2013 Irreechaa

August 2014
M T W T F S S
28 29 30 31 1 2 3
4 5 6 7 8 9 10
11 12 13 14 15 16 17
18 19 20 21 22 23 24
25 26 27 28 29 30 31

Category Key

  • General

World Irreecha Events

Irreechaa 2013

  • September 30, 2012 – Irreechaa: The Oromo National Thanksgiving Day
    N/A, General
  • September 29, 2013 – Irreechaa Festival 2013
    11:00 am, General
  • September 29, 2013 – Welcome to the coming 2013 Irreechaa!
    11:00 am, General
  • October 5, 2014 – Irreechaa Festival 2014
    11:00 am, General

Waaqomsaa

http://www.youtube.com/user/Waaqomsaa

6 comments to Waaqomsaa

  • lammii shunaa

    waaqni faaruu moggaasee
    eebba nama badhaase
    yawaaqako hadaraa
    galmi hanekee masara
    samii kuula sararaa
    maqaankee namarara
    ulfaataa barabaraa
    balaa bara hundarraa
    nubaraari hadaraa.
    lammii

  • Abbabaa Booyidoo

    Waaqan yaama, waaqan yaamaa baree
    ni awwaata, ni awwataa baree
    Lemmoon yaama, lemmoon yaamaa baree
    nii awwaata, nii awwaata baree
    yaa ijaa miilaakoo siinan olee galaa
    yaa dhihaa barihaa koo siinan olee galaa

  • Misganu Guluma Ambo University Ethiopia)

    Seensa

    Oromoon afoolaawwan hedduu kan ittiin aadaafi seenaasaa akkasumas, eenyummaasaa afaaniinis ta’ee barreeffamaan dhalootaa dhalootatti ittiin dabarsu niqaba. Isaan keessaa
    Kadhaan waaqaa isa tokkoodha. Innis yeroofi bakka adda addaatti kan raawwatu yemmuu ta’u sirna ittiin raawwatu kan mataasaa qaba. Fakkeenyaaf kadhaa waaqaa kan yeroo irreechaa taasifamu yoo ilaalle maanguddoonni marga jiituu, coqorsaafi ilillii qabataniiti kadhatu. Kunis akka aadaa Oromootti kan inni agarsiisu nageenyaafi hawwii gaarii qabaachuu isaati.

    Kadhaan waaqaa caliseetuma bifa walfakkaatuun kan adeemsi famu osoo hin taane kaayyoo adeemsifamuuf (kadhatamuuf) irratti hundaa’ee gargar ta’a. Kana jechuunis kadhaan waaqaa yeroo Irreechaa taasifamuufi yeroo fuudhaafi heerumaa taasifamu garaagara ta’uusaati. Haaluma kanaan nutis akka maddoota hawaasaa keessaa argannerraatti hundaa’uun gosoota garaagaraatti qooduuf yaaleerra. Isaanis kanneen armaan gadiitti eeraman of keessatti hammatu. Kadhaa waaqaa kan Yeroo Arfaasaa duraa, Birraan bari’uu, masqalaa, irreechaa, Beelaa, Sirna Gadaa, Gumaa, Ayyaantuu, kabaja Ayyaana looniifi k.k.f eeruuf yaaleerra.

    MAALUMMAA KADHAA WAAQAA
    Kadhaan waaqaa wanta barbaannuufi hawwinu akkasumas, wanta dursee nuu godheefis, galata waaqaa kan ittiin galchiinu yoo ta’u, oromoon seera mataasaa kan kadhaa waaqaa ni qaba. Seerri kunis dubartiin okolee, siiqqeefi irreecha dhiirri waddeechaafi irreecha, qabachuudhaan bahanii kadhatu. Oromoon kadhaa isaa keessatti kan dursa kennuuf nagaya, roobaa fi fayyaa akka ta’e ni beekama.

    Oromoon akka maatiitti walga’anii waaqa haadhaafi abbaa yookiin ayyaana isaanii yaadachuufi kadhachuudhaan nagaa fi badhaadhina maatii maraafuu akka kennu gaafata.

    Oromoon yeroo waaqa kadhatu gamtaadhaanis ta’ee akka maatii fi dhuunfaadhaan waaqa kan kadhatu yoo ta’u, gamtaadhaan malkaafi tulluutti bahuudhaan hongee, dhukkubnii fi waraanni yoo jiraate akka isaan baraaru kadhata.

