waa’ee saba ofii barsiisanii bu’aa guddaa qaba ture. Kan amma itti jiramu garbummaa sammuu fi barbadaa’uu eenyummaa ofii malee bu’aa biraa akka hin qabne jaamaatu arga. Itti dabalataanis daa’imman keenya qeesii, sheekii, paasterii fi tajaajilaa akka waaqaatti ilaalanii akka guddatan taasifamu. Haa bulu, yoo hunda dubbatan garaan duwwaatti hafa jedhuu, garaan udaaniyyuu hin baata jedhu yeroo mammaakanu.
    Akka Heera Sirna Gadaattis ta’e akka Waaqeffannaatti haala kanaan nama garboomsuun hin jiru. Sabni keenya daa’imman utuu jarri of hin barin garboomsa utuu hin taane, daa’ima maatii dhabde yookiin kan maatiin waa rakkate illee haala baay’ee namatti toluu fi haala mirga daa’ima sanaa hin tuqneen adeemsa Guddifachaa jedhamuun guddisa. Guddifachaadhaan daa’ima sana akka ilmoo isaatti guddisa malee Sabni keenya hin garboomsu. Jarri garuu maqaa amantiitiin nama garboomsu. Sabni keenya lola keessatti illee yommuu diina isaa booji’u, hin ajjeesus, miidhaa qaamaas ta’e kan sammuu diina qabame sana irraan hin ga’u. Booji’e jedhee Sabni keenya diina isaa akka fedhe hin godhu, Sabni keenya diina isaatiif illee gara laafessaa. Yommuu diina isaa booji’ee of harka galchu kophaa kaa’ee achitti kunuunsa. Nyaata, dhugaatii, uffannaa fi wantoota jireenya dhala namaaf barbaachisan hunda hamma danda’ameefitti ni guutaaf. Diinni booji’ame sun ummata booji’e sanaa wajjin mirga wal qixxee qaba. Dhiibbaan mirgaa tokkollee irra hin ga’u. Gareen loltoota booji’aman sanaa yoo dhufanii namoota keenya nuuf deebisaa jedhan , karaa nagaadhaan namoonni booji’aman sun deebi’uuf. Yoo hamma waggaa lamaatti gareen yookiin firoonni namoota booji’aman sanaa dhufanii gaafachuu baatan yookiin yoo dhabaman saba keenyatti makamu jechuu dha. Adeemsi kun Oromoomsuu jedhama. Haala kanaan diina sana saba ofiitti makanii nageenyaa fi jaalalaan wajjin jiraatu jechuu dha. Guyyaa sanaa kaasee diina sana saba sanarraa adda baasee kan ilaalu hin jiru. Egaa Sabni keenya saba dinqisiisaa akkasiiti, isa amma alagaan faallaa kanaa nurratti raawwatu miti. Garuu itti hin muramus ,eessa abbaa ishiitti nu beekti, keessa namaa hin beektuu keessa qabattee namaa laatti kan jedhan sana.

    3.8 Seeraa fi Waaqeffannaa
    Waaqeffannaan abidda waggoota dhibba tokkoo fi soddomaa olii dandamatee har’a gahe. Haa xiqqaatuu qoxoon Waaqeffannaa illee akka har’a nu bira gahuuf lammiiwwan miliyoonotaan lakkaawaman aarsaa hadhaawaa kanfalaniiru. Harcaatuu Waaqeffannaa dhaloota kana dhaalchisuuf abbootiin, maanguddoonnii fi beektonni keenya lafeen jaraa akka qoraan bonaa caccabee boba’eera, dhiigni isaanii akka bishaan gannaa bubbisee yaa’eera, foon isaanii akka qoonxaatti jaji’ameera, Walumaagalatti aarsaa hammana hin jedhamne kanfalaniiru. Kun nuuf hiika guddaa qaba. Gatiin kun hundi kan itti bahee nu bira gahe haala salphaan ilaaluu hin qabnu. Waggoota dhibba tokkoo fi soddomaa oliif erga daangaan keenya kolonii alagaa jalatti kuftee kaasee hanga har’aatti duulli wal irraa hin cinne amantaa Waaqeffannaa keenyaa irratti geggeeffamaa jira. Abadan, amantichi immoo amantii dhugaa hundee ganamaa waan ta’eef badee hin badu, ijji baddus iddoon ijaa hin baddu. Bar humnumaan saba keenya amantii isaa jijjiraniiti malee lafee fi dhuki nama keenyaa Waaqeffataadhumaa! Kana mirkaneessuuf immoo salphaadhumatti maanguddoota keenya lubbuun jiranu gaafachuu fi galmee seenaa ilaaluun gahaa dha. Namni hawaasicha ilaalee xiinxaluu danda’u illee dhugaa kana ni hubata.