    Egaa akkuma waa’ee kadhaa waaqaa ilaalchisee Oromoon akkamitti akka waaqa kadhatu, waa’ee eebbaa ilaaluunis dirqama ta’a. Sababiinsaas, kadhaan waaqaafi eebbi akka barruu harkaa keessaafi duubaatti waan ilaalamaniif. Kana jechuunis Oromoon akkuma gama rakkoo isaafi wantoota isa mudataniin waaqa kadhatu wantoota gaariifi barbaachisoo ta’an hawaasa bal’aafi yookaan nama dhuunfaaf hawwii qabu waaqni akka isaaniif guutuuf eebba ni taasisa. Walumaagalatti, kadhaan waaqaafi eebbi wal qabatanii deemu.

    2. Gosoota kadhaa waaqaa
    Oromoon yeroo waaqa kadhaatu haalaafi yeroo adda addaa keessatti kan taasifamuudha. Kunis gosoota gosoota adda addaa qaba.

    2.1. Yeroo Arfaasaa Dura
    Waqtiin kun waqtii roobni gaariin jiru qotee bulaan lafa qotee
    Sanyii adda addaa facaafatuudha. Yeroo kanas akkas jedhee waaqa isaa kadhata.
    Yaa waaqi cimaaddii naa camaddee kana gateettii naa jabeessi
    Sangaa camadame gateettii naa jabeessi
    Gabaree hordaa qabate hordaarratti naa jabeessi
    Isa gindii qabate humna jabinaa laadhuufi
    Humna gur’uu humna kenniifi
    Kan facaafadhe gurra arfaniin na magarsi
    Qaqqabsiisii naa laadhu

    Horii koo nagaan bobbaasii na galchi
    Kan dheedu sifaa naaf godhiifi
    Ganna nagaan na baasi
    Birraa adii nagaan na baasi
    Maaatii fi waatii koo wajjiin
    Karra koo wajjiin

    Nagaa naaf kenni
    Nagaan na baasi
    Raafamaa fi daafamaa nurraa qabi
    Nama nagaa nutti qabi
    Dukkana gannaa nagaan na baasi
    Sa’aa namaa nagaa naa kenni
    Karra kootiifi nagaa naa kenni
    Ilmoo kootiif nagaa naa godhi
    Kaniin qootadhe nagaan naa laadhu.
    2.2. Yeroo Birraan Bari’u
    Yeroo birraan bari’u jechuunis yeroo ganna dukkana keessa darbee barii birraa ga’u waan jedhee waaqa kadhatu qaba. Innis akka armaan gadiitti.

    Yaa waaqi nagaan dukkaana gannaa na baastee galata
    Birraa booqaatti na baastee galata
    Saani koo nagaan bahee galata
    Ilmoon koo nagaan bahee galata
    Kan sa’aa deemu sababa nabaasi
    Kan namaa deemu sababa na baasi
    Sanyii naa magarsite kana na qaqqabsiisi
    Idaa arrabni fidu na baasi
    Idaa ijji fidu na baasi
    Idaa harki fidu na baasi

    Kanin argee gojobadhe qaqqabsiisii naa laadhu
    Barakaa naa godhi
    Baarkii naa godhi
    Maaddii naa godhii
    Ijoollee koo wajjiin na nyaachisi
    Ollaa gandaan nagaa naa kenni

    2.3. Masqala
    Oromoon yeroo birraan bari’u akkuma waaqa kadhatu yeroo masqalaa jechuunis yeroo ibsaa birraa gadi baasu waan jedhee waaqa kadhatu qaba. Masqala inni jennus isaduri abbootiin ibsaa birraa jedhaniidha. Mallatoon ibsaa kanaas yeroo ganni darbu yookiin birraan bari’uu ta’uu nu agarsiisa. Kunis ganni gurraacha ta’uufi birraan ifa agarsiisa kadhaan isaa akka armaan gadiitti.

    Gorogori gogori
    Waggaa nagaan nu geessee
    Galanni sihaa go’u yaa rabbi
    Kan baranaa arginee
    Kan bara dhufuunis nuga’i
    Bara kana bara nagaa godhi
    Ibsaa nagaa nuuf taasisi
    Waggaa nagaan nugeesse
    Waggaan naannoftee nuu dhufte

    Bara kana bara quufaa nuuf godhi
    Bara kana bara nagaa nuuf godhii
    Maddii maaddii nagaa nuuf godhii
    Hamaa nurraa faccisi
    Daraaroo keenya nuu barakachiisi
    Xinnaa keenya nuu guddisi
    Wallaalaa nuu beeksisi
    Beekaa keenya nuu bulchi

    24Irreecha
    Irreechi marga coqorsaafi ilillii jiituu mallattoo bakka nagaa
    Ayyaantummaafi galata martuu dhihaatu yoo ta’uu, sabni Oromoos malkaaa, tulluufi nama gidduuttis araara buusuudhaaf harkatti qabatanii dhihaachuun beekamadha. Irreechi mallattoo araaraa kan dhiifama gaafatu, walumaagalatti, hawwii, nageenyaafi qabbana kan ittiin ibsan jechuun ni danda’ama. Kadhaan yeroo irreechaa kadhatamus:

    Yaa waaq nagaan nu oolchi
    Bakkee nagaa nuu godhi
    Qe’ee nagaa nuuf taasisi
    Biyya isa kaanis nagaa nuu godhi
    Bokkuu nagaa nuuf taasisi
    Caffee nagaa nuuf guddisi
    Kan dhalate nuuf guddisi
    Rimaa haphee nuu taasisi
    Korma cirrii nuu taasisi
    Dhalattuu dhalatte nuu guddisi
    Dhala mandhee nuu godhi
    Qoonqoo quufa nuu godhii
    Nabsii bultum nuu godhi

    Oromoon yennaa rreecha irreeffatu waalama of keessaa qaba.
    Isaanis: yeroo birraan bari’uufi yeroo ganni dhufeedha. Innis ibsaa qabsiifatee. Marga cirateeti Kadhaan isaas kan armaan gadiiti.

    Bara kana bara nagaa nuuf taasisi
    Bara quufaa nuuf taasisi
    Bara jireenyaa nuuf godhi
    Bara gammachuu nuuf godhi
    Bara argachuu nuu godhi
    Bara badhaadhinaa nuuf taasisi
    Bara barumsaa nuuf taasisi.

    Irreechi bakka tokko tokkotti bokkuu jedhama. Bakka kaanitti immoo bishaan guddaarratti walga’anii kadhatu. Odaa jalattis ni irreeffatu. Sababni isaas odaan mallattoo eenyummaa saba Oromoo waan ta’eef.

    Oromoon naannoo shawaa ennaa ganni roobu, yennaa lafti dhoqqaa’u dhaddach bokkuu ni cufa. Sababni inni dhaddacha bokkuu cufuufis, galaanni waan guutuuf, lafti waan dhoqqaa’uuf, namni waan wal hin argineef, cufa. Inni biroo ganna ganna midhaan adda addaa qotee waan facaasuuf kana sababeeffatee dhaddacha kana cufa.

    Dhaddachi kun yerooo inni banamus yeroo birraan bari’u ykn ibsaa waggaa har’a nuti masqala jennu. Mallattoon ibsaa kanaas yeroo ganni darbu ykn birraan bari’u nu agarsiisa. Kunis ganni gurraacha ta’uufi birraan ifa ta’uu ibsa.
    Yeroo kanas seera guuttatee walwaanisiseetu tokko kootta jedhee, dhufee dubbadhu jedhee akkati dhufte nageenyi haa dhufu jedhee

    Bakkalchi milkii haa ta’u
    Bakkeen nagaa haa ta’u
    Kan adeeme haa galu
    Kan maseene haa galu

    Kormi cirrii haa ta’u
    Rimaan laphee haa ta’u
    Barbadaan suga haa ta’u
    Booruun gabbina haa ta’u
    Koleen haa marmaartu
    Teessuun haa mandiitu
    Waaqni lolee lafti haa tolu
    Irraa goruu dogoggoruu nu haa baasu
    Biyyi keenya nagaa haa ta’u
    Biyyen keenya nagaa haa magarsu
    Gadaan biyyaa haa tolu
    Gadadoon biyyaa haa badu.