    Hundumarra kan nama gaddisiisu immoo amantiin keenya kun mirga seeraan mirkanaa’eef dhabuu isaati. Sirna amma jiru qofa osoo hin taane sirnoonni darban illee dhiibbaa fi hacuuccaa amantaa kana irraan gahaa turani. Mee kan sirna kanaa hin caalin! Lafa keenyarratti, qe’ee keenyarratti mirga amantii keenya geggeeffachuu dhabne! Yeroo ormi qe’eetti nu galee amantii isaa nurratti babal’ifatu mirga ta’ee yommuu nuti immoo qe’ee keenyatti kan keenya geggeeffannu yakka ta’e! Yeroo ammaa akkuma guutuu biyyattiitti masgiidota kumaatamaan lakkaawamantu jiru, bataskaannii fi charchoonni kuma dhiibbaan akka lakkaawamanu hundumti keenyayyuu ni beekna. Galmi Waaqeffannaa immoo tokkollee hin jiru. Amantii Waaqeffannaa geggeeffachuuf seerri waan nu dhorkuuf galma Waaqeffannaa qabaachuu hin dandeenye. Maaliif seerri nu dhorka kan jedhu kan itti deemaa jirru ta’a. Heera biyyattii irratti illee mirgi amantii haalaan mirkanaa’ee utuu jiruu nuti immoo maaliif akka mirga kana dhabne waaq haa beeku. Waggoota xiqqoon dura mirgi amantii kanaa akka nuuf eegamuuf qaama dhimmi kun ilaallatutti iyyannee turre. Heera biyyattiirra mirgi amantii jira waan ta’eef akkuma ta’etti bu’aa bayii baay’ee booda nuuf eeyyamame. Haa ta’u malee battaluma sana amantii kana akka hin

    • Obbo Keebar Waltaanaa!

      Waan hunda dura nagaan Waaqaa haa dursu. Dhimma Aadaa Oromoo fi Waaqeffannaa irratti qorannoo bal’aa hojjettee marsaa Waaqeffannaa irratti nuuf erguu keef galata guddaa qabda. Hojii bareeda. Burqaan walitti qabmtee Galaana taati akka jedhan sana barreeffamni karaa adda addaa hayyootaa fi beektotaan katabamaa jiru walitti cuunfamee fuula dura Barruu Qajeelfama Waaqeffannaaf bu’uura ta’a. Obbo Keebar ! maqaan keetuu ergaa guddaa qaba. Mee Waaqayyo waan keenya nu haa barsiisu. Atillee nuuf jajjabaadhu! Barruu keerraa namni hedduun akka waa baratu abdiin qaba. Fuula duras akkasuma harka si eegna.

      Nagaa waliin

  • Kuusaa jireenyaa

    barressaa oguma guddaa qabudha ati.jabaadhu itti fufi.

  • anuma dagatin

    Yaa barreessaa nana JAALATAMUUF jettee dhugaa jiru hin dabsin

  • Qananii

    Amantaa Oromoo irratti Hayyoonni quuqama sabummaa qaban hundifuula isaanii gara kanatti deebisuu qabu akkuma amantoota biroo barreeffamaan dhalootaa dhalootaatti akka dabru godhamuu waan qabuuf jabaadhaa jajjabaadhaa!!!!!

  • Moyeebul Loleemoy

    Diinni sabichaa sabicha bitee gabrummaasaa itti cimsuuf kan inni fudhatee itti dhufe amantaa ormaati isin immoo oromoon akka ofbeekuuf(oromoon)waan gootaniif oromummaa biraa galata guddaa qabdu

  • liiban waliso

    baay’ee namatti tola eenyummaa keenyaa haalaan nu barsiisa maaloo adaraa keessan kitaaba maxxansaati akka dhalataan keenya dubbisu taasisaa. amantoota kaan akka sabni keenya dhaalu kan taasise barreefam kitaaba garagaraati ummanni keenya dhugaa qabaaf gara amantii fi aadaa ormaatti sokke maaliif yoo jettan maal haa dubbisaniree ? afaan qofaa osoo hin taane kitaabni maxxanfamee namni akka dubbisu baay’ee murteessaadha. akkaataa itti amantii fi aadaan ormaa babal’te yoo ilaalle kitaabota garaa garaa raabsuudhaan nama baay’ee dogoggorsuu danda’eera.

    • Hayyee, yaada keef galatoomi. Dhimma kana ilaalchisee, kitaabota kan akka Daaniyaa, Yaayyaa, Ilaalcha Oromoo fi kan gidduu kana bahe Kudhaama Seenaa barbaadii dubbisi.

      Nagaa waliin

  • Eba Waqkene

    akka demmati neti weawan fitte
    ya sebeko oromo ken offyy dhistee
    kenbirra hinarihin
    bayee baye esingeletefedhaa
    etti fuufaa

Leave a Reply

  

  

  

You can use these HTML tags

<a href="" title=""> <abbr title=""> <acronym title=""> <b> <blockquote cite=""> <cite> <code> <del datetime=""> <em> <i> <q cite=""> <strike> <strong>