    Jirbii jiru nu hindabarsin
    Midhaan jiruu nu hin balleessini
    Bakkeen riqituu haa ta’u
    Nabseen bultum haa ta’u
    Jaarsi haa bulu
    Dargaggeessi haa sugaa’u
    Waliigaltee nuuf haa kennu
    Jedhee eebbiseetu bokkuun kun banameera, guutuudha hindhangala’u. Karaa gadi- jinfuudha, guungumni hin jigsu, toshi hin balleessu guutuudh jedheetu dhaddacha isaa kana itti fufa. Irreessi kan irreeffatamu haala kanaan waggaatti ji’a tokko birraan bari’uufi ganni darbu sababa godhachuun haala kanaan mirkaneeffata.

    2.5 . kadhaa yeroo Beelaa
    Roobdee hin tortorsn
    Caamtee hin goggoosini
    Waraansa jalaa nu baasi
    Dhibee hamaa nu baasi
    Beela jalaa nu baasi
    Yaa waaq nuu roobi
    Yaa waaq nuu gorari

    Uumtee nu hin balleessi ni
    Mukti keenya gogee hin badin
    Lafti keenya gogee hin badin
    Yaa abbaa keenyaa beelaan nu hin fixin
    Dhalataa keenyaa beelaa hin fixin
    Rooba keessaa nuuf laadhu
    Maama keessaa nuuf laadhu
    Lekkee kee nuuf roobi
    Nu hin balleessini
    Nu hin dheebossini

    Yaa waaq nu gorori
    Yaa baraa abeeti
    Kan waaqni godhe balleessitaa abeeti
    Mee yaa baraa abeeti
    Yaa waaqaa abeeti
    Mee nuu gorori
    Mee qabbana kee nuu buusi
    Gaaddisa kee nuu buusi
    Duumessa kee nuu buusi
    Kan roobee tortorsi nu baasi
    Kan caamee goggossu nu baasi
    Dambaaraa alaa kana nuu buusi
    Mee maaddii keessa nuu buusi
    Mee bara kaa keessa nuu buusi
    Gorora kee itti nuu tufi
    Mee isuma suga nuu godhi

    kadhaa yeroo sirna gadaa
    Oromoon sirna ittiin bulmaataa qaba. Sirni ittiin bulmaataa kunis sirna gadaa jedhama. Gadaa kana keessatti kadhaan waaqaa gahee guddaa qaba. Innis kan adeemsifamu namoota muudamuun adeemsa sirna gadaa kana keessatti gahee qaban Abbaa gadaa jedhamuun kan gaggeeffamu yoo ta’u, akkaataan itti waaqa kan armaan gadii kana fakkaata.

    Yaa waaq nagaan nu oolchitee nagaan nu bulchi
    Bakkee nagaa nuu godhi
    Bokkuun nagaa haa ta’u
    Caffeen nagaa haa ta’u
    Kan dhalate haa guddatu
    Kan guddate haa beeku
    Rimaan haphee haa ta’u
    Kormi cirrii haa ta’u
    Dhalataafi dhalattuun haa guddattu
    Dhalchee haa dhungatu
    Dhalli may’ee haa ta’u
    Qoonqoon quufa haa ta’u
    Nabsiin bultum haa ta’u

    Bakkalchi biqqii haa ta’u
    Bakkeen nagaa haa ta’u
    Dhalamoon deetti haa ta’u
    Duulli dannama haa ta’u
    Dheedee haa barbadeessu
    Barbadaan sifaa haa ta’u
    Sifuun gabbina haa ta’u
    Dhugee haa booreessu
    Booruun gabbina haa ta’u
    Rimaan haphee haa ta’u
    Dhalee dil’uu haa buusu

    Bokkuun nagaan ga’ee galata
    Waggaan nagaan ga’ee galata
    Bokkuun gamaa gamanaa nagaadha galata
    Biyyi nagaadhaa galata
    Mootummaan nagaadhaa galata

    Inni qotattu siif haa bara katu
    Inni tikfattu siif haa horu
    Inni nagaa dubbatu nagaa ii haa ta’u
    Balaa nu haa baasu
    Yaraa nu haa baasu
    Malkaan kun malkaa hin guune nuu haa ta’u
    Malkaan kun malkaa hin duune haa ta’u
    Inni gamaa haa ofkalu
    Inni gamanaa haa ofkalu

    Bakkalchi milkii haa ta’u
    Bakkeen nagaa haa ta’u
    Qoonqoon quufa haa ta’u
    Nabseen bultum haa taatu
    Hiddi allaanduu haa ta’u
    Hallayyaan dirree haa ta’u
    Oolli didibbee haa ta’u

    Biyyi keenya nagaa haa ta’u
    Biyyeen keenya nagaa haa magarsu
    Gadaan biyyaa haa ta’u
    Gadadoon biyyaa haa ba’u
    Jirbii jiru nu hindaarsin
    Bakkeen riqituu haa ta’u
    Nabseen bultum haa taatu
    Jaarsi nuuf haa bulu
    Dargaggeessi haa sugaa’u
    Walii galtee nuuf haa kennu

    Yaa rabbii keenyaa adeemaa
    Nagaan galchi
    Beela’aa beela baasi
    Dheebotaa dheebuu baasi
    Yeroo hundumaa siif sagadna
    Si sodaanna si ulfeessina
    Walii keenya nuuf eebbisi
    Bakka nagaa nuuf taasisi
    Balaa tasaa nurraa fageessi

    Kan jaalatuu nu jiraachisi
    Oofuu jennee siif sagannaa
    Galata siif galchinaa
    Yaa rabbi tokkichaa
    Kadhaa keenya nuuf dhaga’i
    Iddoo yaanuufi iddoo bulluun nu ga’i
    Kan siif laanne nuuf sooradhu
    Lubbuu keenya nuuf qusadhu
    Ijoolleef nagaa kee nuuf kenni
    Horii keenya nuuf eebbisi

    Ayyaanni abbaa keenyaa
    Ayyaanni haadha keenyaa
    Nagaa nuu kenni
    Hamaa nurraa qabi
    Nama ganaa nutti qabi
    Kan ormaa nurraa qabi
    Kan keenyaan nu bulchi

    Abddaariin keenya waaqni nu uumte
    Daafamaa nurraa qabi
    Nu eegi nu tiksi
    Bakka nagaa nu oolchi
    Karra keenya eegi
    Bara nu baasi
    Abbaa baraa nuu ta’i…..

    • Barataa Misgaanuu !

      Waan hunda dura nagaan Waaqaa si haa gahu. Akkam jirta ?

      Dhaamsa kee kana tureen arge. Dafee deebii siif kennuu dhabuu keenyaaf dhiifama guddaa jechaa, barumsa nuuf qoodde kanaaf galanni kee guddaadha. Fuulduras harki kee nurraa hin gabaabbatiin!

  • lammii shunaa

    KANA BEEKTUU LAATA
    Ganni tokko. kan soogaati
    Jagni tokko. Diidoo Gaawoleeti
    Qaroon tokko. Liiban waataati
    Raagdi tokko. Areeroo Bosorooti
    Mootiin Dubartii tokko.Gaattoo Saaqqooti
    Fardi tokko.Boror Walee Waaccuuti
    Maddi oduu Abbaa Liiban Dabbasaa Guyyoo
    lammii shunaa

  • Maatii Sabaa

    Nagaan Waaqaa haa dursu!
    Waaqeffannaan amantii keenya; kanaaf guddifachuutti jirra; tifkachuunis dirqama keenya ta’a. Amantii kana guddisuuf waan amantiin kun qabu beeknee, walbarsiisuun akka walhubannaan Waaqeffattoota gidduu jiraatu gochuun barbaachisaa dha. Kana irratti ka’umsa gaarii yeroo ammaa mul’achaa jiru daran gabbifachuun nutti jira.
    Amantii kana guddisuuf immoo tifkachuun hojii keenya guyyuu ta’uu qaba. Namni horii tiksuuf gara dirreetti yoo yaasee bira deebi’e tiksee jira jechuu hin dandeenyu. Tiksituun gaarii kan horii tiksu san bakka dheedaniin ga’ee, yeroon obaasee, galgala immoo akka bineensi isaan hin nyaanneef mooraatti deebisee galchuu dha.
    Waan keenya haa tifkannu!

    http://youtu.be/6o4NjxiRpkk
    http://www.youtube.com/watch?v=p0KRnXUE5CM&feature=endscreen&NR=1

Leave a Reply

  

  

  

You can use these HTML tags

<a href="" title=""> <abbr title=""> <acronym title=""> <b> <blockquote cite=""> <cite> <code> <del datetime=""> <em> <i> <q cite=""> <strike> <strong>